17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 1

Saa’ol mootii Israa’el isa duraa ture. Inni akkuma sabichi barbaadetti dheeraa fi naato qabeessa ture. Saa’ol Israa’el baroota bulchaa ture waggoota muraasaaf mootii gaarii dha ture. Sana booddee garuu Waaqayyoof kan hin abboomamne nama haamaa in ta’e. Kanaafuu Waaqayyo gaafa tokko bakka Saa’ol mootii kan ta’u nama adda ta’e in filate.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 2

Waaqayyo Saa’ol booddeetiin mootii akka ta’uuf Daawit kan jedhamu dargaggeessa lammii Israa’el in filate. Daawit nama magaalaa Beetaliheem yommuu ta’u tiksee hoolotaa ture. Daawit yeroo adda addaa hoolota abbaa isaa yommuu eegu, leencaa fi waldiigessa hoolota miidhan ajjeesee ture. Daawit Waaqayyotti kan amanuu fi isaaf kan abboomamu nama garraamii fi qulqulluu ture.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 3

Daawit loltuu cimaa fi gaggeessaa ta’e. Daawit dargaggeessa yeroo ture namicha guddicha Gooliyaadi jedhamuun wal in lole. Gooliyaad loltuu leenji’e, baay’ee cimaa, akkasumas gara meetira sadii kan dheeratu ture. Waaqayyo garuu akka inni Gooliyaadiin ajjeesee Israa’eliin oolchuuf Daawitiin in gargaare. Kana booddees Daawit kan ittiin galateeffame diinota Israa’el irratti mo’icha baay’ee argachuu isaatiini.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 4

Saa’ol jaalala sabni Daawitiif qabu in inaaffe. Saa’ol yeroo baay’ee Daawitiin ajeesuuf yalee. Kanaafuu Daawit Saa’ol jalaa in dhokate. Gaafa tokko Saa’ol Daawit ajeesuuf in barbaada ture. Saa’ol gara holqa Daawit isa jalaa itti dhokatee turee in dhaqe, Saa’ol garuu isa hin argine. Daawit gara Saa’olitti baay’ee dhiyaatee waan tureef isa ajeesuu in danda’a ture, garuu hin ajjeefne. Kana irra darbee Daawit mootii ta’uuf akka isa hin ajjeefne Saa’ol akka hubatuuf uffata Saa’ol fixeesaa irraa mure.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 5

Dhuma irratti Saa’ol waraana irratti in du’e. Daawit immoo mootii Israa’el in ta’e. Daawit mootii gaarii ture, sabnis isa jalate. Waaqayyo Daawitiin in eebbise, bu’a qabeessas isa godhe. Daawit waraana baay’ee in waraane, diinota Israa’el akka mo’uufis Waaqayyo in gargaare. Daawit Iyyaruusaalem mo’ee qabatee magaalaa ishee guddittiis in godhate. Yeroo mootummaa Daawititti Israa’el cimtuu fi soorettii in taate.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 6

Daawit Israa’elootiin hundumtuu iddoo Waaqayyoon itti waaqeffatanii fi aarsaa itti dhiyeessan akka ta’uuf mana qulqullummaa ijaaruu in barbaade. Sabichi dunkaana walga’ii Museen ijaare keessatti waggaa 400iif Waaqqayyoon waaqefachaa aarsaa in dhiyeessuuf turani.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 7

Waaqayyo garuu ergaa kana qabsiisee raajicha Naataan gara Daawititti in erge. “Ati nama waraanaa waan taateef mana qulqullinaa kana anaaf hin ijaartu. Ilmi kee in ijaara, baay’isee guddiseen si eebbisa. Sanyiiwwan kee keessaa inni tokko saba koo irratti mootii ta’ee hanga bara baraatti in bita.” Sanyiin Daawit inni tokkichi kan bara baraan bitu masihicha dha. Masihichi saboota biyya lafaa cubbuu isaanii irraa kan isaan fayyisu Waaqayyoon kan filatamee dha.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 8

Daawit dubbiiwwan kana yeroo dhaga’e ulfina guddicha kanaa fi eebba baay’ee kennuufiif waadaa isaaf in galeef yeroodhuma sana Waaqayyoon in galateeffate, maqaa isaas ol-ol in qabe. Wantoota kana Waaqayyo yoom akka godhu Daawit hin beekne. Garuu akka dhugichaatti Israa’elootiin masihichi utuu hin dhufiin dura yeroo dheeraadhaaf gara waggoota 1000 eeguutu isaanirra ture.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 9

Daawit bara baay’eef haqaa fi amanamummaadhaan saba isaa gaggeesse. Waaqayyos isa in eebbise. Haa ta’u malee bara jireenya isaa gara xumuraatti Waaqayyo irratti cubbuu hamaa ta’e godhe.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 10

Gaafa tokko loltootni Daawit hundumtuu mana isaanii dhiisaanii lola yommuu lolan, inni mana mootummaa isaa keessa taa’ee dubartiin bareedduun tokko utuu qaama ishee dhiqattu in arge. Maqaan ishee Baat-Sheebaa ture.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 11

Daawit ishee irraa fuula isaa garagalchuurra gara isaatti akka dhuftuuf nama itti in erge. Ishee wajjin ciisee gara mana isheetti deebisee erge. Yeroo muraasaan booddee Baat-Sheebaan ulfaa’eera jettee Daawititti ergaa in ergite.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 12

Abbaan manaa ishee Uuriyaa jedhamee kan waamamu loltoota Daawit kan filataman keessaa isa tokko ture. Uuriyaan iddoo lolaatti deebi’ee akka haadha manaa isaa wajjin ta’uuf Daawit isaatti in hime. Uuriyaan garuu utuu loltootni kaan adda waraanaa jiranii ani gara mana kootti hin galu jedhe. Kanaafuu Uuriyaa gara adda waraanaatti deebisee ergeetu haa ajjeefamuuf jecha iddoo humni diinaa itti cimee jirutti akka isa hiriirsuuf jeneraalichatti in hime.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 13

Erga Uuriyaan ajjeefamee booddee Daawit Baat-Sheebaa in fuudhe. Booddees isheen ilma dhiiraa Daawitiif in deesse. Waaqayyo waan Daawit godheef baay’ee guddisee in dheekkame. Cubbuun isaa akkam hamaa akka ture akka isatti himuuf Naataan raajicha gara isaatti in erge. Daawit cubbuu isaa waan himatee dhiifama gaafateef, Waaqayyos cubbuu isaa in dhiiseef. Daawit barasaa isa hafe hundumaa yeroowwan rakkisaa ta’an keessatti illee Waaqayyoon duukaa bu’e, in abboomameefis.

17. Waadaa Waaqayyo Daawitii wajjin gale — illustration 14

Garuu waan Daawit cubbuu godheef adaba itti ta’eetu mucaansaa in du’e. Akkasumas bara jireenya Daawit isa hafe keessaa maatii Daawit giddutti lolatu ture. Humni Daawitis baay’isee in dadhabe. Yeroo Daawit Waaqayyoof amanamuu dhiseetti iyyuu ammas Waaqayyo waadaa isaatiif amanamaa ture. Booddee Daawitii fi Baat-sheebaan ilma dhiiraa in argatani maqaa isaas Solomoon jedhaaniin.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - 1Sam. 10:15-19;24; 31; 2Sam.5; 7; 11-12

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).