19. Raajota

19. Raajota — illustration 1

Seenaa Israa’elootaa hundumaa keessatti Waaqayyo raajota isaaniif in ergeef. Waaqayyo irraa ergaa dhaga’aanii ergaa Waaqayyo isaanitti himes sabatti in himani.

19. Raajota — illustration 2

Aki’aab mootummaa Israa’el irratti yeroo mo’e Eeliyaas raajicha ture. Aki’aab waaqa sobaa Ba’aal jedhamee waamamu sabni akka waaqaffatan kan kakaase nama haamaa ture. Eeliyaas Aki’aabiin “Amman ani dubbadhutti Israa’el irratti bokkaan yookin fixeensi hin jiraatu” jedheeni. Kun Aki’aabiin baay’ee in aarse.

19. Raajota — illustration 3

Isa ajjeesuuf kan barbaadu Aki’aab jalaa dhokachuu gara laga bishaanii lafa onaa keessa jiruu akka dhaquuf Waaqayyo Eeliyaasitti in hime. Ganamaa fi galgala allaatotiin buddeenaa fi foon in fiduuf turani. Aki’aabii fi loltootni isaa Eeliyaasiin in barbaadan garuu argachuuf hin dandeenye. Hongeen kun baay’ee cimaa waan tureef dhuma irratti bishaan lagiichaa in goge.

19. Raajota — illustration 4

Kanaafuu Eeliyaas gara biyya ollaa tokkotti in deeme. Biyya sanatti sababa beelaatiin haati iyyeessaa tokkoo fi ilmi ishee nyaatni isaan duraa dhumuuf dhiyaatee ture. Garuu Eeliyaasiin in kunuusani. Waaqayyos daakuun huubboo keessaa, zayitiinis okkotee keessaa akka hin dhumne godhee isaan in nyaachise. Yeroo beelaa sana hundumaa keessa nyaata qabu turani. Eeliyaas waggoota baay’ee achi taa’e.

19. Raajota — illustration 5

Waggaa sadii fi walakkaan booddee akka bokkaan roobuuf gara mootummaa Israa’elitti deebi’ee Aki’aabitti akka himuuf Waaqayyo Eeliyaasitti in hime. Aki’aab Eeliyaasiin yeroo arge “Ati rakkina uumaan in dhufte mitii” jedheen. Eeliyaas akkana jedhee deebiseef “Rakkinaa uumaan si’ii dha, Waaqa dhugaa isa ta’e Yaahiwwee dhiifteetta, Ba’aal waaqeffatteetta, saba mootummaa Israa’el hundumaa gara tulluu Qarmeelos irratti walitti qabi.”

19. Raajota — illustration 6

Raajota Israa’el 450 dabalatee sabni mootummaa Israa’el hundumtu gara tulluu Qarmeelos in dhufani. Eeliyaas sabichaan “Yeroo meeqa yaada keessan jijjiirtu? Waaqayyo inni yoo Waaqa ta’e isuma tajaajilaa, yoo Ba’aal waaqa ta’e isuma tajaajilaa!” isaaniin jedhe.

19. Raajota — illustration 7

Achumaanis Eeliyaas raajota Ba’aaliin “Jibicha tokko qalaatii aarsaa godhaatii dhiyeessaa, garuu ibidda hin bobeessinaa. Anis akkanuma nan godha. Inni ibiddaan deebisu inni waaqa dhugaa dha” isaaniin jedhe. Kanaafuu lubootni Ba’aal aarsaa in qopheessan garuu ibidda itti hin bobeessine.

19. Raajota — illustration 8

Sana booddee raajotni Ba’aal “Yaa Ba’aal, nu dhaga’i” jedhaniiti gara ba’aalitti in sagadani. Guyyaa guutuu in sagadani, in iyyani, akkasumattis billaadhaan of in murani, garuu deebiin hin jiru ture.

19. Raajota — illustration 9

Dhuma irratti Eeliyaas Waaqayyoof aarsaa in dhiyeesse. Achumaanis foonichi, mukichi, akkasumas naannoo aarsichaa lafti jiru hundumtuu hanga jiidhutti bishaan huubboo kudha lama guutuu aarsicha irratti akka dhangalaasan sabichatti in hime.

