3. Bishaan Badiisaa
Bara dheeraan booddee sabni baay’een biyya lafaa irraa in jiraatu turan. Isaanis baay’ee hamoo fi yakkamtoota ta’ani. Hammeenyis baay’atee dhufuu isaatiin Waaqayyo biyya lafaa hundumaa bishaan badiisaatiin haguuguudhaan nan balleessa jedhee in murteesse.
Nohi garuu Waaqayyoon duratti surraa in argate. Nohi namoota bara isaa jiraatan hundumaa caalatti qulqulluu fi nama balleessaa irraa fagaate ture. Waaqayyos waa’ee akeeka isaa bishaan badiisaa akka ergu Nohitti in hime. Nohi doonii baay’ee guddaa akka tolchuuf Waaqayyo isatti hime.
Waaqayyos akka Nohi doonii tolchuuf isatti in hime. Dheerinni doonittiis meetira 140 garaan ishee meetira 23 irraan oleen ishee meetira 13.5 haa ta’u jedhe. Nohi dooniin inni tolchu muka irraa taateetu gamoo sadii; kutaawwan baay’ee; baaxii fi foddaa kan qabdu turte; doonittiinis Noohi fi maatii isaa, gosa bineensa biyya lafaa irra jiru hundumaa bishaan badiisaa irraa akka eegduuf itti hime.
Nohis akkuma Waaqayyo isatti himetti Waaqayyoof abboomamuudhaan Nohi fi ijoolleen isaa sadan doonittii in tolchani. Doonittiinis baay’ee guddoo waan turteef bara baay’ee tolchaatti turani. Nohi waa’ee bishaan badiisaa dhufuuf jiru hubachiisuudhaan gara Waaqayyootti akka deebi’aniif sabichatti in hima ture, haa ta’u malee isaan isa hin amanne.
Waaqayyo Nohi fi maatiin isaa nyaata gahaa ofii isaaniitii fi bineensota hundumaaf akka walitti qaban isaan abboome wanti hundumtuu yommuu qophaa’etti gara doonichaatti galuudhaaf Nohii fi haadha manaa isaatiif, ijoollee isaa warra dhiirotaa sadaniif akkasumas haadha manoota isaaniitiif yeroon isaa akka ga’e isaanitti in hime. Namootni saddeetis gara doonichaatti in galani.
Bishaan badiisaa irraa akka eegamaniif Waaqayyo bineensa hundumaayyuu simbirroota dabalatee dhiiraa fi dhalaa gara Nohitti isaan erge. Aarsaadhaaf kan ta’an bineensota torba dhiiraa fi dhalaa bineensotaa gosa hundumaa gara doonii Nohitti isaan in erge. Hundumti isaanii gara doonichaatti erga galaniin booddee Waaqayyo ofii isaatiin balbala doonichaa in cufe.
Achumaan bokkichi roobuu in jalqabe; in roobe, in roobe, in robe, utuma walirraa hin kutiin guyyaa fi halkan 40 roobe; lafa keessaas bishaan in burqa ture. Biyya lafaa irra kan jiru hunduu bishaaniin in haguugame; tulluuwwan dhedheeroon illee utuu hin hafiin bishaaniin in haguugaman.
Namootaa fi bineensotni doonicha keessa jiran irraa kan hafe lafa irra jiraachaa kan ture hundumtuu in du’e; doonittiinis bishaan irra balaliite ishee keessa kan jiran lubbu qabeeyyii hundumaa du’a irraa oolchite (hambiste).
Bokkichi roobu erga dhiisee hamma ji’oota shaniitti doonittiin bishaan irra balaliite. Yeroo kanas bishaan hir’achuu jalqabe. Guyyoota keessaa gaafa tokko doonittiin bantii tulluu irra in dhaabatte; haa ta’u iyyuu malee biyyi lafaa yeroo sanattiyyuu bishaaniin haguugamtee turte. Ji’oota sadii booddee fiixewwan tulluuwwanii mul’achuu jalqabani.
Guyyaa afurtama booddee Nohi bishaan lafa irraa qooruu isaa akka ilaaluuf allaattii quraa jedhamu erge. Qurichis asii fi achi balali’ee yoo barbaade illee lafa gogaa argachuuf hin dandeenye.
Booddees Nohi allaattii bullallaa (Gugee) jedhamtu erge. Haa ta’u malee iddoo itti qubattu argachuuf waan dhabdeef gara Nohitti deebitee in dhufte. Torban booddee Nohi bullaallattii deebisee in erge. Isheenis baala muka Ejersaa afaanitti qabattee deebite, bishaan hir’achaa waan tureef biqiltootnis biqilu jalqabaniiru.
Nohi torbee tokko dabalata erga eegeen booddee yeroo sadaffaaf bullaallatti erge; yeroo kana iddoo itti qubattu waan argatteef deebite hin dhufne. Bishaanichis in goga ture.
Ji’a lama booddee Waaqayyo Nohin ati maatiin kee fi bineensotiin hundumtuu doonicha keessaa ba’aa jedheen. Maatiin isaa doonicha keessaa in ba’ani. Ijoollee baay’ee fi ijoollee ijoollee isaaniis in horatani lafichas in guutani.
Nohis erga doonicha keessaa ba’ee booddee iddoo aarsaa tolcheeti bineensota aarsaaf dhiyaachuu danda’an tokkoo tokkoo isaanii keessaa Waaqayyoof aarsaa dhiyeesse. Waaqayyos aarsichatti in gammade, Nohi fi maatii isaas in eebbise.
Waaqayyos akkana jedhe, “Namoota waan hamaa godhaniif lammata akkan biyya lafaa hinabbaarre waadaa nan gala. Namootni ijoolummaa isaanii irraa jalqabanii cubbamoota yoo ta’an iyyuu biyya lafaa lammaffaa bishaan badiisaatiin hin balleessu” jedhe.
Waaqayyo waan waadaa galeef akka mallattoo ta’uuf biduu (sabbata waaqayyoo) isa jalqabaa in tolche. Yeroo hundumaa biduun suni waaqa irratti in mul’ata. Waadaan Waaqayyo karaa biduu kanaa saba isaatiif gale in yaadatu.
Seena Macaafa Qulqulluu:- Seera Uumamaa 6-8
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).