2. Cubbuun gara biyya lafaatti gale
Addaamii fi haati manaan isaa iddoo dhaaba Waaqayyo isaaniif tolche yommuu jiraatan gammadoodha turani. Isaan lachanuu qullaa isaanii turani haa ta’u malee qullaa ta’uun isaanii akka wal-saalfatan isaan hin goone; sababiin isaas immoo cubbuun biyya lafaa keessa hin turre. Isaanis iddoo dhaabicha keessa deddeebi’anitti Waaqayyoon wajjin in haasa’u turani.
Haa ta’u malee bofichi hamaan sun dhaaba sana keessa ture. Dubartittiis in gaafate, “Dhuguma Waaqayyo ija mukeetii dhaabicha keessa jiran hundumaa akka nyaattan isiniin jedheeraa?” jedheen.
Dubartittiinis “Waaqayyo hamaa fi gaarii isa beeksisu muka beekumsaa irraa kan hafe ija muka kamiyyuu nyaachuuf akka dandeenyu nutti himeera. Garuu, ija muka sanaa irraa yoo nyaattan yookin yoo tuqxan illee in duutu” nuun jedhe.
Bofichis dubartittiidhaan deebisee “kuni dhugaa miti ijicha irraa yommuu nyattan iji keesan akka banamu fi gaari fi hamaa beekudhaan akka Waaqyyoo akka taatan Waaqayyo waan beekudhaaf hinnyatinaa kan isinin Jedhe” Jedhe.
Dubartittiinis iji mukichaa nyaachuuf gaarii, ijaan ilaaluufis gammachiisaa fi oogummaa argachuudhaaf hawwisiisaa akka ta’e yommuu hubatte fudhattee nyaatte. Ishee wajjin kan ture abbaan manaa isheetiifis in kenniteef. Innis ija mukichaa irraa in nyaate.
Yeroodhuma sana iji jara lachuu in baname. Qullaa isaanii ta’uu isaaniis in hubatani; baala mukaas walitti hodhanii uffachuudhaan qaama isaanii dhoksuuf in yaalani.
Namtichii fi haati manaan isaas sagaleen Waaqayyoo dhaabicha keessatti yommuu deddeebi’u dhaga’anitti hundumtuu Waaqayyo duraa dhokatani. Waaqayyos Addaamiin waamee “Eessa jirta?” jedheen. Addaamis “Iddoo dhaabichaa keessa yommuu deddeebitu dhaga’ee qullaa koo waanan ta’eef nan sodaadhe, nan dhokadhes” jedhee deebiseef.
Waaqayyos “Qullaa ta’uu kee eenyutu sitti himee? Mukicha ani irraa hin nyaatin jedhee si abboome sana irraa nyaattee ree?” jedheen. Addaamis “Dubartittii ishee ana wajjin akka jiraattuuf ati naaf kennitetu ija mukichaa naaf kennitee nan nyaadhe” jedheen. Waaqayyo dubartittiidhaan wanti ati goote kuni maali inni?” jedhe. Isheenis “Bofichi na dogoggorsiifnaanan nyaadhe” jetteen.
Waaqayyo bofichaan akkana jedhe; “Ati kan abaaramtee dha garaa keetiin lafa irra in loota, biyyoos in nyaatta, atii fi dubartittiin diina walii in taatu ijoolleen kee fi ijoolleen ishees akkasuma diinota walii in ta’u sanyiin dubartittiis mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in hiddita.”
Waaqayyo dubartittiidhaanis “Yeroo ciniinsuu dhiphinni kee sitti in cima, fedhiin kees gara abbaa manaa keetiitti in ta’a innis aboo sirraatti in qabaata.
Waaqayyos Addaamin akkana jedhe “Dubbii haadha manaa kee dhageesse kan ani hin nyaatiin jedhee si abboome ija mukichaa waan nyaatteef biyyi lafaa sababii keetiin abaaramteetti. Bara jireenya kee hundumaa nyaata kee dhamaateeti ishee irraa argatta. Sana booddees in duta waan biyyoo taateef gara biyyootti in deebita. “Addaamis haadha manaa isaa haadha warra jiraatoo hundumaa waan taateef Hewaan jedheeti waame; hiikoon isaas jireenya kan kennitu jechuu dha; Waaqayyos uffata gogaa horii irraa hojjetee Addaamii fi Hewaan itti in uffise.
Waaqayyos namni haamaa fi gaarii gargar baasee baruu isaatiin nu keessaa akka tokkoo ta’eera amma immoo harka isaa diriirsee ija muka jireenyaa irraa kutatee akka hin nyaannee fi bara baraan akka hin jiranneef Addaamii fi Hewaanin iddoo bareedaa dhaabicha keessaa isaan in baase. Achumaan karaa gara muka jireenyaatti geessu eeguudhaa fi eenyumtuu muka jireenyichaa irraa kutate akka hin nyaanneef ergamtoota ciccimoo iddoo dhaabichaa kaa’ee.
Seena Macaafa Qulqulluu Seeraa Uumamaa 3
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).