36. Bifti Yesuus jijjiirame
Gaafa tokko Yesuus bartoota isaa sadeen Pheexiroos, Yaaqoobi fi Yohaannis (Yohaannis isa Yesuusiin cuuphe miti) qabatee kadhachuuf gara tulluu dheeraatti ol ba’ani.
Yesuus utuudhuma kadhata irra jiruu, fuulli isaa akka biiftuutti ife, wayyaan isaas akkuma ifaatti adii ta’e, namni lafa irra jiru miicee addeessuu sadarkaa hin dandeenyetti baay’ee addaate.
Yommuus Musee fi raajichi Eeliyaas in mul’tan. Namootni kuni bara dhibbaatamaan lakkaa’amuun duratti lafa irra jiraatu turani. Yeroo dhiyootti Yeruusaalem keessatti kan ta’uu waa’ee du’a isaatii Yesuus wajjin dudubbatani.
Musee fi Eeliyaas Yesuus wajjin dudubbachaa utuu jiranii Pheexiroos Yesuusiin, “Asi ta’uun keenya nuuf gaarii dha, godoo sadii, tokko siif tokko Museedhaaf, tokko Eeliyaasiif in ijaarra” jedhe. Pheexiros waan dubbatu hin beeku ture.
Pheexiroos dubbachaa utuu jiruu, duumessi ifa of keessaa qabu isaanitti uffise. Sagaleen duumessichaa keessaa dubbate akkas jedhe, “Kuni ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuun koos isatti in raawwatama, isa dhaga’aa!” Jedheen. Duuka buutotni sadan sagalicha dhaga’anii sodaatanii lafa irratti kufani.
Yommus Yesuus isaan qaqqabatee, “Hin sodaatinaa! Ka’aa” isaaniin jedhe. Naannoo isaanii yommuu ilaalan Yesuus duwwaa malee eenyuyyuu hin ture.
Yesuusii fi duuka buutotni sadan gaaricha irraa gadi bu’an. Yommuu sana Yesuus akkana isaaniin jedhe, “Waan asitti ta’e nama tokkotti iyyuu hin himinaa! Ani dhiyootti nan du’a, jiraataas nan ta’a. Sana booddee namootatti dubbachuu in dandeessu.”
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt.17:1-9, Mar.9: 2-8, Luq. 28-36
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).