18. Mootumaa addaan hirame

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 1

Waggoota baay’een booddee Daawit in du’e, ilmisaa Solomoon Israa’el irratti mo’uu in jalqabe. Waaqayyo Solomoonitti dubbatee caalatti maal akka barbaadu in gaafate. Solomoon oogummaa in gaafate, biyya lafaa irratti nama baay’ee ogeessa guddaa isa in taasise. Solomoon wantoota baay’ee baratee ogeessa baay’ee murteessaa in ta’e. Akkasumas Waaqayyo sooressa baay’ee guddaa isa in godhe.

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 2

Solomoon abbaan isaa Daawit Iyyaruusaalem keessatti ijaaruuf kaayyoo itti baafatee mi’a ijaarsaaf barbaachisu kan walitti qabeef mana qulqullummaa in ijaare. Sabni amma dunkaana walga’ii isa gochaa turan dhiisanii mana qulqullummaatti Waaqayyoon in waaqeffatani aarsaas in dhiyeessani. Waaqayyos dhufee mana qulqullummaatti in argame, achumattis sabichaa wajjin in jiraate.

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 3

Solomoon garuu dubartoota biyyoota biraa in jaallate. Dubartoota baay’ee gara 1000 ta’an fuudhuu isaatiin Waaqayyoof kan hin abboomamne ta’e. Dubartoota kana keessaa baay’een isaanii kan biyya alaatii dhufani, waaqota tolfaman fidatanii isaanuma waaqeffachuu itti fufani. Solomoon yeroo dulloome innis waaqota isaanii in waaqeffate.

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 4

Waaqayyo Solomooniin in dheekkame. Solomoon amanamummaa dhabuu isaatiif adabbiif akka ta’utti Solomoon erga du’ee booddee mootummaan Israa’el mootummaa lamatti akka hiramu isatti in himame.

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 5

Erga Solomoon du’een booddee ilmi isaa Roobi’aam in mo’e. Roobi’aam gowwaa ture. Sabni Israa’el hundumtuu walitti qabamanii mo’insa isaa mirkaneessuuf in dhufani. Solomoon hojii baay’ee cimaa akka isaan hojjachiisee fi gibiraa baay’ee akka isaan kaffalchiise waan itti dhaga’ame Roobi’aamitti in himatani.

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 6

Roobi’aam gowwummaadhaan akkana jedhee isaaniif in deebise “Abbaan koo Solomoon hojii baay’ee cimaa nu hojjachiise jettanii yaaddaniittu, ani garuu isa caalatti hojii cimaa ta’en isin hojjachiisa. Isa caalattan humnaan isin adaba.”

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 7

Gosoota saba Israa’el keessaa kurnan isaanii Roobi’aam irratti in ka’ani. Gosoota lama qofatu isaaf amanamummaadhaan itti fufani. Gosootni lamaan kun mootummaa Yihuudaa ta’aani.

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 8

Gosoota saba Israa’el kan Roobi’aam irratti ka’an kurnan Iyyooribi’aam nama jedhamu mootii godhatanii of irratti in moosisani. Biyyattii keessatti kutaa gara kaabaatti mootummaa isaanii dhaabbatanii Israa’el jedhamanii waamamani.

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 9

Iyyoorbi’aam Waaqayyo irratti ka’uudhaan sabni akka cubbuu godhu in godhe. Mootummaa Yihuudaa keessatti kan argamu mana qulqullummaatti waaqeffachuu dhiisuudhaan bakka isaa sabni akka isaan waaqeffatuuf waaqota tolfamoo lama in tolcheef.

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 10

Moototni Yihuudaa fi Israa’el diinota walii ta’uudhaan yeroo baay’ee wal in waraanani.

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 11

Mootummaa Israa’el ishee haaraatti moototni hundumtuu haamota kan ta’an turani. Mootota isaan kana keessaa baay’een isaanii bakkasaaniitti mootii ta’uuf Israa’eloota biraatu isaan ajjeese.

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 12

Moototni Israa’el hundumtuu fi sabni mootummaa Israa’el baay’een isaanii waaqa tolfamaa in waaqeffatani. Waaqefannaan waaqa tolfamaa isaanii yeroo baay’ee wal quunnamtii saalaa naamusa hin qabnee fi yeroo tokko tokko ijoollee isaanii aarsaa godhanii dhiyeessuu kan of keessaa qaban turani.

18. Mootumaa addaan hirame — illustration 13

Moototiin Yihuudaa sanyiiwwan Daawit turani. Mootota isaanii kana keessaa tokko tokko sirriitti kan bulchanii fi Waaqayyoon gaariitti kan waaqeffatan turani. Moototni baay’een garuu haamoo fi amala manca’aa kan qaban turani, waaqota tolfamoos in waaqeffatu turani. Moototiin tokko tokko ijoollee isaanii illee waaqota sobaatiif aarsaa godhanii dhiyeessaniiru. Akkasumas sabni Yihuudaa baay’een isaanii Waaqayyo irratti ka’anii waaqota biraas in waaqeffatani.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - 1Moot. 1-6, 11-12

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).