7. Waaqayyo Yaaqoobiin in eebbise
Ijoolleenis in guddatani, Yaaqoob haadha isaa wajjin mana turuu jaallata ture. Esaawu garuu adamoo adamsuu jaallata ture. Ribqaan Yaaqoob in jaallatti; Yisihaaq garuu Esaawun jaallata ture.
Guyyoota keessaa gaafa tokko Esaawu adamoodhaa deebi’ee yommuu dhufu baay’ee beela’ee ture. Esaawu Yaaqoobiin “maaloo nyaata qopheesite irraa xinnoo naa kenni” jedheen.Yaaqoobis dura mirga hangafummaa kee naaf kenni jedhee deebiseef. Kanaafuu Esaawu mirga hangafummaasaa Yaaqoobiif kenneefi, achuman Yaaqoob nyaata qopheesse irraa kenneef.
Yisihaaq eebbasaa Esaawuf kennu in barbaade. Garuu utuu inni kana hin raawwatiin dura Ribqaa fi Yaaqoob Yisihaaqiin gowwoomsani. Yaaqoob Esaawu fakkatee gara Yisihaaqitti dhiyaate. Yisihaaq dulloomee arguuf iyyuu hin danda’u ture. Kanaafuu Yaaqoob uffata Esaawu uffatee gogaa re’ee mormaa fi harka isaa irra keewwatee gara Yisihaaqitti dhiyaachuudhaan gowwoomse.
Yaaqoob gara Yisihaaqitti dhufee akkana jedheen “Ani Esaawu dha dhufeeraa na eebbisuu in dandessaa?” Yisihaaq gogaa re’ee sana qaqqabatee foolii uffatasaas urgeeffatee Esaawu akka ta’e yaadee eebbise.
Yaaqoob mirga hangafummaa fi eebbasaa gowwoomsee waan fudhateef Esaawu Yaaqoobiin in jibbe, abbaan isaani erga du’een booddee isa ajjeesuus in yaade.
Garuu Ribqaan kaayyoo Esaawu in dhageesse. Kanaafis Yisihaaqii fi isheen Yaaqoob akka firootaa isaa wajjin jiraatuuf gara biyya fagootti in ergani.
Yaaqoob waggoota dheeraadhaaf firoota Ribqaa wajjin jiraate. Yeroo sana gaa’ila godhatee ijoollee dhiiraa 12 fi durba tokko horateera. Waaqayyos baay’isee isa sooromse.
Kana’aan keessa waggaa digdama (20) erga jiraatee booddee Yaaqoob maatii isaa, hojjettoota isaa fi horii isaa hundumaa wajjin gara kana’aanitti deebi’uuf murteeffate.
Ammas Esaawu na ajjeesuuf yaadaa jira ta’a jedhee waan garaa isaatti yaadeef Yaaqoob in soodaate. Kanaafis harka fuudhaa akka ta’uuf horii baay’ee kenna godhe Esaawudhaaf in erge. Horii kan fidaniif tajaajiltootni Yaaqoob “tajaajilaan kee Yaaqoob horii isaan kana siif eergeera innis dhiyootti in dhufa” jedhaniin.
Esaawu garuu duruma iyyuu Yaaqoobiif dhiifama waan godheef deebi’anii wal-arguu isaaniitti gammadoo turani. Yaaqoob biyya kana’aan keessa nagaadhaan jiraate; achumaan Yisihaaq in du’e, Yaaqoobii fi Eesaawu isa awwaalani. Waaqayyo abdii waadaa Abrihaamiif gale amma Yisihaaq irraa gara Yaaqoobitti darbeera.
Seenaa Macaafa Qulqulluu:-Seera Uumamaa 25:27-33:20
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).