37. Yesuus Alaazaariin du’aa kaase
Gaafa tokko Alaazaar baay’ee dhukkubsate ergaan jedhu Yesuusiin qaqqabe. Alaazaari fi obbolaan isaa dubaraa lamaan Maariyaamii fi Maartaan Yesuusiif michuuwwan itti dhiyaatan turani. Yesuus dubbii kana yommuu dhaga’e “Dhukkubni kun, ulfina Waaqayyoo akka mul’isuufi malee du’aaf miti” jedhe. Yesuus michuuwwan isaa in jaallata ture, haa ta’u malee guyyaa lamaaf iddoodhuma jiru ture.
Guyyaan lamaan erga darbanii booddee Yesuus duuka buutota isaatiin “Gara Yihuudaa haa dhaqnu” jedheen. “Garuu yaa barsiisaa, ‘Yeroo muraasa dura sabni naannoo sana jiran si ajjeesuuf in barbaadu ture” jedhanii duuka buutotni isaa deebisaniif. “Alaazaar michuun keenya rafeera, ani hirribasaa irraa isa dammaqsuuf nan deema” isaaniin jedhe.
Duuka buutotni Yesuus “Yaa Gooftaa, Alaazaar yoo kan rafe ta’ellee in fayya!” jedhanii isaaf deebisani. Yommuu sana Yesuus ibsee isaanitti hime, “Alaazaar du’eera, isin anatti amanuu akka dandeessaniif ani achi jiraachuu dhabuu kootti gammadeera.”
Yesuus gara magaalaa Alaazaar itti dhalatee yommuu ga’e, Alaazaar erga du’ee guyyaa afur ta’ee ture. Maartaan Yesuusiin simachuuf baatee akkana jette, “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee obboleessi koo hin du’u ture. Garuu waanuma ati isa kadhatte Waaqayyo akka siif kennu nan amana.”
Yesuus akkana jedhee isheef deebise, “Ani du’aa ka’uu fi jireenya dha. Namni anatti amanu yoo du’e iyyuu jiraataa in ta’a. Kan anatti amanu hundinuu immoo hin du’u, kana amantaa ree? Maartaanis “Eeyeen Gooftaa, ati Kristos, Ilma Waaqayyoo akka taate amaneera” jettee deebifteef.
Achumaan Maariyam dhuftee miilla Yesuus jalatti kuftee “Gooftaa koo, ati as jiraatte utuu ta’ee obboleessi koo hin du’us ture!” jette. Yesuusis, “Alaazaariin essa keessani?” jedhee isaan gaafate. “Awwaala keessa dha koottuutii ilaali” jedhanii itti himani. Achumaan Yesuus in boo’e.
Awwaalichi holqa ture, dhakaanis itti qadaadamee ture. Yesuus gara awwaalichaa yommuu ga’e dhakicha irraa gangalchaa jedhee isaanitti hime. Maartaan garuu “Erga du’ee guyyaa afur ta’eera, amma in xiraa’a” isaan jette.
Yesuus, “Anatti yoo amante illee ulfina Waaqayyoo akka argitu ani sitti hin himnee?” isheedhaan jedhe. Kanaafuu dhakicha in gangalchani.
Sana booddee Yesuus ol ilaalee “Abbaa koo waan ana dhageessuuf sin galateeffadha, yeroo hunda akka ati na dhageessu nan beeka, haa ta’u malee akka ati na ergite akka amananiif warra as dhaabatan namoota kana hundumaaf jedheen kana jedha” jedhe. Achumaan Yesuus, “Yaa Alaazaar gara alaatti koottu! jedhee iyye.
Kanaafuu Alaazaar in ba’e! Akkuma kafanametti ture. Yesuusis “Hiikaatii haa deemu gadi dhiisa!” isaaniin jedhe. Sababa raajii kanaatiif Yihuudota keessaa baay’een Yesuusitti amanan.
Hangafootni amantaa Yihuudotaa garuu isatti in hinaafani. Kanaafuu Yesuusii fi Alaazaariin akkamitti ajjeessun akka isaanirra jiru karoora baafachuuf walitti qabamani.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: Yohaannis 11:1-46
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).