6. Waaqayyo Yisihaaqiif haadha manaa in qopheseef

6. Waaqayyo Yisihaaqiif haadha manaa in qopheseef — illustration 1

Yommuu Abrihaam baay’ee dulloometti Yisihaaq fuudha ga’ee ture. Kanaafuu Abrihaam tajaajiltoota isaa keessaa isa tokko gara biyya firoota isaa dhaqee ilma isaatiif akka haadha manaa fiduuf erge.

6. Waaqayyo Yisihaaqiif haadha manaa in qopheseef — illustration 2

Gara firootiin Abrihaam jiraatan adeemsa baay’ee booddee inqaqqabe. Waaqayyos tajaajilaa Abrihaam isa ergame gara Ribqaatti qajeelche. Ribqaan intala ilma obboleessa Abrihaam turte.

6. Waaqayyo Yisihaaqiif haadha manaa in qopheseef — illustration 3

Ribqaan maatii ishee dhiiftee tajaajilticha wajjin gara Yisihaaq ademuuf walii galte. Akkuma geesseen Yisihaaq ishee in fuudhe.

6. Waaqayyo Yisihaaqiif haadha manaa in qopheseef — illustration 4

Yeroo dheeraan booddee Abrihaam duunaan Waaqayyo waadaa Abrihaam wajjin gale hundumtu gara Yisihaaqitti in darbe. Waaqyyos Abrihaamiif sanyii lakkaa’amuu hindandandeenye akka qabaatu abdii kenneefii ture. Haa ta’u malee haati manaa Yisihaaq Ribqaani ijoollee godhachuuf hin dandeenye.

6. Waaqayyo Yisihaaqiif haadha manaa in qopheseef — illustration 5

Yisihaaq Ribqaadhaaf kadhannaan Ribqaani ijoollee lakkuu akka ulfooftuuf fedha Waaqayyo in ta’e. Ijoolleen lachuu utuudhuma garaa Ribiqaa keessa jirani wal-morku turani. Ribiqaanis wanti garaa ishee keessatti ta’aa jiru kuni maal akka ta’e Waaqayyoon in gaafatte.

6. Waaqayyo Yisihaaqiif haadha manaa in qopheseef — illustration 6

Waaqayyos Ribqaadhaan “Ijoollee garaa kee keessa jiran ijoollee lamaan irraa saba lamatu ba’a isaanis waliin morku hangaftis isa quxisuu in tajaajila” jedheen.

6. Waaqayyo Yisihaaqiif haadha manaa in qopheseef — illustration 7

Ribqaan ijoollee yeroo deesse inni hangafti diimaa rifeensa baay’ee kan qabu ta’ee in ba’e “Esaawu” jedhanii maqaa isaa moggaasani; ilmi quxisuunis luka Esaawu qabatee ba’e, maqaasaas “Yaaqoob” jedhanii moggaasani.

Seenaa Macaafa Qulqulluu:- Seeraa Uumamaa 24: 1-25, 26

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).