35. Seenaa abbaa gara laafessaa
Gaafa tokko Yesuus qaraxa walitti qabdoota baay’ee fi isa dhaggeeffachuuf cubbamoota walitti qabaman kan biraa barsiisee ture.
Akkasumas gaggeesitotni amantaa achi turan Yesuus cubbamoota jaalallee godhatee yommuu simatu in argani, walii walii isaaniitti himaniis isa tufachuu jalqabani. Kanaafuu Yesuus seenaa kana isaanitti hime.
Namicha ijoollee lama qabu tokkotu ture. Ilmi isaa inni xinnaan yaa abbaa ko qabeenya kee keessaa qooda koo amma anaaf kenni jedheen. Kanaafuu abbaan ilmaan isaa lamaaniif addaan in hireef.
“Ilmi isaa inni quxisuun yeroodhuma sana waan qabu walitti qabatee gara biyya fagoo deemee cubbuudhaan jiraachuudhaan maallaqa isaa balleesse.”
“Sana booddee ilmi isaa inni xinnaani biyya turetti beelli hamaan ta’e, maallaqa nyaata ittiin bitatu hin qabu ture. Kanaafuu hojiin inni argachuuf danda’us booyyeef nyaata laachuu qofa waan tureef isa hojjechuu jalqabe. Baay’ee waan hubamee fi beela’ee waan tureef nyaata booyyotni nyaatan nyaachuuf in dharra’a ture.”
“Dhuma irratti, ilmi isaa inni xinnaan akkana ofiin jedhe, ‘Maalan gochaa jira? Hojjettootni abbaa koo hundumtuu nyaata nyaatan baay’ee qabu ani garuu beela’eera. Gara abbaa kootti deebi’ee deemeen hojjettoota isaa keessaa tokko akka na godhatu nan kadhadha.”
Kanaafuu ilmi isaa inni xinnaan gara mana abbaa isaatti deebi’uu in jalqabe. Utuudhuma fagoo jiruu abbaan isaa argee in gaddeef. Gara ilma isaatti fiigee hammatee in dhungates.”
“Ilmi isaas akkana jedhe, ‘Yaa abbaa koo Waaqayyoo fi siin yakkeera. Ilma kee jedhamuun naaf hin ta’u.”’
“Abbaan isaa garuu hojjettoota isaa keessaa isa tokkoon akkana jedheen, “Daddafii dhaqiitii wayyaa gaari fidiitii ilma kootti uwwisi! quba isaatiif qubeellaa miilla isaatiif kophee godhiif. Sana booddee nyaannee akka gammadnuuf jibicha gabbataa fidaatii qalaa, sababiin isaas ilmi koo kun du’ee ture, jiraataa ta’eera, badee ture amma garuu argameera.”
“Kanaafuu namootiin gammaduu in jalqabani. Baay’ee utuu hin turiin, obboleessi inni hangafni iddoo qotaa turee gara manaa dhufee sagalee muuziqaa fi sirbaa in dhaga’e. Maaltu ta’aa jira jedhees ajaa’ibsiifate”.
“Ilmi inni hangafni obboleessi isaa dhufnaan gammada akka jiran yommuu beeke, baay’ee waan aareef gara manaatti galuudhaaf fedha qabeessa hin taane. Abbaan isaa gadi ba’eeti gara manaatti akka galee isaan wajjin gammaduuf isa in kadhate. Inni garuu in dide.”
Ilmi isaa inni hangafni abbaa isaatiin akkana jedheen, “Baroota kana hundumaa amanamummaadhaan siif hojjedheera! Abboommii kee tokko illee irra hin darbine, hamma ammaatti hiriyoota koo wajjin akkan gammaduuf korbeessa re’ee tokko illee anaaf hin kennine. Cubbuu gochuudhaan maallaqa kee kan balleesse ilmi kee kuni gara manaatti yommuu dhufe garuu jibicha gabbate in qalteef!”
Abbaan isaas akkana jedhee deebiseef, “Yaa ilma koo ati yeroo hundumaa ana wajjin jirta, kanan qabu hundinuus kan kee ti. Gammaduun keenya garuu sirrii dha, sababiin isaas obboleessi kee du’ee ture, amma garuu jiraataa ta’eera. Badee ture, amma garuu argameera!”
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Luq. 15: 11-32
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).