23. Dhaloota Yesuus
Maariyaam nama tolaa Yooseef jedhameef kaadhimamtee turte. Kaadhimaan Maariyaam garaatti baachuu ishee yeroo dhaga’e daa’imichi kan isaa akka hin taane in beeke. Maariyaamiin saalfachiisuu hin barbaadne. Kanaafuu calluma jedhee ishee irraa addaan ba’uuf in yaade. Sana utuu hin godhiin ergamaan dhufee abjuudhaan itti dubbate.
Ergamtichi akkana jedhe “Yooseef Maariyaamiin haadha manaa kee godhattee fudhachuuf hin sodaatiin. Daa’imni garaa ishee keessa jiru Hafuura Qulqulluu irraa kan ta’ee dha. Mucaa dhiiraa in deessi, maqaa isaa Yesuus jedhii moggaasi (hikaan isaas, ‘Yaahiwween in fayyisa’ jechuu dha), sababiin isaas saba isaa cubbuu isaanii irraa in fayyisa.”
Kanaafuu Yooseef Maariyaamiin haadha manaa isaa godhateetu gara mana isaatti in fudhate, amma deessutti garuu ishee wajjin hin ciifne.
Yeroon Maariyaam itti deessu akkuma ga’een mootummaan warra Roomaa namni hundumtuu lakkaa’amuuf gara magaalaa akaakayyootiin isaanii jiraatanii akka deeman in hime. Yooseefii fi Maariyaam iddoo jiraatan magaalaa Naazireet irraa gara Beetaliheemitti karaa dheeraa deemani, sababiin isaas magaalaa Beetaliheemitti kan dhalate akaakayyuun isaanii Daawiti ture.
Gara Beetaliheemitti yeroo galani iddoon bultii hin jiru ture. Kutaan keessa bulmaataaf argachuuf danda’amu iddoo horiin bulan qofaa ture. Mucichi yeroo dhalate sireen irra ciibsan waan hin jirreef haati isaa goonnoo horiin keessa nyaatan irra in ciibsite. Maqaa isaas Yesuus jedhani.
Halkanuma sana dirree itti dhiyoo jiru keessatti horii isaanii kan eegan tiksootiin muraasni turani. Battaluma ergamaan ifu isaanitti in mul’ate, isaanis in sodaatani. Ergamtichis “Hin sodaatinaa, sababiin isaas an isiniif misiraachoo nan qaba, Gooftaan Beetaliheemitti dhalateera!” jedhe.
“Dhaqaatii mucicha barbaadaa, uffataan maramee goonnoo horiin irraa nyaatan keessa ciisee argitu.” Battalumattis samiin ergamotaan in guutame, Waaqayyoonis galateeffachaa, “Ulfinni Waaqayyoof haa ta’u nagaanis lafa irratti namaafis fedha gaarii!” in jedhani.
Tiksootni hatattamaan Yesuus iddoo turetti dhaqanii akkuma ergamtichi isaanitti himetti goonnoo horiin keessaa nyaatan irra cisee argatani. Baay’ee in gammadani. Maariyaamis immoo baay’ee gammadde. Tiksootiin waan arganii fi waan dhaga’an hundumaaf Waaqayyoon in galateeffatani, gara dirreewwan hoolotni isaanii turanitti in deebi’ani.
Yeroo muraasaan booddee biyyoota baha fagoo irraa kan ta’an ogeeyyiin samii irratti urjii hin beekamne tokko in argani. Mootiin Yihuudotaa haaraan akka dhalate kan agarsiisu ta’uu isaa in hubatani. Kanaafuu mootii kana arguuf karaa fagoo dheeraa in adeemani. Gara Beetaliheemitti dhufanii mana Yesuusii fi haati fi abbaan isaa turan in argatani.
Ogeeyyiin kun Yesuusiin haadha isaa wajjin yommuu argan kufanii in sagadaniif. Yesuusiif kennaawwan gati-jabeessa kennaniif. Achumaan gara biyya isaaniitti in deebi’ani.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Matt. 1, Luq .2
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).