9. Waaqayyo Musee in waame

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 1

Erga Yoseef du’ee booddee firootiin isaa hundumtuu biyya Gibxii keessa jiraatu turani. Isaanii fi ijoollee isaanii bara baay’ee achi jiraachuu itti fufani. Ijoollee baay’ees in horatani. Isaan Israa’eloota jedhamani in waamaman.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 2

Waggoota dhibbaatamaan booddee lakkoofsi Israa’elootaa baay’achaa in dhufe. Warri Gibxiis Yoseefii fi isaan gargaruuf waan inni godhe hin irraanfatani. Israa’elootni baay’achaa deemuu isaanii Gibxoonni in sodaatani. Kanaafuu yeroo sanatti Gibxi kan bulchaa ture Fari’oon Israa‘elootni warra Gibxiitiif garboota akka ta’an in godhe.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 3

Warri Gibxii Israa’elootni hojii ijaarsaa akka hojjatan; magaalaa hundumaa akka ijaaran gochuudhaan humnaan isaan in dirqisiisu turani. Hojiin itti ulfaatee jireenya isaanii rakkisaa in godhe. Waaqayyo garuu isaan in eebbise ijoollee baay’ees qabu turani.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 4

Israa’elootni akka ijoollee baay’ee qaban in arge; kanaafuu Fari’oon Israa’elootiin yoo ijoollee dhiiraa godhatan laga Abbayyaatti gadi darbachudhaan akka ajjeesan sabicha in ajaje.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 5

Dubartiin lammii Israa’el tokko ilma in deesse. Ishee fi abbaan manaa ishee mucicha hamma danda’anitti in dhoksani.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 6

Haatii fi abbaan mucichaa yommuu dhoksuudhaaf humnaa ol isaanitti ta’e waan akka bidiruu tolchanii akka bishaan irra taa’uti laga Abbayyaa irratti qaraqara dhallaadduu fuulduratti akka hin duuneef gadi in dhiisani. Obboleettiin hangafti isaa waan isa irra ga’u hubachuuf itti dhiyeenyaan hordofti turte.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 7

Intalli Fari’oon bidiricha argitee waan keessa jiru ilaalte. Mucicha arginaan akka mucaa isheetiitti guddifachuuf in fudhatte. Isheenis mucicha kan kunuunsitu dubartii lammii Israa’el in qacarte. Dubartiin qacaramtes haadha mucichaa ta’uu ishee utuu hin beekiin ture. Mucichi guddatee harma guunaan haati isaa gara intala Fari’oonitti deebiftee maqaa isaas “Muse” jedhanii moggaasani.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 8

Museen erga guddatee gaafa tokko namichi lammii Gibxii tokko garbicha lammii Israa’el ta’e tokko yommuu rukutu in arge. Museenis gosa isaa Israa’elicha olchuudhaaf in yaale.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 9

Museen homtuu kan isa argu waan itti hin fakkaanneef namichicha biyya Gibxii ajjeesee awwaale. Garuu waan Museen godhe namni tokko argee ture.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 10

Waan Museen godhe Fara’oon yeroo dhaga’e isa ajjeesuudhaaf in yaale. Museen garuu raayyaa Fara’oon jalaa of baasuudhaaf gara lafa onaatti in baqate.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 11

Museen Gibxii irraa fagoo iddoo ta’etti tiksee hoolotaa in ta’e. Biyyuma sanatti haadha manaa fuudhee ijoollee dhiiraa lama in godhate.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 12

Gaafa tokko utuudhuma Museen hoolota eegaa jiruu miciree ibiddi irraa boba’u in arge haa ta’u malee micirichi hin gubanne. Museenis sirriitti ilaaluuf gara micirichaatti in dhiyaate. Gara miciree gubachaa jirutti inna dhiyaatu sagaleen Waaqayyoo “Musee iddoo qulqulluu dhaabatteetta miilla kee irraa kophee kee baafadhu” jedheen.

13 Waaqayyos “Gidiraa saba kootii waanan argeef gara Fari’oonittan si erga. Israa’elootas garbummaa biyya Gibxii jalaa bilisa isaan in baafta. Abrihaamiif, Yisihaaqiif akkasumas Yaaqoobiif kennuudhaaf kan an abdii kenneef biyya Kana’aan isaaniifan kenna.”

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 13

Sabichi eenyutu si erge jedhanii yoo na gaafatan maalan jedhaan jechuudhaan Waaqayyon gaafate. Waaqayyos Museedhaan “Ani isa jiraataa fi kan jiraatu dha kan ‘Jiruu fi kan jiraatutu’ na erge jedhiitii isaanitti himi.” jedheen.

9. Waaqayyo Musee in waame — illustration 14

Museen waan sodaateef gara Fari’oon deemuuf hin barbaadne. Sababiin isaas dandeettii dubbii hin qabu jedhee waan yaadeef ture. Kanaafis Waaqayyo obboleessi Musee Aaron Musee wajjin akka deemuu fi akka gargaaruuf erge. Waaqayyo Musee fi Aaroniin Fari’oon sabicha gadi hin dhiisu jechuudhaan garaa isaa jabeessuu akka danda’u isaan akeekkachiiseera.

Seenaa Macaafa Qulqulluu:- Seera Ba’uu 1-4

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).