10. Dha’icha kurnan
Musee fi Aaron gara Fari’oon in dhaqan. “Waaqni Israa’el saba koo gadi dhiisi.” siin jedha isaan jedhan. Fari’oon isaan hin dhageenye. Israa’elootni bilisa ta’anii akka ba’an gochuu didee hojii ulfaataa itti cimsee akka hojjatan isaan in godhe.
Fari’oon sabicha gadi hin dhiisu jechuu isaa itti fufe. Kanaafuu Waaqayyo biyya Gibxiitti dha’ichoota kurnan itti in erge. Waaqayyo karaa dha’ichawwan kurnaniitiin Fari’oonii fi waaqota biyya Gibxii caalatti guddaa akka ta’e Fari’oonitti in argisiise.
Waaqayyo bishaan laga Abbayyaa gara dhiigaatti in jijjiire, haa ta’u malee Fari’oon ammas Israa’eloota gadi hin dhiifne.
Waaqayyo biyya Gibxii hunda irratti raachota itti erge. Fari’oon Museen akka raacha isaan irraa fageessuuf in kadhate. Ta’es hafes garuu raachi hudumtuu in du’ani. Fari’oon garaa isaa jabeessee Israa’elootni biyya Gibxiitii akka ba’aniif gadi isaan hin dhiifne.
Kanaafuu Waaqayyo bookee itti erge. Achumaan tisiisa itti erge. Fari’oonis Musee fi Aaron Waamee dha’icha yoo irraa dhaabani biyya Gibxiitii ba’uuf akka danda’an isaanitti hime. Museen kadhannaan Waaqayyo tisiisota hundumaa biyya Gibxii irraa in fageesse. Garuu Fari’oon garaa isaa akkuma jabeessetti ammas sabicha gadi hin dhiifne.
Itti fufees waaqayyo horiin biyya Gibxii hundi dhukkubsatanii akka du’an in godhe. Fari’oon garuu garaa isaa waan jabaateef Israa’eloota gadi hin dhiifne.
Achumaan Fari’oon duratti akka daaraa gara samiitti ol facaasuuf Waaqayyo Museetti in hime. Daaricha yeroo inni ol facaase namoota biyya Gibxii irratti madaan dhukkubaa in ta’e, Israa’eloota irratti garuu madichi hin taane. Waaqayyo garaa Fari’oon in jabeesse. Fari’oonis Israa’eloota gadi hin dhiifne.
Sana booddee biqiltuu biyya Gibxii jiru baay’ee isaa kan balleessee fi nama ala ture kam iyyuu kan ajjeese cabbii Waaqayyo itti erge. Fari’oonis Musee fi Aaron waamee “Ani cubbuu hojjedheera, deemuuf in dandeessu.” Jedhe isaanitti in hime. Achumaan cabbiin waaqa irraa gadi roobuu in dhise.
Fari’oon garuu ammas dabalee cubbuu godhe garaa isaas in jabeesse. Israa’elootas gadi hin dhiifne.
Kanaafuu Waaqayyo tuuta awwaanisaa biyya Gibxiitti fide. Awwaanisootni kun immoo miidhaan cabbiin hin balleessine hundumaa in nyaatani.
Achiis Waaqayyoo dukkana guyyaa sadiif ture itti erge. Warri Gibxii hamma akka itti manaa gadi ba’an dhabanitti baay’ee itti dukkanaa’ee ture. Iddoo Israa’elootni jiraatanitti garuu ifa ture.
Dha’ichawwan saglan kana booddee iyyuu Fari’oon ammas Israa’eloota gadi hin dhiisu jedhe. Fari’oon waan hin dhageenyeef Waaqayyo dha’icha isa dhumaa tokko erguuf murteesse. Inni kun yaada Fari’oon in jijjiira.
Seenaa Macaafa Qulqulluu:- Seeraa Ba’uu 5-10
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).