19. Raajota — illustration 10

Achumaan Eeliyaas akkana jedhee kadhate, “Yaahiwwee, Yaa Waaqa Abrihaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaa’iqoob ati Waaqa Israa’el akka taatee fi tajaajilaa kee akkan ta’e har’a nutti mul’isi. Ati Waaqa dhugaa ta’uu kee sabni kuni akka beekuuf naaf deebisi.”

19. Raajota — illustration 11

Yeroodhuma sanatti ibiddi samiidhaa bu’eetu foonicha, mukicha, dhakicha, huubas, akkasumas wantoota naannoo aarsichaa turan bishaan illee in gube. Sabichi kana yeroo argani lafa irratti kufanii “Yaahiwween Waaqa dha! Yaahiwween Waaqa dha!” jedhani.

19. Raajota — illustration 12

Achumaan Eeliyaas “Raajota Ba’aal keessaa tokko illee akka hin miliqne!” jedhe. Kanaafuu sabichi raajota Ba’aal qabanii isaan in ajjeesani.

19. Raajota — illustration 13

Sana booddee Eeliyaas mooticha Aki’aabiin “Bookkaan dhufeera atattamaan gara magaalaatti deebi’i” jedheen. Yeroodhuuma sanatti samiin gurraacha’ee bokkaan jabaan roobuu in jalqabe. Yaahiwween hongicha dhaabee Waaqa dhugaa ta’uu isaa in mirkaneesse.

19. Raajota — illustration 14

Bara Eeliyaas booddee Waaqayyo nama Eelsaa’i jedhamu akka raajii ta’uuf in filate. Karaa Eelisaa’in Waaqayyo waan raajii baay’ee godhe. waan raajii ta’an keessaa tokko gaggeessaa raayyaa diinaa kan ture Ni’imaan jedhamee kan waamamu irratti dhibeen gogaa hamaan isa qabeetu ture. Waa’ee Eelisaa’i waan dhaga’eef akka isa fayyisuuf dhaqee Eelisaa’iin in gafate. Eelsaa’i akka bishaan laga Yordaanos keessatti yeroo torbaaf gadii lixee ol ba’uuf Ni’imanitti hime.

19. Raajota — illustration 15

Gara duraatti Ni’imaan gowwummaa waan itti fakkaateef aareetu akka Eelasa’i itti hime sanatti hin goone. Booddee garuu yaada isaa jijjiirratee bishaan laga Yoordaanos keessatti gadi lixee ol in ba’e. Dhuma irratti yeroo bishaanicha keessaa ba’u gogaan isaa raawwatee in fayye! Waaqayyo isaa in fayyise.

19. Raajota — illustration 16

Waaqayyo raajota biraas baay’ee in erge. Hundumti isaanii waaqota tolfamoo waaqeffannaa dhiisuudhaan namoota biraatiif haqaa fi araara agarsiisuu akka jalqaban sabichatti himaniiru. Hamaa gochuu yoo hin dhiifnee fi Waaqayyoof abboomamuu yoo hin jalqabne, Waaqayyo akka yakkamootaatti isaanitti akka murteessu, akka isaan adabus sabicha in akeekkachiisan.

19. Raajota — illustration 17

Sabichi yeroo baay’eedhaaf Waaqayyoof hin abboomamne. Yeroo baay’ee raajotaaf ilaalchi isaan qaban hamaa ture. Yeroo tokko tokkos in ajjeesu turan. Yeroo tokko raajichi Eermiyaas boolla bishaan hin qabne keessatti gatamee akka achitti du’uuf dhiifamee ture. Dhoqqeedhuma bollichaa keessa gale, garuu yeroo sana mootichi garaa laafeefiitu utuu hin du’in dura boollicha keessaa akka ol harkisanii baasan tajaajiltoota isaa abboome.

19. Raajota — illustration 18

Sabichi yoo isaan jibban iyyuu raajotni waa’ee Waaqayyoo isaanitti himuu isaanii ittuma fufani. Yoo cubbuu isaaniitti gaabbuu baatan Waaqayyo akka isaan balleessu sabicha in akeekkachiisani. Akkasumas masihiin Waaqayyo akka dhufu waa’ee abdii kennamee sabicha in yaadachiisani.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - 1 Moot. 16-18, 2Moot. 5, Erm. 38

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).