1. Uumama

1. Uumama — illustration 1

Kana itti fufee kan ilaallu Waaqayyo jalqaba waan hundumaa ta’uu isaa ti. Kanaafuu Waaqayyo jalqabatti biyya lafaa fi waan ishee keessa jiran hundumaa guyyaa ja’a keessatti uume. Waaqayyo lafa erga uumee booddee lafti dukkanaa fi onaa turte, waanti tokko illee ishee keessatti hin uumamne ture. Haa ta’u malee hafuurri Waaqayyoo bishaan irra sosocho’a ture.

1. Uumama — illustration 2

Achumaan Waaqayyo “Ifni haa ta’u!” jedhe, ifnis in ta’e. Waaqayyo ifichi gaarii akka ta’e argeeti “guyyaa” jedhee in moggaase. Waaqayyo guyyicha dukkanicha irraa gargar baaseeti “halkan” jedhee in moggaase. Waaqayyos guyyaa gaafa jalqabaatti ifa uume.

1. Uumama — illustration 3

Waaqayyo gaafa guyyaa lammaffaa wantootaa lafaa ol jiran bantiiwwan uume. Kanaafuu Waaqayyo bishaanicha bantiiwwan irraa garagar in baase.

1. Uumama — illustration 4

Gaafa guyyaa sadaffaa Waaqayyo bishaan, lafa bishaanni irra hin ciifne irraa gargar akka ba’u godhe. Waaqayyos lafa bishaanni irra hin ciifne “Lafa” Bishaanichas “Galaana” jedhee in moggaase. Waaqayyos wanti inni uume gaarii akka ta’e in arge.

1. Uumama — illustration 5

Sana booddee Waaqayyo lafti biqila dhaaba sanyii godhatu akka qomoo qomoo isaatti haa biqilichituu jedhe; akkasuumas in ta’e. Waaqayyos wanti inni uume gaarii akka ta’e in arge.

1. Uumama — illustration 6

Guyyaa uumamaa gaafaa afraffaa Waaqayyo biiftuu; ji’a/baatii fi urjiiwwan uume. Waaqayyos halkanii fi guyyaanis wayitootnis akkasumas waggootnis gargar ba’ani akka ittiin beekaman godhee. Waaqayyos wanti inni uume gaarii akka ta’e arge.

1. Uumama — illustration 7

Gaafa guyyaa shanaffaa Waaqayyo bishaan keessa warra jiraatanii fi sinbirroota hundumaa in uume. Waaqayyos sun gaarii akka ta’e in arge, kan uumamanis in eebbise.

1. Uumama — illustration 8

Gaafa guyyaa ja’affaas Waaqayyo “lafa irra waan lubbuu qabaate jiraatu kan qomoo hundumaa haa ta’u” jedhe. Akkuma Waaqayyo jedhes in ta’e. Isaan tokko tokko horii qonnaa, isaan tokko tokko lafa irra kan munyuuqan; isaan tokko tokko bineensota bosonaa turani. Waaqayyos suni gaari akka ta’e in arge.

1. Uumama — illustration 9

Waaqayyos “nama akka bifa keeynaatti, akka fakkaatti keeynaatti, haa uumnuu, isaanis lafa hundaa fi bineensota hundumaa irratti aboo haa aqabataani” jedhe.

1. Uumama — illustration 10

Kanafuu Waaqayyo biyyoo lafaa irraa nama tolchee hafuura jireenyaa itti godhe. Maqaan nama kanaas Addaam jedhame. Waaqayyo iddoo Addaam jiraatutti bakka biqiltoota dhaabbatetti akka misoomsuuf achuma isa kaa’e.

1. Uumama — illustration 11

Waaqayyo iddoo dhaaba biqiltootaa sana walakkaa muka gosa lama dhaabe; isaanis muka nyaatanii jireenya namaaf kennu, muka hamaa fi gaarii ittiin beekanis in jira ture. Waaqayyos Addaam iddoo dhaaba biqiltootaa sana keessa mukeeti jiran keessaa muka gaarii fi haamaa garagar baasuuf dandeesisu muka beekumsaa malee iddoo dhaabichaa keessa kan jiran hundumaa nyaachuuf akka danda’u itti hime. Haa ta’u malee haamaa fi gaarii gagar baasuuf muka dandeesisu irraa yoo nyaate akka du’u itti himee ture.

1. Uumama — illustration 12

Waaqayyo namni kophaa isaa ta’uun gaarii akka hin taane itti hime. Horii keessaa tokkoon isaanii illee gargaaraa Addaam ta’uuf hin dandeenye.

1. Uumama — illustration 13

Waaqayyos Addaam rafee akka of wallaalu godhe, utuu inni rafuu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fudhatee dubartii godhee tolcheeti gara Addaamitti in geesse.

1. Uumama — illustration 14

Addaamis yeroo ishee arge akkana jedhe; “Isheen kun anuma fakkaatti waan dhiira irraa argamteef dubartii haa jedhamtu. Kanaafuu namni haadhaa fi abbaa isaa in dhiisa haadha manaa isaa wajjin tokko in ta’a.”

1. Uumama — illustration 15

Waaqayyo dhiiraa fi dubartii bifuma isaatiin uume. Waaqayyo isaan eebbise; akkasis ittiin jedhe “Ijoollee baay’ee fi ijoollee ijoollee keessanii qabaadhaa biyya lafaas guutaa” isaaniin jedhe. Waaqayyo wanti godhe hundumtuu baay’ee gaarii akka ture arge. Hundumattuu in gammade, kun hundumtuu kan ta’e guyyaa ja’a keessatti dha.

1. Uumama — illustration 16

Gaafa guyyaa torbaffaa Waaqayyo hojii uumuu isaa in xumure. Kanaafuu Waaqayyo hojii hojachaa ture hundumaa irraa in boqote; guyyaa torbaffaas in eebbise in qulqulleesses. Sababiin isaas gaafa guyyaa kanaa hoji isaa hundumaa irraa waan boqoteefi. Waaqayyo waaqaa fi lafa keessas kan jiran yommuu uume raawwiin isaa haala kanaan ture.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Seera Uumamaa 1-2

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).