32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 1

Gaafa tokko Yesuusii fi duuka buutotni isaa bidiruudhaan haroo kutaanii ce’anii naannoo gara namootiin Gergeesaa jiraatani in dhaqani.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 2

Haroo gamatti yommuu ce’an namichi hafuurri xuraa’aan qabate tokko fiigeet gara Yesuus dhufe.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 3

Namni kun eenyu illee isa to’achuuf kan hin dandeenye nama baay’ee jabaa ture. Namootni harkaa fi miilla isaa fuuncaa sibiilaatiin hidhanii ture, garuu fuuncaa sibiilichaa in kukkuta ture.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 4

Namtichi awwaalota naannoo sana jiran gidduu in jirata ture. Namni kun halkanii fi guyyaa hundumaa in iyya ture. Uffata hin uffatu ture, qaama isaas deddeebi’ee dhakaadhaan in hooqa ture.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 5

Namtichi gara Yesuus yommuu dhufe, dura isaatti jilbasaatiin lafatti kufee in sagadeef. Yesuus hafuuricha xuraa’aa sanan “Nama kana keessaa ba’i!” jedheen.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 6

Namtichi hafuurri xuraa’aan irra jiru suni sagalee guddaadhaan iyyee ilma Waaqayyoo isa mootii yaa Yesuus, ana irraa maal barbaaddaa? Adaraa kee ana hin dhiphisin!” jedhee sagalee guddaadhaan in iyye. Achumaan Yesuus “Maqaan kee eenyu dha?” jedhee gaafate. Innis “Nuti baay’ee dha, maqaan koos Leegewoni dha” jedhee deebbiseef. (“Leegewon” akka raayyaa loltoota warra Roomaatti kutaa loltoota kuma baay’ee kan qabate ture.)

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 7

Hafuurotni xuraa’oon “Adaraa kee naannoo kana irraa nu hin fageessin!” jedhanii isa kadhatani. Gaara naannoo sanatti argamu irratti tuutni booyyee bobba’eetu ture. Kanaafuu hafuurotiin xuraa’oon Yesuusiin, “Adaraa kee kanarra gara booyyotaatti nu ergi” jedhanii kadhatani. Yesuus, “Dhaqaa!” jedheen.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 8

Hafuurotni xuraa’oon namichicha irraa ba’anii booyyotaatti in galani. Booyyotni randa irraa gaditti fiiganii haroodhaan nyaataman. Tuuticha keessa booyyota 2000 ta’antu turan.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 9

Namootni booyyota tiksaa turan waan ta’e yeroo argan gara magaalaatti fiiganii waan Yesuus godhe hundumaa nama argatan hundumaattuu in himani. Namootni magaalichaa dhufanii namicha hafuurri xuraa’oon irra turan in argani. Akkuma nama naga-qabeessaatti uffata isaa uffateetu tasgabbaa’ee taa’ee ture.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 10

Namootiin baay’ee waan sodaataniif Yesuus akka achii deemu isa gafatani. Kanaafuu Yesuus bidiruu keessa galee deemuudhaaf in qophaa’e. Namichi hafuurotni xuraa’oon keessaa turan Yesuus wajjin deemuuf isa kadhate.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 11

Yesuus garuu “Miti, gara mana keetti deebitee waan Waaqayyo siif godhe hundumaa fi akkamitti Waaqayyo akka si maare hiriyootaa fi maati keetti akka himtun barbaada” jedheen.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 12

Kanaafuu namtichi dhaqee waan Yesuus isaaf godhe hundumaa namootatti hime. Namni seenaa isaa dhaga’e hundumtuu ajaa’ibsiifachuunii fi dinqisiifachuun guutame.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 13

Yesuus gara haroodhaan gamatti deebi’ee. Achitti yommuu deebi’e namootiin baay’een naannoo isaatti walga’anii isa in muddan. Sabicha gidduu dubartiin waggoota kudha lamaaf dhiigni ishee dhangala’u tokkotu ture. Akka ishee fayyisaniif ogeessota fayyaaf maallaqa baay’ee kaffaltee turte, garuu ittuma caale.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 14

Yesuus namoota baay’ee akka fayyise dhageessee turte waan ta’eef, “Wayyaadhuma Yesuus yoon qaqqabadhe yommuus anis akkan fayyu ani nan amana” jetteetu yaadde. Kanaafuu Yesuus duubaan dhuftee wayyaa isaa in qaqqabatte. Akkuma wayyaa isaa qaqqabatteen dhangala’uun dhiigashee in dhaabate!

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 15

Yeroodhuma sana, Yesuus akka humni isa keessaa ba’e in beeke. Kanaafuu of duubatti garagalee, “Eenyutu na qaqqabate?” jedhee gaafate. Duuka buutotni isaa, “Naannoo keetti walitti qabamanii kan si dhiiban namoota baay’een in jiru. Maaliif eenyutu na qaqqabate jettee gaafatta?” jedhanii deebisaniif.

32. Yesuus nama hafuurri xuraa’aan qabee fi dubartii dhukkubsatte in fayyise — illustration 16

Dubartittiinis hoollachuudhaanii fi sodaa guddaadhaan Yesuus duratti kufte. Achumaan waan goote, akkasumas akka fayyite isatti in himte. Yesuusis “Amantiin kee si fayyiseera. Nagaadhaan deemi” jedheen.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt.8:28-34, 9:20-22, Marq.5:1-20, 5:24-34, Luq 8:26-39, 8:42-48

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).