38. Yesuus dabarfamee kenname

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 1

Yihuudotiin waggaa waggaadhaan ayyaana Faasigaa kabaju turan. Ayyaanni kun waggoota baay’een dura Waaqayyoo akkamitti akaakiliiwwan isaanii garbummaa biyya Gibxiitti jalaa akka baase yaadachuudhaan kan kabajamu ture. Yesuus ifaan ifatti lallabuu fi barsiisuu erga jalqabee, gara waggaa sadiin booddee ayyaana faasigaa kana Yeruusaalemitti isaan wajjin kabajuuf akka barbaade, achittis akka ajjeefamu duuka buutota isaatti hime.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 2

Duuka buutota Yesuus keessaa tokko namni Yihuudaa jedhamee waamamutu ture. Yihuudaan itti gaafatamaa maallaqaa ergamootaa ture, garuu maallaqa waan jaallatuuf yeroo baay’ee korojoo keessaa in hata ture. Yesuusii fi duuka buutotni isaa Yeruusaalem erga ga’ani booddee Yihuudaan gara gaggeessitoota Yihuudotaa dhaqee Yesuusiin maallaqaan dabarsee isaanitti kennuudhaaf walii gale. Yesuus Masihi ta’uu isaa gaggeessitootni Yihuudotaa akka haalanii fi ajjeesuuf akka isatti malan in beeke.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 3

Gaggeessitotni Yihuudotaa hangafa lubootaatiin gaggeeffamanii dabarsee akka isaanitti kennuuf qarshii soddoma Yihuudaatii in kennaniif. Akkuma raajotni raajanitti kuni in ta’e. Yihuudaan walii galee qarshicha fudhatee deeme. Yesuusiin akka qabaniif gargaaruuf yeroo miija’aa barbaaduu jalqabe.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 4

Yeruusaalem keessatti Yesuus duuka buutota isaa wajjin ayyaana faasigaa kabaje. Yeroo nyaata faasigaatti Yesuus buddeena fuudhee cabse. Akkanas jedhe, “Hoo’aa kana nyaadhaa. Kuni isiniif jedhamee kan kenname foon koo ti. Kana yaadannoo kootiif godhadhaa.” Akkanatti Yesuus foon isa waa’ee isaaniif akka wareegamu isaanitti hime.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 5

Achumaan Yesuus xoofoo kaaseetu “Kana dhugaa. Dhiifamuu cubbuutiif kan dhangala’u dhiiga koo isa kakuu haaraa ti. Kana yommuu dhugdan hunda yaadannoo kootiif godhadhaa.”

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 6

Achumaan Yesuus duuka buutota isaatiin “Isin keessaa tokko dabarsee ana kenna” isaaniin jedhe. Duuka buutotni isaa in rifatan, waan akkanaa eenyutu godha jedhaniis in gaafatani. Yesuus, “Cabaa Buddeenaa kana namni ani itti kennu inni dabarsee na kenna” jedhe. Kana booddee buddenicha Yihuudaatti kenne.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 7

Yihuudaan buddeenicha erga fudhatee booddee seexanni itti gale. Yihuudaan Gaggeessitootni Yihuudotaa Yesuusiin akka qabaniif isaan gargaaruuf dhaqe. Yeroon isaa galgala ture.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 8

Yesuusii fi duuka buutotni isaa irbaata erga nyaataniin booddee gara Dabra zayitii dhaqani. Yesuus, “Har’a galgala isin hunduu ana in dhiiftu. ‘Tiksicha nan rukuta hoolotni hunduus in bittimmaa’u jedhamee barreeffameera” jedhe.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 9

Pheexiroos, “Yoo warri biraa hundi si dhiisan illee ani garuu kana hin godhu!” jedhee deebise. Yommuu sana Yesuus Pheexiroosiin akkana jedheen, “Seexanni hunduma keessan fudhachuuf in barbaada ani garuu Pheexiroos akka amantaan kee hin dadhabneef sii kadhadheera. Akkas ta’ees garuu haar’a galgala utuu indaaqqoon hin iyyiin dura akka ana hin beekne illee yeroo sadii na ganta.”

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 10

Yeroo sana Pheexiroos Yesuusiin, “Du’uun yoo narra jiraate illee ani si hin dhiisu” isaan jedhe. Duuka buutotni isaa kan biraas akkanuma jedhani.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 11

Kana booddee Yesuus duuka buutota isaa wajjin gara bakka Geetesemaanii jedhamuu in deeme. Gara qorumsaatti akka hin galleef akka kadhatan Yesuus duuka buutota isaatti in hime. Sana booddee Yesuus qophaa isaa kadhachuuf in deeme.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 12

Yesuus yeroo sadii kadhate, “Abbaa koo, yoo siif danda’ame xoofoo gidiraa kana akkan hin dhugne godhi. Garuu cubbuu namoota kan ittiin dhiisamu karaan biraa yoo hin jirre, akka fedha kee haa ta’u.” Yesuus baay’ee jeeqame dhafqi isaa akka coccoba dhiigaa ture. Waaqayyo isa jajjabeessuuf ergamaa erge.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 13

Tokkoo tokkoo yeroo kadhata isaa booddee Yesuus gara duuka buutota isaatti in deddeebi’e, isaan garuu rafanii turan. Yeroo sadaffaa yommuu deebi’e garuu “Ka’aa dabarsee kan ana keenu as jiraa” jedhe.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 14

Yihuudaan gaggeessitoota Yihuudotaa, loltootaa fi saba baay’ee wajjin dhufe. Halbee fi ulee qabatanii turan. Yihuudaan gara Yesuus dhufeetu, “Yaa barsiisaa nagaan siif haa ta’u” jedhee isa dhungate. Kunis gaggeessitootni Yihuudotaa eenyuun akka qaban mallattoo kan ta’u ture. Achumaan Yesuus “Yihuudaa, dhungachuudhaan dabarsitee ana kennitaa?” jedhe.

38. Yesuus dabarfamee kenname — illustration 15

Akkuma loltootni Yesuusiin qabaniin Pheexiroos halbee isaa luqqifatee gurra tajaajilaa hangafa lubootaa kute. Yesuus, “Halbee kee iddoo isaatti deebisi! Akka anarraa faccisaniif raayyaa ergamootaa akka naaf ergu Abbaa koo gaafachuu nan danda’a” jedheen. Achumaan Yesuus gurra namichichaa in fayyise. Yesuus erga qabamee booddee duuka buutotni isaa hunduu in baqatan.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt. 26:14-56, Mar. 14:10-50, Luq. 22:1-53, Yoh. 12:6, 18:1-11

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).