16. Bilisa Baaftota
Erga Iyyaasuun du’ee booddee Israa’elootiin Waaqayyoof hin abboomamne. Kana’aanota hafanis of gidduudhaa hin baafne yookin seera Waaqayyootiif hin abboomamne. Israa’elootiin Waaqa dhugaa kan ta’e Yaahiwwee waaqeffachuu irra caalatti waaqota Kana’aanotaa waaqeffachuu in jalqabani. Israa’elootiin mootii hin qaban turani kanaafuu tokkoon tokkoon isaanii waan sirrii isaanitti fakkaate hundumaa in godhu turani.
Israa’elootiin Waaqayyoof abboomamuu dhiisuu itti fufuu isaaniitiif Waaqayyo diinotni isaanii akka isaan miidhan in godhe. Diinotni isaanii kun mi’oota Israa’elootaa hundumaa in hatani, qabeenya isaanii in barbadeessani, baay’ee isaaniis in ajjeesani. Israa’elootiin Waaqayyoof abboomamuu diduu fi diinota isaaniitiin miidhamuudhaan bara baay’ee erga dabarsanii booddee yaada garaasaanii jijjiirratanii Waaqayyos diinota isaanii jalaa akka isaan baasuuf isa in gaafatani.
Achumaan Waaqayyo diinota isaanii jalaa kan isaan baasan bilisa baaftuu isaaniif erge biyyattiifis nagaa in kenne. Garuu namootiin deebi’anii Waaqayyoon in irraanfatani. