42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee

42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee — illustration 1

Yesuus du’aa gaafa ka’e duuka buutota isaa keessaa lama gara magaalaa dhiyoo jirtutti adeemaa turan. Utuma adeemaa jiranii waan Yesuus irratti raawwatame dudubbatani. Inni akka Masihicha ta’e abdii godhatanii turan, garuu inni yommus in ajeefame. Amma immoo dubartootni deebi’ee jiraataa ta’eera jedhani. Duuka buutotni lamaanuu waan amanan hin beekne.

42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee — illustration 2

Yesuus gara isaanitti dhiyaatee isaanii wajjin adeemuu jalqabe, isaan garuu isa hin beekne. Waa’ee maalii akka dudubbatan isaan gaafate. Isaanis guyyoota muraasa darban keessatti Yesuusiin ilaalchisee waan ajaa’ibsiisoo raawwataman hundumaa isatti himani. Yeruusaalem keessatti waan ta’e kan hin beekne nama keessummaa wajjin akka dubbatanitti yaadani.

42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee — illustration 3

Achumaan Yesuus waa’ee Masihichaa sagalee Waaqayyoo keessatti waan dubbatame isaaniif ibse. Masihichi akka gidiraa keessa darbuu fi akka du’u, garuu gaafa guyyaa sadaffaa akka ka’u raajotni kan dubbatan isaan yaadachiise. Namootni lamaanuu gara iddoo magaalaa buluuf yaadani yommuu ga’ani yeroon isaa dhiyuudhaaf homtuu hin hafne ture.

42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee — illustration 4

Namootni lamaan akka isaan wajjin buluuf affeeran, innis affeerraa isaanii in fudhate. Irbaata nyaachuudhaaf yommuu dhiyaatan Yesuus buddeena kaasee Waaqayyoon galateeffatee achumaanis cabse. Yeroodhuma sanatti Yesuus ta’uu isaa beekani. Garuu yeroo sana inni isaan duraa dhokate.

42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee — illustration 5

Namootni lamaan “Yesuusi dha! Yommuu sagalee Waaqayyoo nuuf ibsu garaan keenya na’aa kan tureef kanaafi dha!” waliin jedhan. Hatattamaan gara Yeruusaalemitti in deebi’ani. Yommuu qaqqabanis duuka buutota isaatiin, “Yesuus jiraataa dha! Argineerra!” jedhanii isaanitti himani.

42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee — illustration 6

Duuka buutotni isaa dudubachaa utuu jiranii Yesuus utuma itti hin yaadamiin gidduu isaaniitti mul’atee “Nagaan isiniif haa ta’u!” isaaniin jedhe. Duuka buutota isaatti hafuura fakkaate, Yesuus garuu “Maaliif sodaattuu? Maaliif shakkitus? Harka koo fi miilla koo ilaalaa. Hafuurotni akka koo qaama hin qabani” isaaniin jedhe. Hafuura akka hin taane haa mirkaneeffatanuuf jecha waan nyaatamu akka isaa kennaniif isaan gaafate. Isaanis qurxummii waadamaa muraa tokko kennaniif, innis in nyaate.

42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee — illustration 7

Yesuusis, “Waa’ee koo kan sagalee Waaqayyoo keessatti barreeffame hunduu raawwatamuu qaba jedhee isinitti himeera” jedhe. Yommuu sana akka sagalee Waaqayyoo hubataniif sammuu isaani baneef. “Gidiraan Masihicha irra akka ga’u, akka du’u, gaafa guyyaa sadaffaa akka du’aa ka’u bara dheeraan dura barreeffameera” isaaniin jedhe.

42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee — illustration 8

“Akkasumas macaafota keessatti namootni hundinuu cubbuu isaaniittii yaada garaasaanii akka jijjiirratan duuka buutotni koo akka labsan barreeffameera. Isaan Yeruusaalem irraa jalqabanii kana in godhu, achiis gosootni sabaa hundi bakka jiran hundumaa in deemu. Isin wantoota kanaaf dhuga-baatota dha.

42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee — illustration 9

Guyyoota afurtaman itti fufanitti yeroo baay’ee duuka buutota isaatti mul’ate. Yeroo tokko si’a tokkichatti namoota 500 caalanitti mul’ateera! Jiraataa ta’uu isaa karaa baay’eedhaan duuka buutota isaatiif mirkaneesseera, waa’ee mootummaa Waaqayyoos isaan in barsiise.

42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee — illustration 10

Yesuus duuka buutota isaatiin akkana jedhe, “Aboon hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera. Kanaafuu dhaqaa gosa saba hundumaa maqaa Abbaatti, kan Ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluuttis cuuphuudhaan waanan isin barsiise hundumaa akka raawwataniif barsiisaatii duka buutoota koo isaan godhaa. Ani yeroo hundumaa akkan isin wajjin jiru yaadadhaa.”

42. Yesuus gara waaqaatti ol deebi’ee — illustration 11

Yesuus du’aa erga ka’ee guyyaa afurtamaan booddee duuka buutota isaatiin, “Hafuurri Qulqulluun isin irratti yeroo dhufutti Abbaan koo hamma humna isiniif kennutti Yeruusaalem keessa turaa” isaaniin jedhe. Sana booddee Yesuus gara waaqaatti ol in ba’e, duumessis ija isaanii jalaa isa in dhokiste. Yesuus uumama hundumaa irratti mo’uuf mirga Abbaa isaa in taa’e.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt. 28: 16-20, Mar. 16:12-20, Luq. 24:13-53, Yoh. 20:19-23, Erg. 1:1-11

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).