34. Yesuus Seenaawwan biraa barsiise

34. Yesuus Seenaawwan biraa barsiise — illustration 1

Yesuus waa’ee mootummaa Waaqayyoo seenaawwan biraa baay’ee in barsiise. Fakkeenyaaf akkana jedhe, “Mootummaan Waaqayyoo sanyii sanaaficaa namni qonna isaa keessatti facaase fakkaatti. Isheen sanyii hundumaa caalatti xinnoo dha.”

34. Yesuus Seenaawwan biraa barsiise — illustration 2

“Sanyiin sanaaficaa kun yommuu guddatte garuu simbirrootni dhufanii irratti kan boqotan hamma taatutti guddattee biqiltoota iddoo ashaakiltii sana keessa jiran hundumaa in caalti.”

34. Yesuus Seenaawwan biraa barsiise — illustration 3

Yesuus seenaa biraa hime, “Mootuummaan Waaqayyoo raacita dubartiin fudhattee hamma bukoon hunduu bukaa’utti daakuudhaan makte fakkaata.”

34. Yesuus Seenaawwan biraa barsiise — illustration 4

“Akkasumas mootummaan Waaqayyoo qabeenya namni lafa qonnaa keessa dhokse fakkaatti. Namni biraa qabeenyicha argatee deebisee in awwaale. Baay’ee gammachuudhaan guutamee waan tureef waan qabu hundumaa gurguree maallaqa isaatiin lafa qonnichaa in bite.”

34. Yesuus Seenaawwan biraa barsiise — illustration 5

“Akkasumas mootuummaan Waaqayyoo callee gatiin ishee baay’ee guddaa ta’e fakkaatti. Daldalaan callee ishee yommuu argate waan qabu hundumaa gurgureetu bite.”

34. Yesuus Seenaawwan biraa barsiise — illustration 6

Sana booddee Yesuus waa’ee warra hojii mataa isaanii isa gaarii amanatanii fi namoota biraa tuffatanii seenaa namootaa tokko tokkoo dubbate. “Namootni lama kadhachuuf gara mana qulqullummaa dhaqani. Inni tokko qaraxa walitti qabaa yoo ta’u inni biraa gaggeessaa amantaa ture” jedhe.

34. Yesuus Seenaawwan biraa barsiise — illustration 7

“Gaggeessaan amantaa sun akkana jedhee kadhate, “Yaa Waaqayyo ani akka namoota biraa hundaa –kan akka saamtotaa fi hamootaa ejjitootas, akka namicha qaraxxuu sanaayyuu waanan hin taaneef sin galateeffadha.”

34. Yesuus Seenaawwan biraa barsiise — illustration 8

“Fakkeenyaaf ani torbeetti yeroo lama nan sooma, qabeenya koo keesssaa kudhan keessaa tokko nan kenna.”

34. Yesuus Seenaawwan biraa barsiise — illustration 9

“Qaraxa walitti qabaan suni garuu gaggeessaa amantaa irraa fagaatee dhaabatee, gara samii illee ol hin ilaalle, qoma isaa harka isaatiin rukutaa ‘Yaa Waaqayyo ani cubbamaa waanan ta’eef adaraa na maari’ Jedhee kadhate.

34. Yesuus Seenaawwan biraa barsiise — illustration 10

Sana boddee Yesuus akkana jedhe, “Dhuguman isiniin jedha, Waaqayyo kadhata qaraxa walitti qabaa dhaga’ee ati nama tolaa dha jedheen. Kadhata gaggeessaa amantaa sanaa garuu hin jallanne. Waaqayyo kan of ol of qabu gadi in deebisa, kan of gadi deebisu garuu ol in qaba.”

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt.13:31-33, 44-46, Mar. 4:30-32, Luq.13:18-21, 18:9-14

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).