5. Ilma Abdichaa

5. Ilma Abdichaa — illustration 1

Waggoolee kudhan booddee Abraam fi Sooraan Kana’aan ga’ani; amma ammaatti ilmoo hin qaban turan. Kanaafuu haati manaa Abraam Sooraan akkana jetteen “Waaqayyo akkan ilmoo hinqabaanneef waan na dhoowwateef akkasumas waanan dulloomeef tajaajiltuun koo Aggaar kunoo ti fuudhi anaafis ilmoo naaf haa deessu” jetteen.

5. Ilma Abdichaa — illustration 2

Kanaafuu Abraam Aggaariin in fuudhe. Aggaaris ilma indeesse. Abraamis “Ismaa’el” jedheeti maqaa moggaasef, haa ta’uu malee Sooraani Aggaaritti inaafte; Ismaa’el waggaa kudha sadii yommuu ta’u Waaqayyo Abraamiin akkana Jedhe.

5. Ilma Abdichaa — illustration 3

Waaqayyos Abraamiin “Ani Waaqa hunda danda’aadha si wajjin waadaa nan gala” jedhe. Abraamis adda isaatiin lafa irratti in kufe. Waaqayyos Abraamiin jedhe “Ati abbaa saba baay’ee intaata. Lafa biyya Kana’aan si’ii fi sanyii keetiif dhunfaa godhee isiniif nan kenna anis Waaqaa isaanii isa baraa baraa nan ta’a atis maati kee keessatti dhiira argamu hundumaa dhaqna qabi” isaan jedhe.

5. Ilma Abdichaa — illustration 4

Waaqayyos “haati manaa kee Sooraan ilma siif in deessi innis immoo ilma abdii in ta’a maqaa isaas Yisihaaq jettee in waamta waadaa koos isaa wajjin nan godha. Innis saba guddaa in ta’a. Ismaa’eliinis saba guddaa nan taasisa; garuu waadaan koo Yisihaaq wajjin in ta’a” jedheen. Waaqayyos maqaa Abraamiin “Abrihaam” jechuudhaan jijjiireef hiikoon isaas “Abbaa warra baay’ee” jechuu dha. Waaqayyo maqaa Sooraas “Saaraa” jechuudhaan jijjireef hiikoon isaas “Haadha warra baay’ee” jechuu dha.

5. Ilma Abdichaa — illustration 5

Gaafuma sana Abrihaam dhiirota mana isaatti argaman hundumaa dhaqna in qabe. Waggaa tokko booddee Abrihaam umriin isaa waggaa 100 yommuu ta’eefi Saaraan immoo Waggaa 99 yommuu taate Abrihaamiif ilma in deesse. Akkuma Waaqayyo isaaniin jedhetti maqaa isaa “Yisihaaq” jedhee in moggaase.

5. Ilma Abdichaa — illustration 6

Yisihaaq yommuu dargaggeessa ta’e Waaqayyo Abrihaamiin akkana jechuudhaan qore; “Ilma kee tokkicha fuudhii anaaf aarsaa godhiitii dhiyeessi” jedhe; ammas Abrihaam Waaqayyoof abboomamee ilmasaa aarsaa gochuudhaaf in qophaa’e.

5. Ilma Abdichaa — illustration 7

Abrihaamii fi Yisihaaq gara iddoo aarsaan itti dhiyaatuutti deemuu akkuma jalqabaniin Yisihaaq abbaa isaatiin “Yaa abbaa koo qoraan aarsaa kunoo ti hoolaan garuu meerre?” jechuudhaan gaafate. Abrihaamis “Yaa ilma koo hoolaa aarsaa Waaqayyo in qopheessa” jedhee deebiseef.

5. Ilma Abdichaa — illustration 8

Iddoo aarsaan itti dhiyaatu akkuma ga’aniin Abrhaam ilmasaa hidhee iddoo aarsaa irra in ciibse. Abrihaamis ilmasaa qaluudhaaf harka isaa diriirfatee halbee kaase; Waaqayyo “Dhiisi ilma kee irratti miidhaa tokko illee akka isa irratti hin qaqqabsiifne akka na sodaattuu fi ilma kee tokkicha garaa laaftee akka na hin dhoowwanne amma beekeera” jedheen.

5. Ilma Abdichaa — illustration 9

Achuma dhiyootti hoolaa miciree keessatti hidhame Abrihaam inarge. Waaqayyo hoolaa bakka Yisihaaq aarsaa ta’u qopheessee ture. Abrihaamis gammachuudhaan hoolicha aarsaa godhee dhiyeesse.

5. Ilma Abdichaa — illustration 10

Waaqayyos Abrihaamiin jedhe; “Ilmi kee tokkichi illee utuu hin hafin kan qabdu hundumaa naaf kennuuf fedha qabeessa waan taateef si eebbisuuf waadaa nan gala. Sanyiin kee urjiilee samii caalaa in baay’atu, waan anaaf abboomamteef sabni biyya lafaa hundumtuu si’iin in eebbifamu.”

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Seeraa Uumamaa 16-20

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).