4. Waadaa Waaqayyoo Isa Abraam wajjinii

4. Waadaa Waaqayyoo Isa Abraam wajjinii — illustration 1

Bara baay’ee bishaan badiisaa booddeetti sabootni biyya lafaa irratti deebi’anii in baay’atani. Hundumtuu afaan gosa tokkoo in dubbatu turani. Akka Waaqayyo isaan abboometti biyya lafaa irratti baay’atanii guutuu caalatti iddoo tokkotti walitti qabamanii magaalaa inijaarani.

4. Waadaa Waaqayyoo Isa Abraam wajjinii — illustration 2

Isaanis of tuultotaa fi waan Waaqayyo isaanitti dubbateef kan of in eegganne turani. Irra caalatti waaqa qaqqabuudhaaf gamoo dheeraa ijaaruu in jalqabani. Waaqayyos namootni kuni hamaa gochuu, kanumaanis itti fufuu isaaniis in arge. Cubbuu kana irra caalaa hammaates gochuudhaaf indanda’u turani.

4. Waadaa Waaqayyoo Isa Abraam wajjinii — illustration 3

Kanaafuu Waaqayyo afaan isaanii gara afaan baay’ee garaa garatti jijjiiree sabicha gara biyya lafaa hundumaatti in bittimse. Magaalaan isaan ijaaruuf jalqaban maqaan isaa Baabiloon jedhama. Hiikoon maqichaas kan wal-makate yookin kan mala dhabe jechuu dha.

4. Waadaa Waaqayyoo Isa Abraam wajjinii — illustration 4

Waggoota dhibba booddee Waaqayyo nama Abraam jedhamutti dubate. Waaqayyos akkas jedheen, biyyaa fi maatii kee dhiisiiti gara ani sitti agarsiisu dhaqi. Achittan si eebbisa; saba guddaas sin godha, maqaa kee nan guddisa kan si eebbisan nan eebbisa kan si abaaran nan abaara, sababa keetiin namootiin biyya lafaa hundinuu in eebbifamu.

4. Waadaa Waaqayyoo Isa Abraam wajjinii — illustration 5

Abraam Waaqayyoof abboomamee haadha manaa isaa Sooraa, tajaajiltootaa fi qabeenya isaa hundumaas fudhatee gara lafa Waaqayyo isatti agarsiisee gara biyya kana’aan adeeme.

4. Waadaa Waaqayyoo Isa Abraam wajjinii — illustration 6

Abraam yommu Kana’aan ga’e Waaqayyo “Naanno kee kan jiru hundumaa ilaali lafa argitu hundumaa si’ii fi sanyii keetiif dhaala godhee isiniif nan kenna” jedheen. Abraamis biyya sana in taa’e.

4. Waadaa Waaqayyoo Isa Abraam wajjinii — illustration 7

Guyyoota keessaa gaafa tokko Abraam Malkasedeq kan jedhame luba Waaqayyoo isa guddichaa argate.Malkasedeqis Abraamiin in eebbise akkanas jedheen “Waaqayyo guddichi abbaan waaqaa fi lafaa Abraamiin haa eebbisu” Abraamis Malkasedeqiif qabeenya isaa hundumaa keessaa kurnaffaa in kenneef.

4. Waadaa Waaqayyoo Isa Abraam wajjinii — illustration 8

Waggooleen baay’een yoo darban iyyuu Abraamii fi Sooraan amma iyyuu ilmoo malee in jiraatu turani. Waaqayyo Abraamiif irra deebi’ee abdii kenneefi akka ilmoo qabaatuu fi sanyiinsaas akka urjiilee samiitti akka baay’atan itti hime. Abraamis abdii Waaqayyootti in amanate. Abraam abdii Waaqayyootti amanachuu isaatiif tola ta’ee in lakkaa’ameef.

4. Waadaa Waaqayyoo Isa Abraam wajjinii — illustration 9

Waaqayyos Abraam wajjin waadaa gale. Wadaan gosa lama gidduutti walii galtee godhamu dha. Waaqayyos Abraamiin “Ilmoodhuma garaa kee siif nan kenna” jedheen. “Sanyii keetiif lafa kana nan kennaaf.” Abraam garuu yeroo sana ilmoo malee ture.

Seena Macaafa Qulqulluu:- Seera Uumamaa 11-15

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).