49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 1

Ergamtichi tokko shamarree durbaa Maariyaam jedhamtutti Ilma Waaqayyoo akka deessu itti hime. Kanaafuu isheen durba taatee utuu jirtuu Ilma deeseetu Yesuus jettee moggaafte. Kanaafuu Yesuus Waaqas namasi.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 2

Yesuus Waaqa ta’uu isaa kan mirkaneessani dinqiiwwan baay’ee godhe. Bishaan irra in adeeme, bubbee jabaa gab godhe, dhibamtoota baay’ee in fayyise, hafuurota hamoota in baase, du’aa in kaase, akkasumas buddeena shanii fi qurxummii xixinnoo lama namoota 5000 caalaniif akka ga’u in godhe.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 3

Akkasumas Yesuus barsiisaa guddicha dha, Ilma Waaqayyoos waan ta’eef aboodhaan in dubbate. Ofii keessan akkuma jaallattanitti namoota biroos jaalladhaa jedhee barsiise.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 4

Akkasumas inni qabeenya keessan dabalate waan hundumaa akkuma jaallatanitti Waaqayyoon jaalachuun isinirra jira jedhee barsiise.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 5

Yesuus mootummaan Waaqayyoo waan biyya lafaa irra jiru kam iyyuu caalatti ulfina-qabeettii dha jedhe. Nama kamiif iyyuu wanti baay’isee barbaachisaan qomoo mootummaa Waaqayyoo ta’uu dha. Gara mootummaa Waaqayyootti galuuf cubbuu keessan irraa fayyuu qabdu.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 6

Yesuus namootni tokko tokko amananii akka fayyan, isaan biroon garuu akka isa hin amanne barsiise. Namootni tokko tokko akka lafa gaarii ti jedhe. Misiraachoo waa’ee Yesuus amananii fayyu. Namootni kan biroon sanyiin dubbii sagalee Waaqayyoo akka isa itti hin gallee firii tokko illee akka isa hin buufnee akka lafa Dhakaa kattaa karaa qarqaraa jiruu ti. Namootni sun ergaa waa’ee Yesuus dubbatu kan hin fudhannee fi gara mootummaa isaatti kan hin gallee dha.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 7

Yesuus, Waaqayyo cubbamoota akka baay’ee jaallatu barsiise. Isaaniif dhiisuudhaa fi ijoollee isaa isaan gochuuf barbaada.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 8

Akkasumas Waaqayyo cubbuu akka jibbu Yesuus nutti himeera. Addaamii fi Heewaan yommuu cubbuu godhan cubbuun sanyii isaanii hundumaa in miidhe. Kana irraan kan ka’ee namni lafa irra jiru hundumtuu cubbuu in godha Waaqayyo irraas addaan in ba’a. Kanaafuu namni hundumtuu diina Waaqayyoo ta’eera.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 9

Garuu kan isatti amane hundumtuu jireenya baraa baraa akka argatuuf malee akka hin badneef Waaqayyo hamma tokkicha Ilma isaa kennutti biyya lafaa akkanumaan jaallateera.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 10

Sababa cubbuu keessaniitiin isin yakkamtoota waan taataniif du’atu isiiniif ta’a. Waaqayyo isinitti dheekkamuutu irra ture. Garuu dheekkamsa isaa isin irratti buusuurra Yesuus irratti buuse. Yesuus yommuu fannoo irratti du’e adabbii keessan fudhate.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 11

Yesuus gonkumaa cubbuu hin goone, garuu cubbuu keessaniif akkasumas cubbuu nama biyya lafaa irra jiru hundumaa haquudhaaf adabamuu fi aarsaa mudaa hin qabne ta’ee du’uu filate. Yesuus waan ofiidhuma isaa aarsaa godheef, Waaqayyo cubbuu kam iyyuu, cubbuu haamaa ta’ee illee dhiisuuf in danda’a.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 12

Hojjiiwwan gaggaariin isin fayyisuudhaaf hin danda’ani. Waaqayyoon wajjin walitti dhufeenya godhachuuf wanti gochuu dandeessan homtuu hin jiru. Yesuus qofatu cubbuu keessan isin irraa dhiquu danda’a. Yesuus Ilma Waaqayyoo ta’uu isaa, qooda keessan fannoo irratti du’uu isaa, Waaqayyos du’aa akka isa kaase qofa amanuu qabdu.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 13

Waaqayyo nama Yesuusitti amanuu fi kan Gooftaa isaa godhatee fudhatu kam iyyuu in fayyisa. Sooreyyii yookiin hiyyeessota, dhirra yookiin dubartii, jaarsa yookiin dargaggeessa, yookiin eessumayyuu yoo jiraattan homaa miti. Waaqayyo isinii wajjin walitti dhufeenya dhiyoo qabaachuuf akka danda’uuf isin jaallata, Yesuusitti akka amantanis in barbaada.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 14

Yesuusitti akka amantanii fi akka cuuphamtaniif isin in affeera. Yesuus Masihi tokkicha Ilma Waaqayyoo ta’uu isaa in amantuu? Cubbamoota ta’uu keessanii fi adabbii Waaqayyoof kan taatan ta’uu keessan in amantuu? Yesuus cubbuu keessan haquudhaaf fannoo irratti du’uu isaa in amantuu?

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 15

Yesuusii fi waan inni isiniif godhetti yoo amantani, isin kristaanota! Waaqayyo Seexanaa fi mootuummaa dukkanaa keessaa isin baasee mootummaa ifaa isa kan Waaqayyoo keessa isin kaa’eera. Waaqayyo karaa wantoota ittiin raawwatani isa cubbuutii fi isa moofaa fageessee karaa raawwii haaraa fi qajeelaa ta’e isiiniif kenneera.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 16

Isin Kristaanota, sababii hojji Yesuus hojjeteef, Waaqayyo cubbuu keessan isiniif dhiiseera. Amma Waaqayyo qooda diinummaa firoota dhiyoo godhee isin lakkaa’a.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 17

Firoota Waaqayyoo fi tajaajiltoota Gooftaa Yesuus yoo taatani, waan Yesuus isin barsiisuuf in ajajamtu. Kristaanota yoo taatan illee ammas cubbuu gochuuf in qoramtu. Garuu Waaqayyo amanamaa waan ta’eef cubbuu keessan yoo himattan isinifan dhiisa jedha. Jabina ittiin cubbuu mormitan isiniif in kenna.

49. Waadaa Waaqayyoo isa Haaraa — illustration 18

Waaqayyo akka kadhattan, akka sagalee isa qu’attani, kristaanota biroo wajjin akka waaqeffattan, waan inni isiniif godhe akka warra kaanitti himtan isin in gaafata. Wantootni kun hundumtuu isaa wajjin gadi fageenyaan walitti dhufeenya akka qabaattaniif isin gargaaru.

Seenaa Macaafa Qulqulluu:- Rom.3:21-26, 5:1-11, Yoh.3:16, Mar. 16:16, Qol.1:13-14, 2Qor.5:17-21, 1Yoh.1:5-10

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).