46. Phaawuloos Kristaana ta’e

46. Phaawuloos Kristaana ta’e — illustration 1

Saa’ol dargaggeessa wayyaa namoota Isxifaanosiin ajjeesanii eege ture. Yesuusitti hin amanne, kanaafuu amantoota ari’ate. Dhiirotaa fi dubartoota qabee mana hidhaatti isaan naquuf Yeruusaalem keessa manaa gara manaatti adeeme. Hangafni lubootaa kristaanota achi keessa jiran qabee gara Yeruusaalemitti deebisee akka fiduuf gara magaalaa Damaasqoo akka dhaquuf Saa’oliif eeyyama jn kenne.

46. Phaawuloos Kristaana ta’e — illustration 2

Saa’ol gara Damaasqootti utuu adeemaa jiruu waaqa irraa ifti guddaan naannoo isaa hundumaatti ife, innis lafaatti kufe. Namni tokko, “Saa’ol! Saa’ol! waa’ee maaliitiif ana ari’attaa?” yommuu jedhu dhaga’e. Saa’olis, “Gooftaa koo, ati eenyu dhaa?” jedhee gaafate. Yesuus akkana jedhee deebiseef, “Ani Yesuusi dha. Ati ana ari’achaa jirta!”

46. Phaawuloos Kristaana ta’e — illustration 3

Saa’ol yommuu ka’e, arguu dadhabe. Hiriyootni isaa gara Damaasqootti harkisanii isa galchani. Saa’ol guyyaa sadiif homaa hin nyaannes, hin dhugnes.

46. Phaawuloos Kristaana ta’e — illustration 4

Damaasqoo keessa duuka-bu’aan Hanaaniyaa jedhamu jira ture. Waaqayyo Hanaaniyaadhaan, “Gara mana Saa’ol jiru dhaqi. Akka deebi’ee arguuf harka kee irra kaa’i” jedheen. Hanaaniyaan garuu, “Gooftaa koo, namni kuni akkamitti amantoota akka ari’ate dhaga’eera” jedhe. Waaqayyo, “Dhaqi! Yihuudotaa fi gosoota saba hundumaa kan biraatti akka maqaa koo labsuuf isa filadheera. Waa’ee maqaa kootiif gidiraa baay’een isarra in ga’a” jedheen.

46. Phaawuloos Kristaana ta’e — illustration 5

Kanaafuu Hanaaniyaan gara Saa’ol dhaqe. Harka isaa irra kaa’ee, akkanas isaan jedhe, “Gara kana yommuu dhuftu kan sitti mul’ate Yesuus agartuun kee akka deebi’uu fi akka Hafuura Qulqulluudhaan guutamtuuf gara keetti na erge.” Saa’ol yeroodhuma sana arguuf danda’e, Hanaaniyaanis isa in cuuphe. Sana booddee Saa’ol nyaata in nyaate, in jabaates.

46. Phaawuloos Kristaana ta’e — illustration 6

Saa’ol yeroodhuma sana, “Yesuus Ilma Waaqayyooti!” jechuudhaan Yihuudota Damaasqoo keessa turanitti lallabuu jalqabe. Yihuudota Amantoota ta’an balleessuudhaaf namichi yaalaa ture amma immoo Yesuusitti amanuu isaatti ajaa’ibsiifatani! Saa’ol Yesuus Masihicha ta’uu isaa mirkaneessuudhaan Yihuudota in amansiise.

46. Phaawuloos Kristaana ta’e — illustration 7

Guyyoota baay’eedhaan booddee Yihuudotni Saa’oliin ajjeesuudhaaf kaayyeffatani. Akka ajjeesaaniifis namoota balbaloota magaalichaa irratti isa eeggattan ergani. Saa’ol garuu waa’ee kaayyichaa in dhaga’e, michootni isaas akka miliquuf isa gargaarani. Halkan tokko guuboo keessa kaa’anii dallaa magaalichaa irraan gadi isa buusani. Saa’olis erga Damaasqoodhaa miliqeen booddee waa’ee Yesuus lallabuu isaa itti fufe.

46. Phaawuloos Kristaana ta’e — illustration 8

Saa’ol duuka-buutota Yesuus wajjin wal arguuf gara Yeruusaalem dhaqe, isaan garuu isa in sodaatani. Yommuu sana namni amanaan Baarnaabaas jedhamu Saa’oliin gara ergamootaatti gesseetu Saa’ol Damaasqootti akkamitti ija-jabinaan akka lallabe isaanitti hime. Achumaan duuka-buutotni Saa’oliin in simatani.

46. Phaawuloos Kristaana ta’e — illustration 9

Ari’atama Yeruusaalem ture baqataniiti amanatootni tokko tokko gara Anxookiyaatti fagaatanii adeemaniitu waa’ee Yesuus lallabani. Anxookiyaa keessa namootni turan baay’een isaanii Yihuudota hin turre, garuu yeroo jalqabaatiif baay’een isaanii immoo amantoota ta’ani. Baarnaabaasii fi Saa’ol amantoota haaraa kana waa’ee Yesuus dabalanii barsiisuudhaaf akkasumas waldaa kristiyaanaa cimsuudhaaf gara sana dhaqani. Namootni Yesuusitti amanan Anxookiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif “Kristaanota” jedhamani.

46. Phaawuloos Kristaana ta’e — illustration 10

Amantootni Anxookiyaa keessa turan gaafa tokko utuu soomaa fi kadhata irra jirani Hafuurri Qulqulluun, “Saa’olii fi Baarnaabaas hojiin ani itti isaan waame akka hojjetaniif adda anaaf baasaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu waldaan kristaanaa Anxookiyaatti tajaajiltootni Saa’olii fi Baarnaabaasiif in kadhatani, harka isaaniis isaan irra in kaa’ani. Achumaan iddoo biraa baay’eetti waa’ee Yesuus isa dubbatu misiraachoo akka lallabaniif isaan in ergani. Baarnaabaasi fi Saa’ol namoota gosoota saba adda addaa ta’an in barsiisani. Namootiin baay’eenis Yesuusitti in amanani.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Hoj. Erg. 8:3, 9:1-31, 11:19-26, 13:1-3

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).