26. Yesuus tajaajila isaa jalqabe
Yesuus qorumsa Seexanaa erga mo’ee booddee, humna Hafuura Qulqulluutiin jiraataa iddoo turetti gara konyaa Galiilaatti in deebi’e. Yesuus iddoo dhaa gara iddootti deddeebi’ee barsiise. Namni hundinuus waa’ee isaa waan gaarii dubbata ture.
Yesuus daa’imummaa isaatti iddoo jiraate gara magaalaa Naazretitti deebi’e. Gaafa guyyaa Sanbataa gara mana waaqeffannaa dhaqe. Akka dubbisuuf barreffama maramaa raajicha Isaayyaas itti kennani. Yesuus barreeffama maramaa banee sabichaaf in dubbiseef.
Yesuus “Hiyyeessotaaf misiraachoo, kan boji’amaniif bilisummaa, warra jaamaniif ilaluu, kan hidhamaniif hiikamuu akkan labsuuf Waaqayyo hafuura isaa naaf kenneera. Kun bara Gooftaa kan jaalatamte dha” jedhee dubbise.
Achumaan Yesuus in taa’e. Hundumti isaanii itti dhiyatanii in ilaalani. Dubbifannaan sagalee Waaqayyoo amma inni dubbifate Masihicha kan ilaalu ture. Yesuus, “Sagaleen amma isiniif dubbise amma raawwatamaa jira” jedhe. Sabichi hundumtuu in ajaa’ibsiifatani. “Kuni ilma Yooseef mitii?” jedhani.
Achumaan Yesuus, “Raajichi biyya isaatti kan hin kabajamne dhugaa dha, bara raajicha Eeliyaas Israa’el keessa haadha Hiyyeessaa baay’eetu turani. Garuu waggaa sadii fi walakkaaf bokkaan yeroo in roobne Waaqayyo Eeliyaasiin kan erge gara biyya adda ta’etti malee akka haadha hiyyeessaa gargaaruuf gara Israa’elitti in ergine.”
Yesuus akkana jedhee dubbachuu itti fufe, ‘’Bara raajicha Eelsaa’is Israa’el keessa namootiin dhibee gogaatiin qabamani baay’ee turani. Eelisaa’i garuu tokkoo isaan illee hin fayyifne. Ajaja diinotaa Israa’el kan ture dhibee gogaa Ni’imaan qofa fayyise.” Sabni Yesuusiin dhaggeeffachaa turan Yihuudota turani. Kanaafuu kana yeroo dhaga’an baay’ee itti aarani.
Sabni Naaziret iddoo waaqeffannaatti Yesuusiin qabanii harkisanii tulluu irraa gadi darbatanii ajjeesuudhaaf ol baasani. Yesuus garuu saba gidduu ba’uudhaan tarkaanfatee gara magaalaa Naaziretitti deeme.
Achiis Yesuus konyaa Galiilaa hundumaa keessa deddeebi’e, sabni baay’een gara isaa dhufe. Ilaaluu, deemuu, dhaga’uu, yookin dubbachu kan hin dandeenye dabalatee kan dhukkubsatan baay’ee yookin namoota miidhama qaamaa qaban in fidani.
Namoota hafuurri hamaan keessa jiru baay’ee gara Yesuusitti in fidani. Abboommii Yesuusiitiin hafuurotni hamoon namoota keessaa in ba’ani, yeroo baay’ees “Ati ilma Waaqayyoo ti” jedhanii in iyyani. Sabnis ajaa’ibsiifataniitu Waaqayyoon in waaqeffatani.
Achumaan Yesuus duuka buutota isaa jedhamanii kan waamamani namoota kudha lama in filate. Ergamtootni isaa isa wajjin deemanii isa irraa in baratani.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt 4:12-25, Marq 1:14-15, 35-39, 3:13-21, Luq 4:14-30, 38-44
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).