40. Yesuus in fannifame
Loltootni Yesuusitti erga ga’isanii booddee fannisuudhaaf geessani. Isa irratti du’us akka baatu in godhani.
Loltootni Yesuusiin “Lafee mataa” iddoo jedhamee waamamutti fidanii harka isaa fi miilla isaa fannicha irratti cimsanii hidhani. Yesuus garuu, “Yaa Abbaa koo waan godhan hin beekaniitii ati isaaniif dhiisi” jedhe. Philaaxoos mallattoo irratti “Mootii Yihuudotaa” jedhanii barreessanii mataa Yesuusiin olitti fannicha irra akka godhan ajaje.
Loltootni wayyaa Yesuus irratti muka buufatani. Yommuu kana godhan “Uffata koo hirmaatani. Uffata koo irrattis muka buufatani!” raajii jedhu raawwatan.
Yesuus yakkamtoota lama gidduutti fannifame. Inni tokko Yesuusitti ga’ise, inni kan biraa garuu, “Ati Waaqayyoon hin sodaattuu? Nuti yakkamoo dha, namni kun garuu yakka hin qabu” jedhe. Achumaan Yesuusiin “Adaraa kee mootummaa keetti na yaadadhu” isaan jedhe. Yesuus, “Har’a jennata keessa na wajjin in taata” jedhee deebiseef.
Gaggeessitoota Yihuudotaa fi sabicha gidduu kan turan namootni kan biraan Yesuusitti ga’isani. “Yoo ati Ilma Waaqayyoo taate fannicha irraa bu’iitii of baasi! Sana booddee nuti sitti in amanna” jedhaniin.
Yeroon isaa walakkeessa guyyaa yoo ta’e illee, naannoo sana hundumaa irratti samiin dukkana limixii ta’e. Walakkeessa guyyaa tii jalqabee hamma sa’aatii sagalitti akkuma dukkanaa’etti ture.
Sana booddee Yesuus “Raawwatame! Yaa Abbaa koo lubbuu koo harka keettan kennadha” jedhee iyye. Achumaan mataa isaa gadi qabatee hafuura isaa kenne. Yommuu inni du’e sochiin lafaa in ta’e. Namoota iddoo itti argamuu Waaqayyoo irraa addaan kan baasu golgaan mana qulqullummaa keessa ture gaaraa qabee hamma dakaatti bakka lamatti tarsa’e.
Yesuus du’uu isaatiin namootaaf karaa gara Waaqayyootti ittiin dhufan bane. Loltuuni Yesuusiin eegaa ture tokko waan ta’e hundumaa yommuu arge, “Dhugaadhumatti namni kuni yakka hin qabu. Ilma Waaqayyoo ti” jedhe.
Yeroo sana Yesuus Masihi ta’uu isaa kan amanan gaggeessitootni Yihuudotaa lama, Yoseefii fi Niqoodimos akka reeffa Yesuus isaanitti kennuuf Philaaxoosiin in kadhatani. Reeffa isaa wayyaadhaan maranii awwaala dhakaa kattaa irraa tolfame keessa kaa’ani. Achumaan balbala isaa cufuuf dhakaa guddaa itti gangalchani.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt. 27:27-61, Mar.15:16-47, Luq. 23: 26-56, Yoh. 19:17-42
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).