21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 1

Duraan dursee Waaqayyo Masihicha erguuf in kaayyeeffate. Abdiin Masihichaa inni jalqabaa gara Addaamii fi Heewaani in dhufe. Waaqayyo mataa bofichaa kan buruqsu sanyniin Heewaan akka dhalatu abdii kenne. Bofti kan Heewaan gowwoomse Seexana ture. Abdichi Masihichi akka Seexana guutuummaadhaan mo’atu dha.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 2

Karaa isaa sabni biyya lafaa hundumtuu eebba akka argatan Waaqayyo waadaa Abrihaamiif in gale. Eebbi kuni kan galma ga’u gara fulduraatti yeroo Masihichi dhufu dha. Innis gosoota saba biyya lafaa jiru hundumaa keessaa kan ta’an sabootni akka fayyan in godha.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 3

Gara fuulduraatti raajii akka Musee kan biraa akka kaasu Waaqayyo Museedhaaf abdii in kenne. Kuni waa’ee masihichaa turee dhufuu abdii kenname kan biraa ture.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 4

Sanyiiwwan isaa keessaa tokko mootii ta’ee saba Waaqayyoo amma bara baraatti akka bitu Waaqayyo mooticha Daawitiif abdii in kenneef. Kunis Masihichi sanyiiwwan Daawit keessaa tokko ta’a jechuu ture.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 5

Waaqayyo waadaa haaraa akka galu karaa raajicha Eermiyaas abdii kenne. Waadaan kun garuu akka waadaa isaa Waaqyyo Israa’elootaa wajjin Siinaatti gale miti. Waadaa haaraa keessatti Waaqayyo seera isaa onnee saba isaa keessatti in barreessa, sabni ofii isaatiin Waaqa isaa in beeka, saba isaa in ta’u, Waaqayyo cubbuu isaanii isaaniif in dhiisa. Masihichi waadicha haaraa in jalqaba.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 6

Akkasumas raajotni Waaqayyoo, Masihichi raajii, luba akkasumas mootii in ta’a jedhani. Raajiin dubbii Waaqayyo kan dhaga’u, achiis dubbii Waaqayyoo dhaga’e sabatti nama labsuu dha. Masihichi Waaqayyo erguudhaaf abdii kenne raajii mudaa hin qabne in ta’aa.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 7

Lubootiin Israa’elootaa waa’ee cubbuu isaaniitiif adabbii isaan irra ga’uuf saba isaanii bakka bu’anii Waaqayyoof aarsaa in dhiyeessani. Akkasumas lubootiin sabichaaf Waaqayyoon in kadhatani. Masihichi aarsaa mudaa hin qabne godhee ofii isaa Waaqayyoof kan dhiyeessu hangafa lubootaa isa mudaa hin qabne in ta’a.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 8

Mootiin nama mootummaa isaa bulchuu fi saba isaa gidduutti murtoo kan kennuu dha. Masihichi teessoo akaakilee isaa Daawit irraa kan taa’u mootii mudaa hin qabne in ta’a. Biyya lafaa hundumaa irratti amma baraa baraatti in bita, akkasumas yeroo hundumaa qajeelummaadhaan firdii fi murtee sirrii in kenna.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 9

Raajotni Waaqayyoo waa’ee masihichaa waan biraa baay’ee raajaniiru. Raajichi Milkiyaas utuu Masihichi hin dhufiin dura raajichi guddichi akka dhufu dursee raajeera. Masihichi durba tokko irraa akka dhalatu raajichi Isaayyaas in raaje. Raajichi Mikiiyaas Masihichi magaalaa Beetaliheem keessatti in dhalata jedhe.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 10

Raajichi Isaayyaas Masichi Galiilaa keessa in jiraata, namoota lapheen isaanii cabe in jajjabeessa. Akkasumas warra booji’amaniif bilisummaa warra hidhamaniif hiikamuu in labsa. Dabalees raajichi Masichi saba dhukkubsatan akkasumas dhaga’uu, ilaaluu, dubbachuu, yookin tarkaanfachuu warra hin dandeenye akka fayyisu raaje.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 11

Dabalees raajichi Isaayyaas Masihichi sababa malee akka jibbamuu fi Mormiin akka isa irra ga’u in raaje. Raajotni biroo Masihicha warri isa ajjeesani suni uffata isaa irratti ixaa akka buufatanii fi jaalalleen isaa akka isa haalu in raajani. Raajichi Zakkaariyaas Masihicha kan haalu jaalallee isaatiif qarshii soddoma akka kaffalaniif in raaje.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 12

Akkasumas raajichi akkaataa du’a masihicha in dubbate. Isaayyaas namootiin Masicha akka itti tufan, akka itti ga’isanii fi akka rukutan in raaje. Dogoggora tokko illee kan hin goone ta’u illee in waraanu dhukkubbii fi dhiphina baay’ee guddaadhaan in du’a.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 13

Dabalaniis raajotni Masichi cubbuu kan hin qabne mudaa malee in ta’a jedhani. Adabbii cubbuu namoota biraa fudhachuuf inni in du’e. Adabamuun isaa Waaqayyoo fi namoota gidduutti nageenya in fida. Sababa kanaan Masicha caccabsuun fedha Waaqayyoo ture.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 14

Masichi akka du’uu fi Waaqayyo akka du’aa isa kaasu raajotni dursanii raajaniiru. Waaqayyo karaa du’aa fi du’aa ka’iinsa Masichaatiin cubbamoota fayyisuuf kaayyoo isaa galmaan ga’uudhaan waadaa isaa isa haaraa in jalqaba.

21. Waaqayyo waa’ee Masihichaa abdii in kenne — illustration 15

Waaqayyo waa’ee Masicha waan baay’ee isaanitti ibseera garuu Masihichi bara raajota kanaa keessaa yeroo isa tokko iyyuu hin dhufne. Raajolee kana keessaa inni dhumaa erga raajamee waaggoota 400 booddee yeroodhuma sirrii ta’etti Waaqayyo Masihicha gara biyya lafaatti in erga.

Seenaa Macaafa Qulqulluu :- Uuma 3:15, 12:1-3, Kes.18:15, 2Sam 7, Erm 31, Isa 59:16, Dan 7, Mil 4:5, Isa 7:14 Mk 5:2 Isa 9:1-7, 35:3-5, 61:53, Far 22:18, 35:19, 69:4, 41:9, Zak 11:12-13, Isa 50:6, Far 16:10-11

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).