45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 1

Gaggeessitoota waldaa Kristiyaanaa bara durii turan keessaa tokko Isxifaanos jedhamee nama waamamu ture. Inni nama maqaa gaarii qabuu fi Hafuura Qulqulluu fi ooguummaadhaan kan guutame ture. Isxifaanos dinqii baay’ee kan godhee fi namootni akka Yesuusitti amananiif sababa amansiisaa nama dhiyeessu ture.

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 2

Gaafa tokko Isxifaanos waa’ee Yesuus yommuu barsiisu, Yihuudotni Yesuusitti hin amanne tokko tokko Isxifaanos wajjin walfalmuu in jalqabani. Baay’ee aaranii waa’ee Isxifaanos dubbii sobaa gaggeessitoota amantaatti himani. “Waa’ee Musee fi waa’ee Waaqayyoo wantoota hamoo yommuu dubbatu dhageenyeerra!” jedhani. Kanaafuu gaggeessitootni amantaa Isxifaanosiin qabanii dhuga-baatota sobaa itti dabalanii gara isaa waa’ee Isxifaanos soba itti himanii gara hangafa lubootaattii fi gara gaggeessitoota Yihuudotaa warra biraatti fidani.

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 3

Hangafni lubootaa Isxifaanosiin, “Waantootni kun dhugaa dhaa?” jedhee isa gaafate. Isxifaanos bara Abrihaamii jalqabee hanga bara Yesuusitti waantoota gurguddoo baay’ee Waaqayyo godhe, akkasumas sabni Waaqayyoo utuu walirraa hin kutiin isa irratti ka’uu isaanii yaadachiisuudhaan deebii kenne. Achiinis akkana jedheen, “Isin saba boqu-jabootaa fi hamtoota nana akkuma abaabayyootni keessan Waaqayyoon mormanii fi akkuma isaan raajota ajjeesan yeroo hundumaa Hafuura Qulqulluu in mormitu. Isin garuu isaan caalaatti waan haamaa gootaniittu. Masihicha ajjeeftaniittu!”

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 4

Gaggeessitootni amantaa kana yommuu dhaga’ani, gurra isaanii amma cufatanittii fi sagalee baay’ee guddaa ta’een ol kaasanii amma iyyanitti baay’ee in dheekkamani. Isxifaanosiin magaala keessaa gara alaatti harkisanii ajjeesuuf dhakaadhaan in rukutani.

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 5

Isxifaanos du’uuf utuu jiruu, Yaa Yesuus, lubbuu koo fudhadhu” jedhee iyye. Achumaan jilbaan jilbeenfatee “Gooftaa koo, cubbuu kana isaanitti hin lakkaa’iin” jedheetu lammata deebi’eeti iyye. Sana booddee in du’e.

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 6

Dargaggeessi Saa’ol jedhamu namoota Isxifaanosiin ajjeesan wajjin walii galeetu yommuu dhakaa isatti darbatan wayya isaanii egaa ture. Gaafa sana Yeruusaalem keessa namootni turan baay’een duuka-buutota Yesuus ari’achuu jalqabani, kanaafuu amantootni bakka biraatti baqatani. Garuu ari’atamuun jiraatu illee, iddoo adeeman hundumaatti waa’ee Yesuus lallabani.

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 7

Duuka-buutuun Yesuus inni Filiphoos jedhamu yeroo ari’atamichaa amantoota Yeruusaalem keessaa baqatan keessaa isa tokko ture. Gara Samaariyaatti dhaqee waa’ee Yesuus lallabeetu namootni baay’een fayyani. Sana booddee gaafa tokko ergamaan Waaqayyo biraa ergame gara karaa lafa onaa jiru tokkoo akka dhaquuf Filiphoositti hime. Filiphoos utuu karicha irra adeemaa jiruu abbaan taa’itaa beekamaan lammi Itoophiyaa ta’e tokko utuu konkolaataa fardaan harkifamuun adeemuu in arge. Akka inni gara nama kanaa dhaqee isa waliin dubbatu Hafuurri Qulqulluun Filiphoositti in hime.

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 8

Filiphoos gara konkolaatichaatti yommuu dhiyaate, namni biyya Itoophiyaa kuni macaafa raajichi Isaayyaas barreesse keessaa kutaa tokko yommuu inni dubbifatu dhaga’e. Namichichis akkana jedhee dubbifate, “Akka hoolaa qalamuutti oofani, akkuma hoolaan calluma jedhutti inni dubbii tokko illee hin dubbane. Firdiidhaan fudhatame, isa hin kabajnes. Lafa warra jiraatoo irraa isa in balleessani.”

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 9

Filiphoos nama biyya Itoophiyaatiin, “Kan dubbifattu kana in hubattaa?” jedhee isa gaafate. Namni biyya Itoophiyaas, “Miti, utuun nama naaf ibsu hin qabaatiin hubachuuf hin danda’u. Adaraa koottuutii anan cinaa taa’i. Isaayyaas kan barreesse waa’ee ofiisaa moo waa’ee nama biraati?”

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 10

Isaayyaas kan barreesse waa’ee Yesuus ta’uu isaa Filiphoos nama biyya Itoophiyaatiif in ibse. Akkasumas Filiphoos waa’ee Yesuus misiraachoo kan dubbatu isatti himuudhaaf kutaalee biroo sagalee Waaqayyoo keessaa in fayyadame.

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 11

Filiphoosi fi namni biyya Itoophiyaa utuu adeemaniin, bakka bishaan jiru ga’ani. Namni biyya Itoophiyaas, “Kunoo iddoo kana bishaan in jira! Cuuphamuu?” jedhe. Namichi konkolaataa fardaa oofusi akka dhaabachiisu itti hime.

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 12

Kanaafuu gara bishaanichaatti gadi bu’anii, Filiphoosis namaicha biyya Itoophiyaa in cuuphe. Bishaan keessaa erga ba’anii booddee Hafuurri Qulqulluun Filiphoosiin akkuma tasaa iddoo gara biraatti butee geesse, waa’ee Yesuus namootatti himuus itti fufe.

45. Filiphosii fi Abbaa taa’itaa lammii Itoophiyaa — illustration 13

Namni biyya Itoophiyaa Yesuusiin beekuu isaatti gammadaa gara biyya isaatti deebi’uuf deemisa isaa itti fufe.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Hojii Erg. 6:8-8:5, 8:26-40

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).