27. Fakkeenya namicha gaarii warra Samaariyaa
Gaafa tokko beekaan seeraa Yihuudotaa tokko isa qoruudhaaf gara Yesuus dhufe, “Yaa barsiisaa jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta’a?” jedheen. Yesuus, Seera Waaqayyoo irratti kan barreeffame maali dha?” jedhee deebiseef.
Beekaan seeraa seerri Waaqayyoo, “Garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaanis, yaada kee guutuudhaanis Waaqayyo kee Goofticha jaalladhu, namas akka ofii keetiitti jaalladhu“ jedha jedhee deebise.
Garuu beekaan seeraa kun qulqulluu ta’uusaa mirkaneeffachuuf barbaadee kanaafuu, “Hiriyaan koo eenyu dha? Jedhee gaafate.
Yesuus seenaa dubbachuudhaan beekaa seeraaf deebise, “Yerusaalem irraa gara Iyyaarikootti adeemaa kan ture namni biyya Yihuudaa tokko ture.”
“Namichichi utuudhuma adeemaa jiruu saamtotni itti dhufanii in qabani. Waan qabu hundumaa irraa fudhatanii hamma du’aatti isa reebani. Achumaan irraa deemani.”
Sana booddee yeroodhuma sana lubni nama biyya Yihuudaa tokko achiin darba ture. Gaggeessaan amantaa kuni nama saamamee reebame kana yeroo arge irraa goree karaa biraa darbe, nama gargaarsa barbaadu kana calluma jedhee karaa isaa itti fufe.
Sana booddee otuma baay’ee hin turiin, Namichi Leewwiin tokko in dhufe. (Leewwotni mana qulqullummaatti luboota kan gargaaran gosa Yihuudaa turani.) Lewwichis immoo karaa isaa irraa goree namicha saamamee reebame callisee in darbe.”
Itti aansee namni kara sana irra darbuu dhufe nama biyya Samaariyaa ture. (Warri Samaariyaa sanyiiwwan Yihuudotaa kan namoota biyya biraa irraa dhufan fuudhan turani. Warri Samaariyaa fi Yihuudotni wal lolu turan.) Garuu namichi Samaariyaa kun Yihuudicha yeroo arge baay’ee gaddeetu garaa laafeef. Kanaafuu kunuunsee madaa isaa in hidheefi.
“Sana booddee namichi Samaariyaa kun namichicha ol kaasee harree isaa irra kaa’ee gara mana keessummootaatti in geesse in kunuunses.”
“Ganamasaas namichi Samaariyaa karaa isaa itti fufuun isarra ture. Abbaa mana keessummootiin itti boqotaniif maallaqa muraasa kenneefiitu, ‘’Kunuunsi, kana caala baafta yoo ta’e yeroon deebi’u siifan kaffala jedheeni.”
Kana booddee beekaa seeraa sanaan, “Maal yaaddaa? Nama saamamee reebameef hiriyaan isaa namoota sadan keessaa isa kami ture? jedhee gaafate. Innis “Isa garaagarsa godheef” jedheetu deebiseef. Yesuusis deebisee “Atis dhaqiiti akkanuma godhi” jedhee itti hime.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Luq. 10:25-37
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).