50. Yesuus in deebi’a
Waggoota 2000 ta’aniif namootiin naannoo biyya lafaa jiranii baay’een waa’ee Yesuus Masihichaa misiraachoo dubbatu dhaga’aa turaniiru. Waldaan Kristaanaa guddachaa turte. Yesuus dhuma biyya lafaatti akka deebi’ee dhufu abdii kenneera. Inni hamma ammaatti yoo deebi’uu baate illee, abdii kenne in eeggata.
Deebi’ee dhufuu Yesuus eeggachaa utuu jiruu, Waaqayyo karaa qulqulluu ta’e fi karaa ulfina isaaf ta’u akka jiraannu in barbaada. Akasumas waa’ee mootummaa isaa namoota biraatti akka himnu barbada. Yesuus lafa irra jiraachaa yommuu turetti, “duuka-buutotni koo misiraachoo waa’ee mootummaa Waaqayyoo namoota biyya lafaa irra jiraniitti iddoo hundumaatti in lallabu, yommu yeroon dhumaa in dhufa” jedhe.
Qomoowwan saba baay’een amma iyyuu waa’ee Yesuus hin dhageenye. Yesuus gara waaqaatti utuu ol hin deebi’iin dura, misiraachoo isaa takkuma namoota hin dhagenyetti kristaanotni akka labsan isaanitti in hime. “Dhaqaatii qomoowwan saba hundumaa duuka-buutota isaan godhaa! Yeroon omisha walitti qabuus ga’eera!” jedhe.
Dabalees Yesuus akkana jedhe, “Tajaajilaan Gooftaa isaa hin caalu. abbootni taa’itaa biyya lafaa kanaa akkumma ana jibbanitti, sababi kootiif isin in dhiphisu isin in ajjeesus. Biyya lafaa kana irratti gidiraan yoo isin irra ga’e iyyuu jabaadhaa, sababiin isaas ani biyya lafaa kana isa bitu Seexana mo’adheera. Isin anatti amantanii hamma dhumaatti yoo jabaattanii dhaabattan yommus Waaqayyo isin in fayyisa!
Yeroo dhumni biyya lafaa taa’utti, waan namoota irra ga’u ibsuudhaaf Yesuus seenaa tokko duuka-buutota isaatti in hime. “Namichi tokko qonna isaa keessa sanyii gaarii facaase. Utuu inni ciisee jiruu diinni isaa dhufee qamadii keessatti aramaa facaaseetu deeme.”
“Qamadiin faca’e yommuu biqile, tajaajiltootni namichichaa, ‘Gooftaa, qonna sanatti ati sanyii gaarii facaaftee turte. Maarree maaliif aramaa godhate? Gooftaanis, kan facaase diina ta’uu qaba’” jedhee isaaniif deebise.
“Tajaajiltootni gooftaa isaniitiin ‘Aramicha buqifnuu ree?’ jedhanii isaaf deebisan. Gooftaan isaaniis akkana jedhe ‘Miti! Yoo akkana gootani qamadichas in buqqiftu. Hanga yeroo omisha walitti qabuutti turaatii aramaa walitti qabaa gubaa, qamadicha garuu gumbii kootti naaf naqaa.”
Duuka-buutotaaf hiikoon seenichaa isaaniif hin galleef, kanaafuu akka isaaniif ibsuuf Yesuusiin in gaafatani. Yesuus akkana jedhe, “Sanyii gaaricha namni facaase Masihicha bakka bu’a. Qonnichis biyya lafaa bakka bu’a. Sanyichi gaariin namoota mootummaa Waaqayyoo bakka bu’a.”
“Aramichi namoota isa hamaa hordofan bakka bu’a. Inni aramicha facaase diinicha daabiloosiin bakka bu’a. Yeroon omisha walitti qabuu dhuma biyya lafaa bakka bu’a, warri haamaa hamaanis ergamtoota Waaqayyoo bakka bu’u.
Dhuma biyya lafaa irratti ergamootni namoota karaa daabiloos hordofan hundumaa walitti qabanii gara ibidda bubbisuutti isaan gadi in gatu, achittis in iyyu, dhiphina cimaadhaanis ilkaan isaanii in qaru. Yommuu sana qajeelotni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuutti in ifu.”
Dabalees Yesuus dhuma biyya lafaatiin dura gara biyya lafaatti akka deebi’u dubbate. Haaluma deemeen deebi’ee in dhufa, kunis, qaama namummaa in qabaata, duumessa waaqa irraan in dhufa. Yommuu Yesuus deebi’u kristaanni du’e tokkoon tokkoon isaa du’aa ka’uudhaan waaqa irratti isa in simata.
Yeroo sanatti kristaanotni lubbuudhaan lafa irra jiraatan gara waaqaatti ol butamanii warra du’aa ka’an waliin in makamu. Achitti hundumti isaanii Yesuusii wajjin in ta’u. Sana booddee Yesuus nageenya fi tokkummaa mudaa hin qabneen saba isaa wajjin bara baraan in jiraata.
Yesuus namoota isatti amanan hundumaaf akka gonfoo isaanii kennu abdii kenneera. Isaan nagaa mudaa hin qabaannen Waaqayyo wajjin bara baraan in jiraatu in mo’us.
Kan Yesuusitti hin amanne hundumaatti garuu Waaqayyo in farada. Iddoo bara baraan itti bo’anii fi dhiphinaan ilkaan isaanii qaran si’oolitti isaan in gata. Ibiddi matuma hin dhaamne yeroo hundumaa isaan in guba, raammotnis isaan nyaachuu matuma hin dhaabani.
Yommuu Yesuus deebi’u seexanaa fi mootummaa isaa guutummaatti in barbadeessa. Seexana warra Waaqayyoof abboomamuu irraa isa duuka-bu’uu filatan hundaa wajjin baraa hamma baraatti bakka itti gubatan si’oolitti gadi isa in gata.
Addaamii fi Heewaan Waaqayyoof waan hin abboomamnee fi cubbuus gara biyya lafaatti waan fidaniiif Waaqayyo biyya lafaa in abaare, balleessuufis in murteesse. Gaafa tokko garuu Waaqayyo waaqaa fi lafa haaraa mudaa hin qabne in uumama.
Yesuusii fi sabni isaa lafa haaraa irra in jiraatu, waan jiru hundumaa irratti hamma baraa baraatti in mo’u. Inni imimmaan hundumaa in haqa, kana booddee dhiphinni, gaddi, boo’ichi, haammeenyi, dhukkubni, yookin duuti hin jiru. Yesuus mootummaa isaa irrattinagaa fi haqaan in mo’a, hamma baraa baraatti saba isaa wajjin in ta’a.
Seenaa Macaafa Qulqulluu:- Matt.24:14, 28:18, Yoh.15:20, 16:33, Mul. 2:10, Matt.13:24-30, 36-42, 1Tas. 4:13-5:11, Yaaq.1:12, Matt. 22:13, Mul. 20:10, 21:1-22:21
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).