47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 1

Phaawuloos bulchiinsa mootummaa mootota Roomaa keessa yommuu deemu hundumaa, maqaa isaa isa kan lammummaa warra Roomaa “Phaawuloositti” fayyadamuu jalqabe. Gaafa tokko Phaawuloosii fi hiriyaan isaa Siilaas misiraachoo waa’ee Yesuus dubbbatu labsuudhaaf gara magaalaa Filiphisiyuusii dhaqani. Magaalaan alatti iddoo namootiin kadhataaf walitti qabaman iddoo laga qarqara jiru dhaqani. Achitti daldaltuu kan turte dubartii Liidiyaa jedhamtu tokko in argani. Isheen Waaqayyoon kan jaallattuu fi kan waaqeffattu turte.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 2

Ergaa waa’ee Yesuus dubbatu akka amantuuf Waaqayyo garaa Liidiyaa in baneefi, isheenii fi maatiin ishee in cuuphamani, Phaawuloosii fi Siilaas akka mana ishee keessa jiraataniif isaan affeerte, kanaafuu isaan ishee fi maati ishee wajjin jiraatani.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 3

Phaawuloosii fi Siilaas iddoo kadhannaatti yeroo baay’ee namootaa wajjin wal argu turani. Guyyaa guyyaadhaan yommuu achi dhaqan garbittiin shamarreen hafuurri hamaan qabate tokko isaan duukaa buuti turte. Isheenis karaa hafuura hamaa kanaatiin waan gara fuunduraatti ta’u namootatti in raajji turte. Kanaafuu mooruudhaan gooftota isheetiif maallaqa baay’ee argamsiifti tutre.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 4

Garbitittiin shamarreen yommuu deddeeman isaan hordofteetu “Namootiin kun tajaajiltoota Waaqayyo mootichaa ti, Karaa fayyinaa isinitti himu!” jechuudhaan iyyuushee itti fufte. Hanga Phaawuloos aarutti daddabaltee kana goote.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 5

Dhuma irrattis gaafa tokko shamarreen garbittiin yommuu iyyuu jalqabdu Phaawuloos gara isheetti garagaleetu hafuura hamaa ishee irraa jiruun, “Maqaa Yesuusiitiin ishee irraa ba’i” jedheen. Yommuudhuma sanatti hafuurichi hamaan ishee gadi dhiise.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 6

Namootiin gooftolii garbitittiin shamarree turan baay’ee in dheekkamani! Hafuuricha hamaan malee mucayyoo garbittiin kun waa’ee waan dhufuuf jiruu namootaaf raajju akka hin dandeenye in beekani. Kunis namoota irra waan ga’uuf jiru himuudhaaf waan hin dandeenyeef gooftota isheetiif maallaqa hin kaffalani jechuu dha.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 7

Kanaafuu gooftoliin garbittittii shamarree Phaawuloosii fi Siilaasiin gara abboota taa’itaa warra Roomaatti isaan geessani, isaanis reebanii mana hidhaatti isaan galchani.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 8

Isaanis Phaawulosii fi Siilaasiin mana hidhaa kutaa keessatti in hidhan miilla isaanii illee mukatti hidhani. Kun ta’ullee isaan halkan walakkaa Waaqayyoof faarfannaa galataa in faarfatani.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 9

Akka tasaa sochiin lafaa cimaan in ta’e! Balbalootni mana hidhaa hundumtuu bal’inaan banamani, hidhaan hidhamtoota hunda irra ture isaan irraa in harca’e.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 10

Eegaan mana hidhichaa hirriba isaa irraa in dammaqe, balbalootni mana hidhaa hundumtuu akka banaman yommuu arge in sodaate! Hidhamtootni hundumtuu waan miliqan isatti fakkaatee, kanaafuu of ajjeesuudhaaf in yaade. (Hidhamtootni akka miliqan yoo godhe abbootni taa’itaa warra Roomaa akka isa ajjeesan in beeke.) Phaawuloos garuu isa ilaaleetu, “Dhiisi! Of hin miidhiin. Hundumti keenya as jirraa” jedhee isatti iyye.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 11

Eegaan mana hidhichaa gara Phaawuloosii fi siilaasitti dhufaa utuu jiruu hoollachaa “Fayyuuf maal godhu?” jedhee Phaawuloosiin gaafate. Phaawuloosis, “Gooftaa Yesuusitti amani atii fi maatiin kee in fayyitu” jedhee deebiseef. Achumaanis eegaan mana hidhichaa Phaawuloosii fi Siilaasiin gara mana isaatti fudhateetu madaa isaanii in dhiqeef. Phaawuloos manicha keessa kan jiran hundumaaf misiraachoo waa’ee Yesuus dubbatu isaanitti in lallabe.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 12

Eegaan mana hidhaa fi maatiin isaa hundinuu Yesuusitti amananii cuuphamani. Achumaan eegaan mana hidhichaa Phaawuloosii fi Siilaasiif nyaata dhiyeessefiitu waliin in gammadani.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 13

Ganama isaa gaggeessitootni Filiphisiyuus Phaawuloosii fi Siilaasiin mana hidhaatii hiikaniitu Filiphiisiyuusii akka adeemani isaan gaafatan. Phaawuloosii fi Siilaas Liidiyaa fi hiriyoota isaanii kan biroos dubbisanii magaalicha gadi dhiisanii in adeemani. Misiraachoon waa’ee Yesuus dubbatu babal’achuu itti fufe, waldaan kristaanaas guddachuu ishee itti fufte.

47. Phaawuloosi fi Siilaas Filiphisiyoos keessatti — illustration 14

Phaawuloosii fi gaggeessitootni waldaa kristaanaa kan biroon misiraachoo waa’ee Yesuus dubbatu lallabuudhaanii fi barsiisuudhaan gara magaalota baay’eetti adeemani. Akkasumas amantoota waldoota kristaanaa keessa jiran jajjabeessuu fi barsiisuudhaaf ergaawwan baay’ee barreessaniif. Ergoota isaan kana keessaa tokko tokko macaafota Macaafa qulqulluu keessa jiran ta’ani.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Erga. 16:11-40

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).