31. Yesuus Bishaan Irra Adeeme
Achumaan Yesuus sabicha gaggeessaa utuu jiruu bidiruu keessa galanii bishaan irra gara gamaatti akka ce‘an duuka buutota isaatti hime. Yesuus sabicha erga gaggeesseen booddee kadhachuudhaaf gara tulluu irratti ol ba’e. Yesuus qophaa isaa achi ture, hamma halkan walakkaattis kadhate.
Yeroo kana duuka buutotni isaa bidiruu isaaniitiin deemaa turani, hamma halkan walakkaatti isaan deemuuf kan danda’an amma walakkaa haroo sanaa qofatti ture. Qilleensi waan gara isaaniitti bubbisuuf rakkoo bay’eedhan oofaa turani.
Yeroo sanatti Yesuus kadhata isaa xumuree gara duuka buutota isaa adeeme. Bishaan irra adeemaa haroo sana addaan kutee gara bidiruu isaanii dhaqe.
Duuka buutotni isaa yommuu yesuusiin argan in sodaatani, sababiin isaas waan ekeraa argan isaanitti in fakkaate. Yesuus akka isaan sodaatan in beeke, kanaafuu isaan waametu “Hin sodaatina. Ana dha!” jedheen.
Yommuu sana Pheexiroos Yesuusiin “Yaa barsiisaa, yoo si taate bishaan irra adeemee gara kee akkan dhufuuf na abboomi” jedheen. Yesuus Pheexiroosiin “Kottu” jedheen.
Kanaafuu Pheexiroos bidiruu keessaa ba’ee bishaan irra gara Yesuusitti tarkaanfachuu jalqabe. Garuu karuma gabaabaa erga tarkaanfatee booddee ija isaa Yesuus irraa deebisee gara bishaanichaa ilaaluu qilleensi cimaanis itti dhaga’amuu jalqabe.
Yeroo sana Pheexiroos sodaatee bishaaniin liqimfamuu jalqabe. “Yaa barsiisaa na baraari!” jedhee iyye. Yeroodhuma sana Yesuus harka isaa diriirsee isa qabe. Achumaan Pheexirosiin “Ati kan amantiin kee hanqate, maaliif mamte?” jedheen.
Yommuu Yesuusii fi Pheexiros bidiruu keessa galan, qilleensichi battaluma sanatti bubbisu dhiisee gab jedhe. duuka buutotni isaa in ajaa’ibsiifatani. “Dhuguma ati Ilma Waaqayyoo ti jedhanii Yesuusiif in sagadani.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt.14:22-23, Marq.6:45-52, Joh.6:16-21
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).