8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 1

Abbaan isaanii Yaaqoob Yoseefiin obboloota isaa hundumaa caalatti waan jaallatuufi mootii isaaniis akka ta’u Yoseef abjuu waan abjooteef obbollootni isaa Yoseefiin in jibbani. Yoseefis gara obbolaa isaatti yommuu dhufe butanii warra garba gurgurutti in gurgurani.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 2

Bara baay’eedhaan booddee Yaaqoob yommuu dulloome horii isaa kan eegan obbolaan isaa akkamitti akka jirani akka ilaaluuf ilma isaa isa jaallatu Yoseefiin in erge.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 3

Obbolaan Yoseef gara manaatti utuu hin deebi’in dura uffata Yoseef tarsaasanii dhiiga re’eetiin in makani. Achumaan uffata Yoseef isa dhiigaan makame abbaa isaaniitti agarsiisani. Innis bineensi bosonaa Yoseefiin ajjeeseera jedheetu yaade; Yaaqoobis baay’ee in gadde.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 4

Warri garba gurgurus Yoseefin gara biyya Gibxiitti fudhatani. Yeroo sanatti Gibxi qarqara laga Abbayaatti kan argamtu biyya guddittii fi ciimtuu turte. Warri garba gurgurus Yoseefiin garbicha godhaniitu sooresicha hoogganaa mootummaa tokkootti in gurgurani. Yoseef gooftaa isaa sirriitti in tajaajile. Waaqayyos Yoseefiin in eebbise.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 5

Haati manaa gooftaa isaa Yoseef wajjiin ciisuuf in yaalte. Yoseef garuu Waaqayyoon duratti cubbuu hin godhu jedheetu dide. Isheenis waan isatti aarteef sobaan himattee gara mana hidhaatti geessame. Mana hidhaattis yoo ta’e Waaqayyoof amanamaa ta’ee waan argameef Waaqayyo isa in eebbise.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 6

Yoseef nama qulqulluu yoo ta’e illee waggoota lama booddeeyyuu ammas manuma hidhaa keessa ture. Halkan gaafa tokko Gibxoonni “Mootii” keenya inni jedhan Faari’oon abjuu baay’ee isa jeeqan lama in abjoote. Gorsitoota isaa keessaa eenyu illee hiikoo isaa isatti himuuf hin dandeenye.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 7

Waaqayyo Yoseefiif kennaa abjuu hiikuu isaaf kennee ture; kanaafuu Faari’oon Yoseefiin mana hidhaatii gara mana isaatti in fichisiise. Yoseef abjuu isaa hiikeefii akkana jedheen “Waaqayyo bara quufaa torba in erga; itti fufees bara beelaa torbatu ta’a” jedhe.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 8

Fari’oonis Yoseefiin baay’ee ajaa’ibsiifatee; biyya Gibxii irratti ofiisaatti aansee hogganaa lammaffaa godhee in muude.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 9

Yoseefis sabichi waggoota oomisha gaarii torban keessatti midhaan baay’ee gombisaatti akka kuufatan itti hime. Waggootni bara beelaa torban yommuu qaqqabani immoo Yoseef midhaan gombisaadhaa baasee waan sabichatti gurgureef nyaata nyaatamu gahaa ta’e in argtani.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 10

Hameenyi beellichaa biyya Gibxiitti qofa utuu hin taane, Yaaqoobii fi maatiin isaa iddoo jiraatan Kana’aan keessas immoo akkasuma jira ture.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 11

Yaaqoob ijoolleen isaa akka midhaan bitaniif gara Gibxiitti isaan erge. Obbolaan Yoseef midhaan bituuf dhaqani isa dura yeroo dhaabbatan isa hin hubanne Yoseef garuu isaan beekeera.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 12

Yoesef obboloota isaa erga qoree booddee jijjiiramuu isaanii ilaaluuf akkana jedheeni “Hin sodaatinaa, ani obboleessa keessan Yoseefi dha yommuu garbummaatti na gurgurtani hammeenya narratti godhuuf yaaltani, haa ta’u malee Waaqayyo hammeenyicha gaariidhaaf godhe koottatii biyya Gibxii keessa jiraadhaa. Anis isinii fi maatii keessaniif waan barbaachisu nan dhiyeessa.”

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 13

Obbolaan Yoseef gara biyya isaaniitti deebi’anii Yoseef lubbudhaan jiraachuu isaa abbaa isaanii Yaaqoobitti yommuu himan Yaaqoob baay’ee in gammade.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 14

Yoo Yaaqoob jaarsa ta’ee illee maatii isaa hundumaa wajjin gara Gibxii dhaqee achi in jiraatani. Yaaqoob utuu hin du’iin dura maati isaa tokko tokkoon isaan in eebbise.

8. Waaqayyo Yoseefii fi maatiisaa in oolche — illustration 15

Waadaan Waaqayyo Abrihaamiif gale sagaleewwan abdii gara Yisihaaqitti darbani, achiis gara Yaaqoobitti, itti fufeesi gara ijoollee Yaaqoob kudha lamaanii fi maatii isaaniitti darbe. Sanyiin ijoollee kudha lamaanii qomoowwan Israa’el kudha lamaan in ta’ani.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Seera Uumamaa 37-50

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).