24. Yohaannis Yesuusiin Cuuphe
Yohaannis Mucaan Zakkaariyaasii fi Eelsaabeex guddateetu raajii in ta’e. Lafa onaa keessa in jiraate, damma lafa onaa fi awaannisa in nyaate, uffata rifeensa gaalaa irraa hojjatames in uffate.
Namootni baay’een Yohaannisiin dhaggeeffachuuf gara lafa onaa in dhufani. Innis “Mootumman Waaqayyoo dhiyaatteettii yaada garaa keessanii jijjiirradhaa” jechuudhaan isaanitti in lallabe.
Sabichi ergaa Yohaannis yeroo dhaga’an, baay’een isaanii cubbuu isaaniitti gaabbanii himatanii Yohaannis isaan in cuuphe. Gaggeessitootni amantaa baay’eenis Yohaannisiin cuuphamuuf gara isaa in dhufani, garuu cubbuu isaaniitiif yaada garaasaanii hin jijjiirranne yookin cubbuu isaanii hin himanne.
Yohannis gaggeessitoota amantaatiin akkana jedhe, “Isin bofa abbaa summii ti, waa’ee cubbuu keessaniif yaada garaa keessanii jijjiirradhaatii gocha keessan jijjiiraa. Mukti ija gaarii hin buufne hunduu muramee gara ibiddaatti in gatama.” Yohaannis raajotni kan isaan, “Kunoo, kan karaa kee siif tolchu ergamaa koo fuuldura kee nan erga” jedhanii dubbatan in raawwate
Yihuudotiin tokko tokko Yohaannis Masihicha ta’uu isaa in gaafatani. Yohaannis akkana jedhee deebise, “Ani Masihicha miti garuu namni tokko kan na booddee dhufu jira. Hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf hin ta’u inni baay’ee guddaa dha.”
Guyyaa itti fufu, Yesuus Yohaannis harkatti cuuphamuudhaaf in dhufe. Yohaannis yeroo isa arge, “Ilaalaa! Kunoo, cubbuu biyya lafaa kan fageessu hoolicha Waaqayyoo!” jedhe.
Yohaannis Yesuusiin, “Ani si cuuphuuf nama ga’aa miti. Qooda kanaa ati ana cuuphuu qabda malee!” jedheen. Yesuus garuu, “Waan qajeelaa ta’e raawwachuuf waan ta’edhaaf ati ana cuuphuu qabda” jedheen. Kanaafuu Yesuus cubbuu kan hinqabne yoo ta’e iyyuu Yohaannis Yesuusiin in cuuphe.
Yesuus cuuphamee erga bishaan keessaa ba’een booddee, hafuurri Waaqayyoo fakkeenya gugeetiin mul’atee isa irra in qubate. Yeroo kana sagaleen Waaqayyoo samii irraa “Ati ilma koo isan jaalladhu dha sitti baay’ee nan gammada!” jedhee dubbate.
Waaqayyo Yohannisiin, “Hafuurri Qulqulluun bu’etu nama ati cuuphxu irraa buufata. Namichi ilma Waaqayyoo ti” jedhee itti dubbatee ture. Waaqa tokko qofatu jira. Yohaannis Yesuusiin yeroo cuuphe garuu, Waaqayyo abbaan yommuu dubbatu in dhaga’e, Waaqayyo ilmaa in arge, innis Yesuusi dha, akkasumas Hafuura Qulqulluu in arge.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt 3, Mar 1:9-11 Luq 3:1-23
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).