33. Seenaa Qotee-bultichaa
Gaafa tokko Yesuus hededa haroo qarqaratti saba baay’ee barsiisaa ture. Yesuus isaanitti dubbachuuf iddoo gahaa argachuuf bishaanicha qarqara bidiruu keessa gale hamma inni taa’utti namootiin baay’een isa dhaggeeffachuuf in dhufani. Bidiricha irra taa’ee sabicha in barsiise.
Yesuus seenaa kana dubbate. “Qotee-bulaan tokko sanyii facaasuuf in ba’e. Harka isaatiin sanyicha yommuu facaasu tokko tokko karaa qarqaratti harca’e, simbirrootni dhufanii sanyicha hundumaa in nyaatani.”
“Inni biraa iddoo biyyoon baay’een hin jirre dhakaa kattaa irratti in bu’e. Garuu hidda lafaa keessatti gadi fageeffachuu hin dandeenye. Yeroo biiftuun baatee itti hoo’e coolageetu goge.”
“Ammas sanyiin inni biraa qoraattii gidduutti harca’e. Sanyiin kun biqiluu jalqabee, garuu qoraattichi in hudhe. Kanaafuu lafa qoree irratti kan biqiltuun biqile firii tokko illee hin buufanne.”
“Sanyiin inni biraa lafa gaarii irratti harca’e. Sanyiin kun biqilee tokko 30, tokko 60, tokko ija dhibba in godhate. Kan gurra qabu haa dhaga’u!”
Seenaan kun duuka buutota isaatti waan wallaalchisaa ta’e. Kanaafuu Yesuus akkana jedhee ibseef, “Sanyichi, sagalee Waaqayyooti. Karaan qarqarri nama sagalee Waaqayyoo dhaga’u dha, garuu hin hubatu, daabiloos sagalicha irraa in fudhata.”
Lafa dhakaa kattaa irratti sanyiin faca’e nama sagalee Waaqayyoo dhaga’ee gammachuudhaan fudhatuu dha. Garuu gidiraan yookin ari’atamuun yommuu quunnamu amantii isaa in dhiisa.
“Lafti qoraatichaa nama sagalee Waaqayyoo dhaga’uu dha, garuu yeroon booddee yaadni biyya lafaa kanaa, soorummaa fi gammachuun jaalala inni Waaqayyoof qabu in hudha. Kanaan kan ka’e kan inni dhaga’e dubbiin waaqayyoo ija hin godhatu.
“Lafti gaariin garuu sagalee Waaqayyoo kan dhaga’u, kan amanuu fi nama ija godhatuu udha.”
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt. 13:1-8, 18-23, Mar.4:1-8, 13-20, Luq.8:4-15
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).