29. Seenaa garbicha dhiifamma hin qabnee

29. Seenaa garbicha dhiifamma hin qabnee — illustration 1

Gaafa tokko Pheexiroos Yesuusiin, “Yaa barsiisaa, obboleessi koo yoo na yakke si’a meeqan dhiifama godhaafi? Hamma si’a torbaattii?” jedhee gaafate. Yesuus “hamma si’a torbaatti miti, hamma torba si’a torbaatamaa malee” jedheen.

29. Seenaa garbicha dhiifamma hin qabnee — illustration 2

Yesuus akkana jedhe, “Mootummaan Waaqayyoo mooti hojjettoota isaa irraatti gatii lakkaa’achuuf murtoo godhe in fakkaatti. Hojjettoota isaa keessaa tokko kaffaluun kan irra jiru meetii 10,000 kan ta’u baasii guddaa ture.”

29. Seenaa garbicha dhiifamma hin qabnee — illustration 3

Namichi waan baasu dhabnaan mootichi, “Baasicha akka baasuuf namichaa fi maatii isaa gurguraa” jedhe.

29. Seenaa garbicha dhiifamma hin qabnee — illustration 4

“Hojjetaan suni immoo miilla mootichaa jalatti jilbeenfateetu, “Gatii kee hundumaa siif nan baasa maalo anaaf obsi” jedheen. Mootichi hojjetaa isaa sanaaf garaa laafee isa gad dhiise, gatii isarraa qabus in dhiiseef.”

29. Seenaa garbicha dhiifamma hin qabnee — illustration 5

“Hojjetaan sun garuu akkuma gadi ba’een, hojjetaadhuma hiriyoota isaa ta’an keessa isa tokko kan gatii akka mindaa ji’a afurii ta’u irraa qabu arge. Hojjetaan sun isa hudhee qabe, “Gatii ani sirraa qabu anaaf baasi!” isaan jedhe.

29. Seenaa garbicha dhiifamma hin qabnee — illustration 6

“Hojjetichi hiriyaan isaa sun immoo miilla isaa jalatti kufee, ‘Anaaf obsi, gatii kee siifan baasa’ jedheen. Abbaan gatii sun garuu in dide hamma namichi gatii baasuufitti mana hidhaa akka galu godhe.”

29. Seenaa garbicha dhiifamma hin qabnee — illustration 7

Hojjettootni warri kaan waan ta’e kana yommuu argan baay’ee jeeqaman waan ta’e kana hundumaas gara mootichaa dhaqanii itti himan.

29. Seenaa garbicha dhiifamma hin qabnee — illustration 8

Mootichis hojjetaa sana waamsisee, “Ati hojjetaa hamaa nana! Ani gatii sirra jiru sana humdumaa waan ati na kadhatteefan siif dhiise. Atis akkanuma gochuun sirra ture jedheen. Mootichi baay’ee isatti dheekkamee hamma in gatii isarra jiru hundumaa baasutti hojjetaa hamaa sana gara mana hidhaa akka galu godhe.”

29. Seenaa garbicha dhiifamma hin qabnee — illustration 9

Achumaan Yesuus akkana jedhe, “Isinis tokkoon tokkoon keessan obboloota keessaniif yoo dhiisuu baattan, abbaan koo inni waaqa irraa akkas isin in godha.”

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt.18:21-35

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).