44. Pheexiroos fi Yohaannis namicha kadhataa ture tokko fayyisani
Gaafa tokko Pheexiroosii fi Yohaannis gara mana qulqullummaa dhaqu turani. Gara balbala mana qulqullummaatti akka dhiyaataniin namicha naafa maallaqa kadhatu argani.
Pheexiroos namicha naafa ilaaleetu “Ani maallaqa ani siif kennu homaayyuu hin qabu. Kanan qabu garuu siifan kenna. Maqaa Yesuusiin ka’iitii deddeebi’i!” isaan jedhe.
Battaluma Waqqayyo namicha naafa in fayyise, innis tarkaanfachuu fi utaaluu, Waaqayyoonis galateeffachuu in jalqabe. Namootni masaraa mana qulqullummaa keessa jiran in ajaa’ibsiifatani.
Sabnis namicha fayye ilaaluudhaaf hatattamatti walitti in qabamani. Pheexiroos akkana isaaniin jedhe, “Namni kuni waan fayyeef maaliif ajaa’ibsiifattu? Humna ofii keenyaan yookiin gaarummaa keenyaan isa hin fayyifne. Nama kana kan fayyise humna Yesuusii fi amantii Yesuus kennuu dha.
“Yesuusiin akka ajjeesuuf bulchaa warra Roomaatti kan himtan isini dha. Jalqaba jireenya ajjeeftani, Waaqayyo garuu du’aa isa kaase. Wanti gochaa turtan yoo isiniif galuu baate illee, Masihichi akka gidiraan isa irra ga’uu fi akka du’u waan raajotni dubbatan karaa keessan raawwachuudhaaf Waaqayyo gocha keessanitti in fayyadame. Kanaafuu cubbuun keessan akka isinirraa dhiqamuuf amma yaada garaa keessanii jijjiirradhaatii gara Waaqayyootti deebi’aa.”
Gaggeessitootni mana qulqullummaa Pheexiroosii fi Yohaannis waan dubbataniin baay’ee aarani. Kanaafuu isaan qabaniiti mana hidhaatti isaan galchani. Namootni baay’een garuu ergaa Pheexiroos in amanani, namootni Yesuusitti amanan lakkoofsi isaanii gara 5000 ol guddate.
Ganama isaa gaggeessitootni Yihuudotaa Pheexiroosii fi Yohaannis gara hangafa lubootaa fi gara gaggeessitoota amantaa kan biraatti in geessani. Pheexiroosii fi Yohaannisiin, “Namicha naafa kana humna maaliitiin fayyistani?” jedhanii isaan gaafatani.
Pheexiroos akkana jedhee isaanii deebise, “Namni kuni humna Masihicha Yesuusiitiin fayyee isin fuuldura dhaabateera. Isin Yesuusisiin in fanniftani, Waaqayyo immoo deebisee isa in kaase! Isin isa hin simanne, garuu humna Yesuusiitiin yoo ta’e malee karaan fayyinaa kan biraan hin jiru!”
Pheexiroosii fi Yohaannis ija-jabina guddaadhaan dubbachuu isaaniitiin gaggeesitootni kun in na’ani, sababiin isaas namootni kun namoota hin baranne ta’uu isaanii hubachuu danda’anii turani. Garuu yeroo sana namootni kun Yesuusii wajjin akka turan in yaadatani. Pheexiroosii fi Yohaannisiin erga doorsisani booddee akka deemaniif gadi isaan dhiisani.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Hojii Ergamootaa 3:1-4:22
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).