25. Seexanni Yesuusiin in qore
Yesuus erga cuuphamee booddee hatattamumatti, Hafuurri Qulqulluun gara lafa onaatti isa in geesse, achittis guyyaa hafurtamaa fi halkan afurtamaaf in soome. Achumaanis Seexanni gara Yesuus dhufee akka cubbuu hojjetuuf isa in qore.
“Yoo ilma Waaqayyoo taate, nyaachuuf akka dandeesutti dhagoota kana gara buddeenaatti jijjiiri” jechuudhaan Seexaanni Yesuusiin in qore.
Yesuus, “Namootni jiraachuudhaaf buddeenni qofti isaaniif hin barbaachisu, garuu dubbiin Waaqayyo dubbatu tokkoo tokkoon isaa isaaniif in barbaachisa, jedhamee sagalee Waaqayyoo keessatti barreeffameera!” jedhee deebiseef.
Achumaan Seexanni Yesuusiin fiixee mana qulqullinaatti ol baasee, “Ilma Waaqayyoo yoo taate as irraa gad of darbadhu, sababiin isaas “Akka dhagaan miila kee hin gufachiifneef akka si baataniif Waaqayyo ergamoota isaa in ajaja jedhamee barreeffameera” jedhe.
Yesuus garuu sagalee Waaqayyoo keessaa caqasuudhaan Seexanaaf in deebise, “Sagaleen Waaqayyoo ‘Gooftaa isa ta’e Waaqa kee hin qoriin’ jechuudhaan saba isaa in ajaja jedhe.”
Achumaan Seexanni mootota biyya lafaa fi ulfina isaanii hundumaa isatti agarsiisee, “Yoo kuftee anaaf sagadde kana hundumaa siif nan kenna” jedheen.
Yesuus, “Deemi ati seexana nana! Sagaleen Waaqayyoo saba isaatiin ‘Gooftaa kee Waaqa keetiif sagadi isa qofaas waaqeffadhu jedhee ajajeera” jedheeni.
Yesuus qorumsa Seexanaatiif hin mo’atamne kanaafuu Seexanni yeroo sana isa in dhiise. Sana booddee ergamtootni dhufanii Yesuusiin tajaajilani.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt 4:1-11, Mar 1:12-13, Luq 4:1-13
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).