48. Yesuus Masihicha isa abdachiifamee dha!
Yeroo Waaqayyo biyya lafaa uume wanti hundumtuu mudaa malee ture. Cubbuun hin turre. Addaamii fi Heewaan walii isaanii wal jaallatu turan, Waaqayyoonis in jaallatu turan. Dhibeen yookin duuti hin turre. Waaqayyo biyyi lafaa akka taatu kan barbaade akkana ture.
Dhaaba keessatti Seexanni Heewaaniin dogoggorsuuf karaa bofichaa itti dubbate. Sana booddee isheenii fi Addaam Waaqayyo irratti cubbuu godhani. Sababa isaan cubbuu godhaniif namootni biyya lafaa irra jiran hundumtuu in dhukkubsatu, in du’us.
Sababa Addaamii fi Heewaan cubbuu godhaniif wanti gadheen sana caalu illee in ta’e. Isaan diinota Waaqayyoo in ta’ani. Kanarraan kan ka’e yeroo sana irraa kaase namni hundumtuu amala cubbuutiin dhalateera, akkasumas diina Waaqayyoo ta’eera. Waaqayyoo fi namoota gidduu kan ture walitti dhufeenyi cubbuudhaan addaan in cite. Waaqayyo garuu walitti dhufeenya sana deebisuudhaaf kaayyoo in qaba ture.
Sanyiiwwan Heewaan keessaa tokko mataa Seexanaa akka tumu, Seexannis faana isaa akka madeessu Waaqayyo abdii in kenne. Kunis Seexanichi Masihicha in ajjeesa, garuu Waaqayyo deebisee isa in kaasa jechuu dha. Achumaan Masihichi humna Seexanaa hamma bara baraan in tuma. Bara baay’eedhaan booddee Waaqayyo Masihichi Yesuus akka ta’e in ibse.
Yeroo Waaqayyo biyya lafaa hundumaa bishaan badiisaatiin balleesse, namoota isatti amanan oolchuudhaaf doonii in dhiyeesse. Karaadhuma kana fakkaatuun namni hundumtuu sababa cubbuu isaatiin baduun kan isaaf ta’u ture, Waaqayyo garuu nama isatti amanu fayyisuuf Yesuusiin in kenne.
Waggoota dhibba baay’eedhaaf lubootni cubbuu isaaniitiif adabbii ta’uun irra jiru isaanitti mul’isuudhaaf waa’ee sabichaatiif utuu wal irraa hin kutiin aarsaa Waaqayyoof in dhiyeessani. Aarsaawwan sun hundumtuu garuu cubbuu isaanii balleessuudhaaf hin dandeenye. Yesuus hangafa lubootaa isa guddaa dha. Luboota isaan biraa hunda irraa haala adda ta’een cubbuu namoota biyya lafaa hundumaa haquudhaaf kan danda’u aarsaa tokkicha godhee ofii isaa in dhiyeesse. Adabbii cubbuu namni kam iyyuu godhe tokko tokkoon waan fudhateef Yesuus hangafa lubootaa isa mudaa hin qabnee dha.
Waaqayyo Abrihaamiin, “Qomoon saba lafaarraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu” jedhee itti hime. Yesuus dhaloota Abrihaam keessaa ti. Karaa isaa qomootiin saba hundumaa eebbifamaniiru, sababiin isaas kan Yesuusitti amanu tokkoon tokkoon namaa cubbuu irraa fayyeera, akkasumas dhaloota hafuuraa kan Abrihaam in ta’a.
Ilma isaa Yisihaaqiin aarsaa godhee akka dhiyeessuuf yommuu Waaqayyo Abrihaamitti hime, Waaqayyo bakka ilma isaa Yisihaaq hoolaa aarsaa in dhiyeesse. Hundumti keenya cubbuu keenyaan du’uun nuuf in ta’a! Garuu bakka keenya bu’ee akka du’uuf hoolaa Waaqayyoo kan ta’e Yesuusiin in kenne.
Biyya Gibxii irratti Waaqayyo balaa isa dhumaa yommuu erge, ilmoo hoolaa mudaa hin qabne qalanii dhiiga isaa michichila balbala mana isaanii irratti akka facaasan maatii Israa’elootaatti in hime. Waaqayyo yommuu dhigicha arge manootii irra darbee deeme, hangafoota ijoollee isaanii dhiirotaas hin ajjeefne. Gochi seena-qabeessi kuni Faasigaa jedhameera.
Yesuus hoolaa faasigaa keenyaa ti. Inni mudaa kan hinqabnee fi cubbuu kan hin qabnee dha, yeroo ayyaana faasigaattis ajjeefame. Namni kam iyyuu Yesuusitti yommuu amanu, dhiigni Yesuus kaffaltii cubbuu nama sanaa ti, adabbiin Waaqayyoos nama sana irraa in darba.
Waaqayyo saba isaa isa filatame Israa’el wajjin waadaa in gale. Amma garuu Waaqayyo nama hundaaf kan ta’u waadaa haaraa galeera. Sababa waadaa haaraa kanaatiin qomoo saba kamii keessa iyyuu kan ta’e namni kam iyyuu Yesuusitti amanuudhaan qomoo saba Waaqayyoo ta’uuf in danda’a.
Museen sagalee Waaqayyoo kan labse raajii guddicha ture. Yesuus garuu raajii hunda caaluu dha. Inni waaqa dha, kanaafuu wanti inni godhee fi dubbate hojii fi dubbii Waaqayyoo ti. Kanumaafi dha Yesuus dubbii Waaqayyoo jedhamee kan waamamuuf.
Sanyiiwwan isaa keessaa tokko mootii ta’ee saba Waaqayyoo irratti hamma baraa baraatti akka mo’u Waaqayyo mooticha Daawitiif abdii kenneef. Yesuus Ilma Waaqayyoo fi Masihicha waan ta’eef hamma bara baraatti mo’uudhaaf kan danda’u sanyii Daawit isa adda ta’e sana dha.
Daawit mootii Israa’el ture, Yesuus garuu mootii uumamaa biyya lafaa hundaa ti! Deebi’ee dhufeetu mootummaa isaa irratti haqaa fi nageenyaan hamma baraa baraatti in mo’a.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Uum.1-3, 6, 14, 22, Ba’u. 12, 20, 2Sam. 7, Ib.3:1-6, 4:14-5:10, 7:1-8:13, 9:11-10:18, Mu’l.21
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).