41. Waaqayyo Yesuusin du’aa in kaase
Loltootni Yesuusiin erga fannisanii booddee, gaggeessitootni Yihuudotaa warri hin amane Philaaxosiin “Inni sobaan sun, Yesuus, guyyaa sadii booddee du’aa nan ka’a jedheera. Bartootni isaa reeffa isaa hatanii du’aa ka’eera akka hin jenne mirkaneeffachuuf namni tokko awwaala isaa eeguu qaba” jedhaniin.
Philaaxoos, “Loltoota tokko tokko fudhadhaatii awwaalicha hamma danda’ametti akka eegamu godhaa” jedhe. Kanaafuu balbala awwaalichaa irra dhakaa jirutti chaappaa godhaniitu reeffa isaa eenyu iyyuu akka hin hanne mirkaneeffachuuf loltoota achi dhaaban.
Yesuus erga fannifamee booddee guyyaan itti aanu Sanbata ture. Yihudotni gaafa sana gara awwaalaa akka dhaqaniif hin eyyamamuuf ture. Kanaafuu gaafa Sanbataa booddee ganama bariidhaan dubartootni baay’een urgooftuu reeffa isaa irratti dabalanii dhangalaasuuf gara awwaala Yesuus deemuuf qophaa’ani.
Battaluma sosochiin lafaa ta’e. Waaqa irraa kan akka bakakkaatti ifu ergamaan in mul’ate. Dhakaa balbala boolla awwaalaa cufe gangalchee irra taa’e. Loltootni awwaalicha eegaa turan sodaatanii akkuma namoota du’anii ta’aniitu lafa irratti kufani.
Dubartootni gara iddoo awwaalaa yommuu ga’an ergamichi, “Hin sodaatinaa Yesuus asi hin jiru. Akkuma nan ka’a jedhee dubbatetti du’aa ka’eera! Awwaala isaa kunoo ilaalaa” jedhee isaanitti hime. Dubartootni awwaalichaa keessa ilaalanii iddoo reeffa Yesuus kaa’an argani. Reeffi isaa achi hin jiru ture!
Achumaanis ergamichi dubartootaan “Dhaqaatii ‘Yesuus du’aa ka’eera isin dursee gara Galiilaa in deema jedhaatii duuka buutota isaatti himaa”’jedhee isaanitti hime.
Dubartootni sunis sodaa fi gammachuu guddaadhaan guutamanii turani. Misiraachoo duuka buutota isaatti himuuf fiigaani deemani.
Utuu dubartootni misiraachoo duuka buutota isaatti himuudhaaf deemaa jiranii, Yesuus isaanitti mul’ate! Isaanis isaaf in sagadani. Yesuus, “Hin sodaatinaa. Gara Galilaa akka dhaqan bartoota kootti himaa. Achittis na argu” isaaniin jedhe.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: Matt. 27: 62-28:15, Mar. 16:1-11, Luq. 24:1-12, Yoh. 20: 1-18
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).