30. Yesuus namoota kuma shan nyaachisuu isaa
Yesuus gandoota adda addaa baay’ee keessatti akka lallabanii fi akka barsiisaniif ergamoota isaa erge. Isaanis gara Yesuus turetti yommuu deebi’an, waan godhan isatti in himani. Sana booddee Yesuus haroo gamatti ce’anii iddoo tasgabbiin jirutti isa wajjin akka deeman yeroo muraasaaf akka boqonnaa fudhataniif isaan in affeere. Kanaafuu bidiruu keessa galanii haroo gamatti ce’ani.
Garuu Yesuusii fi duuka buutotni isaa bidiruu keessa galani yommuu ce’an namootni argan baay’ee turani. Namootni kun isaan dursuuf galaanicha qarqara fiigani. Kanaafuu Yesuusii fi duuka buutotni isaa gara gama yommuu ga’an, namootni baay’een dursanii achitti argamanii isaan in eegu turan.
Dubartootnii fi daa’imman utuu hin lakkaa’amin dhiirootiin 5000 ol turan. Yesuus namootaaf baay’isee isaaniif oo’e. Yesuusiif sabichi kuni akka hoolota tiksee hin qabnee turani. Kanaafuu isaan barsiiseetu dhibamoota isaan gidduu jiraanis in fayyise.
Galgala sana duuka buutotni isaa akkana jedhanii itti himani, “Yeroon dhi’eera naannoo kana magaalotni hin jiran. Waan nyaatan akka bitataniif namoota kana gaggeessi.”
Yesuus garuu bartoota isaatiin “Waan nyaatan isin isaanii kennaaf!” isaaniin jedhe. Isaanis, “Kana gochuuf akkamitti dandeenyaa? Kan qabnu buddeena shanii fi qurxummii lama qofaa dha” jedhaniin.
Shantama shantama ta’anii akka marga irra taa’an akka isaanitti himan Yesuus duuka buutotasaatti hime.
Sana booddees Yesuus buddeenicha shananii fi qurxummii lamaan qabatee gara waaqaa ol ilalee, waa’ee nyaatichaatiif Waaqayyoon galateeffate.
Achumaanis Yesuus buddeenichaa fi qurxummicha cabse. Sabichaaf akka dhiyeessani duuka buutota isaatti kenne. Duuka buutotni isaa nyaaticha hiruu itti fufani, sirumaa hin dhumne! Sabichi hundumtuu nyaatanii quufani.
Sana booddee duuka buutotni isaa nyaata irraa haafaa walitti qabani, innis gundoo kudha lama guutuu ture! Nyaatichi hundumtuu kan dhufe buddeenicha shananii fi qurxumichuma lamaan irraa ture.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt. 14:13-21, Marq. 6:31-44, Luq.10-17, Yoh. 6:5-15
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).