20. Boojuu fi boojuudhaa deebi’uu
Mootummaan Israa’elii fi Yihuudaa lachuun isaanii Waaqayyo irratti cubbuu in godhani. Waadaa Waaqayyo tulluu Siinaatti isaan wajjin gale in diigani. Akka isaan cubbuu isaaniitiif yaada garaasaanii jijjiirratanii Waaqayyoon deebi’anii waaqeffataniif akka isaan akeekkachiisaniif raajota isaaniif in erge, isaan garuu hin abboomamnu jedhani.
Kanaafuu akka diinotni isaanii isaan balleessaniif eeyyama gochudhaan mootummaa lachanuus in adabe. Biyyi sirna mootii moosisuutiin bultu Asoori isheen cimtuunii fi gara jabeettiin mootummaa Israa’el in balleessite, waan gatii qabu hundumaa in fudhate, biyyattii keessaa baay’eesaas in gubde.
Warri Asoori gaggeessitoota, sooressoota, akkasuumas namoota oogummaa qaban hundumaa waliti qabanii gara Asooritti in geessani. Kan hin ajjeefamin mootumma Israa’el keessatti kan hafan Israa’eloota baay’ee hiyyeessota ta’an qofa turani.
Achumaan warri Asoori lafa mootummaan Israa’el ture irra akka jiraataniif namoota alagaa ta’an in fidani. Alagootnis magaalota diigaman deebisanii ijaaranii Israa’eloota achitti hafanii turan in fuudhani. Alagootni kan fuudhan sanyiiwwan Israa’elootaa Samaarota jedhamanii waamamu turani.
Sabni mootummaa Israa’el Waaqayyotti waan hin amanneef akkasumas waan isaaf hin abboomamneef akkamitti akka isaan adabe sabni mootummaa Yihuudaa keessa turan in argani. Akkasuma ta’eeyyuu garuu sabni mootummaa Yihuudaa waaqota kana’aanotaa dabalatanii waaqota tolfaman in waaqeffatani. Waaqayyos akka isaan akeekkachiisaniif raajota erge, isaan garuu hin dhageenyu jedhani.
Warri Asoori mootummaa Israa’el erga balleessanii gara waggoota 100 booddee akka mootummaa Yihuudaa waraananiif Waaqayyo warra Baabiloon in erge. Baabiloon biyya cimtuu sirna mootii moosisuutiin bultu turte. Mootummaan Yihuudaa Nabukadanatsooriif tajaajilaa ta’uu fi waggaa waggaatti maallaqa baay’ee kaffaluufiif walii gale.
Mootiin Yihuudaa garuu waggoota muraasaa booddee Baabiloon irratti ka’e. Kanaafuu warri Baabiloon deebi’anii dhufanii mootummaa Yihuudaa waraanani. Magaalaa Iyyarusaalem in qabatani, mana qulqullummaa in balleessani, akkasumas galmeewwan magaalattii fi kan mana qulqullummaa hundumaa in fudhatani.
Mootiin Yihuudaa waan irratti ka’eef loltootni Nabukadanatsoor isa adabuudhaaf ijoollota dhiiraa mootii Yihuudaa fuulasaa duratti ajjeesani isas ijasaa jaamsani. Achumaan mana hidhaa Baabiloon keessatti akka du’uuf mooticha in geessani.
Nabukadanatsoorii fi loltootni isaa qonna irratti akka hojjataniif namoota baay’ee hiyyeessota ta’an qofa dhiisuudhaan saba mootummaa Yihuudaa gara Baabiloonitti booji’anii fudhatani. Yeroon sabni Waaqayyoo biyya abdii dhiisanii akka demaniif dirqisiifaman kun boojuu jedhamee waamama.
Yoodhumallee Waaqayyo sabasaa waa’ee cubbuu isaaniif adabuuf gara boojuutti geessuudhaan isaan adabe iyyuu isaanii fi abdiiwwan isaaniif kenne hin irraanfanne. Waaqayyo saba isaa eeguudhaaf karaa raajota isaa isaanitti dubbachuu itti fufe. Waggaa torbaatama booddee gara biyya abdiitti lammata akka deebi’an abdii kenne.
Gara waggoota torbaatamaan booddee mootiin Faaris Baabiloon mo’ate, kanaafuu bittaan mootummaa Faaris bittaa mootummaa Baabilooniin bakka bu’e. Israa’elootiin amma Yihuudota jedhamanii waamamaniiru. Baay’een isaanii jireenya isaanii guutuu Baabiloon keessa kan jiraatan turan. Yihuudotiin baay’ee dullooman muraasni qofti biyya Yihuudaa yaadatani.
Bittaan mootummaa Faaris cimaa ture garuu saba qabateef garaa kan laafu ture. Qiros mootii warra Faaris erga ta’e yeroo muraasa booddee, gara Yihuudaatti deebi’uuf kan barbaadee namni Yihuudaa kam iyyuu Faaris gadi dhiisee gara Yihuudaatti deebi’uu akka danda’u ajaja baase. Mana qulqullummaa deebisanii akka ijaaraniif gargaarsa maallaqaa illee isaaniif godhe. Kanaafuu boojuu jala yeroo itti turan waggoota torbaatamaan booddee gareen Yihuudotaa muraasni Yihuudaa keessa kan jirtu gara magaalaa Iyyaruusaalemitti deebi’ani.
Sabichi Yeruusaalem yeroo ga’an mana qulqullummaa fi masaraa naannoo magaalichaa jiru deebisanii in ijaarani. Hamma ammaatti saba birootiin yoo bitaman illee lammata deebi’anii biyya abdii keessa jiraatanii mana qulqullummaatti in waaqeffatani.
Seenaa Macaafa Qulqulluu:-2Moot 17, 24-25, 2Seen 36, Izr 1-10, Nah 1-13
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).