39. Yesuus firdiitti dhiyaate
Amma yeroonsaa halkan walakkaa ture. Hangafti lubootaa akka isa gaafatuuf loltootni gara mana hangafa lubootaatti isa geessani. Pheexiroos irraa fagaatee isaan duukaa in bu’e. Yommuu Yesuusiin gara manaatti ol galchan Pheexiroos alaa ibidda qaqqaammata ture.
Manicha keessatti geggeessitootni Yihuudotaa Yesuusiin firdiitti dhiyeessani. Waa’ee isaa sobaan kan dubbatan dhuga-baatuu sobaa baay’ee fidani. Haa ta’u malee dubbiin isaanii walii hin galle! Kanaafuu hangafootni Yihuudotaa waanuma kamiin iyyuu Yesuusiin yakkamaa ta’uu isaa itti mirkaneessuuf hin dandeenye.
Dhuma irratti, hangafni lubootaa kallattiitiin ilaalee nutti himi ati Masihicha Ilma Waaqayyo isa jiraataa tii?” jedheen.
Yesuus, “Ana dha, akkasumas Waaqayyoo wajjin taa’ee waaqa irraa yommuun dhufu ati in argita.” jedheen. Hangafti lubootaa dheekkamuudhaan wayyaa isaa tarsaasee gara gaggeessitoota amantaa isaan kaanitti garagalee, “Dhuga-baatotni biroo nu hin barbaachisani! Ani Ilma Waaqayyoo ti jechuu isaa dhageessaniittu. Firdiin keessan maali dha?” jedheetu iyye.
Gaggeessitootni Yihuudotaa hundumtuu, “Du’uutu isaaf ta’a” jedhanii hangafa lubootaatiif deebisani. Achumaan Yesuusiin fuula isaa in haguuganii, itti tufani, in rukutani, isatti ga’isani.
Pheexiroos alatti utuu eeggachaa jiruu hojjettuun mana keessaa tokko isa argiteetu, “Ati immoo Yesuus waliin turte!” isaan jette. Pheexiroos isa isheen dubbatte in gane. Sana booddee hojjettuun mana keessaa kan biraa akkasuma jettee dubbatte, Pheexiroosis ammas in gane. Dhuma irratti sabichi “Isin lachanuu Galiilaa irraa waan taataniif ati Yesuus wajjin ta’uu kee in beekna” jedhani.
Achumaan Pheexiroos, “Yoo ani nama kana kanan beeku ta’e abaarsi Waaqayyoo ana irra haa ta’u!” jedhee kakate. Achumaan indaaqqoon in iyye. Yesuusis garagalee Pheexiroos ilaale.
Pheexiroos dhaqeetu baay’ee gaddee boo’e. Kuni kanaan utuu jiruu, Yesuusin dabarsee kan kenne Yihuudaan hangafootni Yihuudotaa akka du’uuf Yesuusitti akka faradan arge. Yihuudaan gaddaan guutamee of ajjeese.
Ganamasaa bariidhaan gaggeessitootni Yihuudotaa Yesuusiin gara bulchaa warra Roomaa gara Philaaxoos in geessani. Philaaxoos Yesuusiin ati yakkamaa dha jedhee du’aan akka adabamu godha jedhanii abdii godhatanii turani. Philaaxoos Yesuusiin, “Ati mootii Yihuudotaa tii?” jedhee isa gaafate.
Yesuus akkana jedhee deebiseef, “Atiyyuu jette, garuu mootummaan koo mootummaa lafa irraa miti. Utuu akkas ta’ee, tajaajiltootni koo anaaf in lolu turan. Waa’ee Waaqayyoo dhugaasaa himuudhaaf gara biyya lafaa dhufeera. Kan dhugaa jaallatu hundumtuu ana dhaga’a.” Philaaxoos “Dhugaan maali dha?” jedheen.
Philaaxoos Yesuusii wajjin erga dudubbateen booddee gara sabichaatti ba’eeti “Nama kana irratti yakka tokko illee hin argine” jedhe. Gaggeessitotni Yihuudotaa fi sabichi garuu “fannisi!’’ jedhanii iyyani. Philaaxoos, “Yakkamaa miti” jedhee isaaniif deebise. Isaan garuu itti caalchisanii iyyani. Achumaan Philaaxoos yeroo sadaffaadhaaf “Yakka hin qabu!” jedhe.
Philaaxoos sabichi jeequmsa kaasa jedhee sodaate, kanaafuu Yesuusiin akka fannisaniif loltoota ajaje. Loltootni warra Roomaa Yesuusiin garafanii uffata diimaa isatti uwwisani, akkasumas gonfoo qoraattii mataa isaa irra kaa’ani. Achumaan “Kunoo mootii Yihuudotaa!” jechuudhaan isatti ga’isani.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt. 26:57-27:26, Mar. 14:14:53-15:15, Luq. 22:54-23:25, Yoh. 18:12-19:16
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).