28. Dargaggeessicha sooreessa

28. Dargaggeessicha sooreessa — illustration 1

Gaafa tokko dargaggeessi sooresssi tokko gara Yesuus dhufee, “Yaa barsiisaa gaarii, Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal godhu?” Jedhee gaafate. Yesuus, “Maaliif gaarii naan jetta? Gaariin tokkicha duwwaatu jira. Innis Waaqayyoo dha. Garuu ati jireenya baraa baraa qabaachuuf yoo barbaadde seera Waaqayyootiif abboomami ” jedhe.

28. Dargaggeessicha sooreessa — illustration 2

“Abboommiiwwan isaan kam?” jedhee gaafate. Yesuus akkas jedhee deebiseef, “Hin ejjiin, hin ajjeesin, hin hatiin, sobaan nama irratti dhugaa hin ba’iin, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni, namas akka mataa keetiitti jaalladhu.”

28. Dargaggeessicha sooreessa — illustration 3

Dargaggeessichi garuu, “Kana hundumaa ijoollummaa kootii jalqabee raawwadheera. Bara baraan jiraachuuf kan biraa maal gochuutu na barbaachisa?” Yesuus isa ilaaleetu isa jaallate.

28. Dargaggeessicha sooreessa — illustration 4

Yesuus, “Raawwattee guutuu ta’uu yoo barbaadde, dhaqii qabeenya kee hunda gurguriitii maallaqa isaa hiyyeessotaaf kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta. Sana booddees koottuutii ana duukaa bu’i” jedhee deebiseef.

28. Dargaggeessicha sooreessa — illustration 5

Dargaggeessichi waan Yesuus dubbate yommuu dhaga’e sooressa qabeenya baay’ee qabu waan tureef, hundumaa kennuu waan hin barbaadneef baay’ee gadde. Yesuus irraa garagaleetu adeeme.

28. Dargaggeessicha sooreessa — illustration 6

Yeroo sana Yesuus duuka buutota isaatiin akkana jedhe, “Namni sooressi gara mootummaa Waaqayyootti galuun baay’isee rakkisaa dha! Dhuguman isinittan hima, sooressi gara mootummaa Waaqayyootti galuu irra, gaalli qaawwaa lilmoo keessa ba’uutu salphata” jedhe.

28. Dargaggeessicha sooreessa — illustration 7

Duuka buutotni isaa isa Yesuus dubbate yommuu dhaga’an baay’ee na’anii, Egaa eenyutu fayyuu danda’aree?” jedhan.

28. Dargaggeessicha sooreessa — illustration 8

Yesuus gara duuka buutota isaa ilaalee, “Kun namootaaf hin danda’amu, Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in danda’ama” isaaniin jedhe.

28. Dargaggeessicha sooreessa — illustration 9

Pheexiroos Yesuusiin “Kunoo nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buune’oo, egaa maal arganna laata?” jedheen.

28. Dargaggeessicha sooreessa — illustration 10

Yesuus akkana jedhee deebiseef, “Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookiis obboloota yookiis abbaa yookiis haadha yookiis ijoollee yookiis araddaa dhiise, dachaa dhibba in fudhata jireenya bara baraas in dhaala. Garuu warra dura jiran keessaa baay’een warra booddee, warra booddee jiran keessaa baay’een warra duraa in ta’u.”

Seenaa Macaafa Qulqulluu:- Matt. 19:16-30, Marq. 10:- 17-31, Luq. 18:18-30

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).