43. Waldaan Kristiyaanaa in jalqabamte
Yesuus gara waaqaatti ol erga deebi’een booddee, duuka buutotni isaa akkuma Yesuus isaan abboometti Yeruusaalem keessa turani. Amantootni achi turan kadhachuudhaaf utuu walirraa hin kutiin walitti in qabamani.
Yihuudotni bara baraan ayyaanni faasigaa erga darbee guyyaa 50 jiran keessa Pheenxeqoosxee jedhamee kan waamamu guyyaa barbaachisaa in kabaju turan. Pheenxeqoosxeen Yihuudotni guyyaa oomisha midhaanii itti kabajani ture. Guyyaa Pheenxeqoosxee tokkummaadhaan kabajuuf Yihuudotni biyya lafaa hundinuu gara Yeruusaalem in dhufu turan. Bara kana Yesuus gara waaqaatti erga ol deebi’ee gara torban tokkoo booddee yeroon Pheenxeqoosxee in ga’e.
Amantootni hundinuu tokkummaadhaan walitti qabamanii utuu jiranii akka tasaa mana keessa turanitti qilleensa cimaa sagalee fakkaatuun guutame. Achumaan mataa amantoota hundumaa irratti wanti arraba ibiddaa fakkaatu in mul’ate. Hundumti isaanii Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii qooqa biraatiin dubbachuu in jalqabani.
Namootni Yeruusaalem keessa turan sagalee yommuu dhaga’an waan ta’aa ture ilaaluuf baay’atanii in dhufani. Amantootni hojjiiwwan Waaqayyoo raajii ta’an utuu labsanii namootni yommuu dhaga’an wantoota kana afaan isaaniitiin dhaggeeffachuu isaaniitiif in ajaa’ibsiifaman.
Nnamootni tokko tokko duuka buutotni machaa’aniiru jedhanii isaan tuffatan. Pheexiroos garuu ol ka’ee akkana isaaniin jedhe, “Ana dhaga’aa! Namootni kuni hin machoofne! Waaqayyo karaa raajicha Iyyu’el, ‘Bara dhumaatti hafuura koo nan dhangalaasa’ kan jedhe kanaan raawwatama.”
Yaa namoota Israa’el, akkuma isin argitan akkasumas akkuma duraan beektan Yesuus humna Waaqayyootiin mallattoowwanii fi ajaa’iboota gurguddaa baay’ee nama godhee dha. Garuu isin isa in fanniftani!
“Yesuus du’ee illee Waaqayyo du’aa isa in kaase. Kunis ‘qulqullicha kees awwaala keessatti tortoru akka inni arguuf hin dhiiftu’ raajii jedhameef raawwii dha. Waaqayyo Yesuusiin jiraataa godhee akka isa kaase nuti dhuga-baatota dha.”
“Yesuus amma mirga Waaqayyo Abbaatti ol ka’eera. Akkuma abdii kennettis Yesuus Hafuura Qulqulluu ergeera. Wantoota amma argitanii fi dhageessan kan godhe Hafuura Qulqulluu dha.
“Yesuus kana isin in fanniftani. Waaqayyo garuu Yesuusiin Gooftaa fi Masihi akka godhe dhugaatti kana beekaa!”
Namootni Pheexiroosiin dhaggeeffachaa turani wantoota inni dubbateen baay’ee tuqamani. Kanaafuu Pheexirosii fi duuka buutota Yesuusiin “Yaa obbolootaa maal goonu?” jedhanii isaan gaafatani.
Pheexiroos akkana jedhee isaaniif deebise, “Akka Waaqayyo cubbuu keessan isiniif dhiisuuf tokkoon tokkoon keessan yaada garaa keessanii jijjiirradhaatii maqaa Yesuusiin cuuphamaa. Sana booddee innis kenna Hafuura Qulqulluu isiniif in kenna.”
Namootni 3000 ta’ani wantoota Pheexiroos dubbate amananii duuka buutota Yesuus in ta’ani. Isaanis cuuphamanii miseensa waldaa Yeruusaalem keessa jirtuu ta’ani.
Duuka buutotni utuu walirraa hin kutiin barumsa ergamootaa dhaggeeffatanii, isaan waliin yeroo dabarsani, waliin nyaatani, inni tokko isa biraatiif in kadhate. Waliin Waaqayyoon galateeffatani, waan qabaatan hundumaa waliin hirmatani. Namni hundinuu waa’ee isaanii waan gaarii yaada ture. Guyyaa guyyaadhaan namootni baay’een amantoota ta’aanii isaanitti dabalamu turan.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Hojii Ergamoota 2
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).