22. Dhaloota Yohaannis
Waaqayyo duraan dursee karaa ergamootaa fi raajota isaa saba isaatti dubbatee ture. Garuu yeroo inni isaanitti hin dubbatin waggootni 400 darbaniiru. Otuma itti hin yaadamin ergamaan tokko gara luba dulloomaa Zakkaariyaas jedhamee waamamuu Waaqayyo biraa ergaa qabatee in dhufe. Zakkaariyaasii fi haati manaan isaa Eelsaabeex namoota Waaqayyoon sodaatan turani, garuu isheen ijoollee da’uuf hin dandeessu turte.
Ergamtichi Zakkaariyaasiin in jedhe “Haati manaa kee ilma in deessi. Yohaannis jettee in moggaafta, inni Hafuura Qulqulluudhaan in guutama, sabichas Masihichaaf in qopheessa!” Zakkaariyaas “Haati manaa koo fi ani ijoollee da’uuf baay’ee dulloomneerra kuni akka ta’u akkamittan beeka?” jedhee in deebise.
Ergamtichi akkana jedhee Zakkaariyaasiif deebise, “Misraachoo kana akkan isiniif fidu Waaqayyotu na erge. Waan na hin amanneef hamma mucichi dhalatutti dubbachuu hin dandeessu.” Yeroodhuma sanatti Zakkaariyaas dubbachu in dadhabe. Sana booddee ergamtichi Zakkaariyaas dhiisee isa irraa adda in ba’e. Zakkaariyaasis mana isaatti in deebi’e haati manaa isaas in ulfoofte.
Eelsaabeex ulfa ji’a ja’aa yeroo turte, ergamtichi suni otuma itti hin yaadamiin fira Eelsaabeex kan taate Maariyaam kan jedhamtutti in mul’atte. Isheen durba turte, nama Yooseef jedhamuuf kaadhimamtee turte. Ergamtichi, “Hin ulfoofta ilmas in deessa, maqaasaas Yesuus in jetta. Innis Ilma Waaqayyoo Mootii in jedhama hanga bara baraattis mootii in ta’a” jedhe.
Maariyaam “Ani durba waanan ta’eef kun akkamitti ta’a?” jette in deebifte. Ergamtichi akkana jedhee in ibse, “Hafuurri Qulqulluun gara kee in dhufa, humni Gooftaa si golbooba, kanaafuu mucichi qulqulluu Ilma Waaqayyoo in ta’a.” Maariyaamis in amante ergamtichi kan jedhes in fudhatte.
Ergamtichi erga Maariyaamitti dubbate booddee yeroodhuma sanatti, deemtee Eelsaabeexiin in ilaalte. Eelsaabeex nagaa Maariyaam akkuma dhageesseen, mucaan Eelsaabeex garaa keessaa in utaale. Dubartootiin kun waan Waaqayyo isaaniif godheef gammachuu guddaa waliin hirmaatani. Maariyaam ji’a sadiif Eelsaabeex bira erga turtee booddee gara mana isheetti in deebite.
Eelsaabeex ilma ishee erga deesseen booddee, Zakkaariyaasii fi Eelsaabeex akkuma ergamtichi ajajetti mucicha Yohaannis jedhanii in moggaasani. Yeroodhuma sana Waaqayyo Zakkaariyaas deebi’ee akka dubbatu in eeyyameef. Zakkaariyaas akkana jedhe, “Saba isaa yaadateera Waaqayyo haa galatoomu! Atis yaa mucaa koo, cubbuu isaaniitiif dhiifama argachuu akkamitti akka danda’an saba isaatti kan dubbattu raajii Waaqayyo Gooftaa in jedhamta.”
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Luq 1
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).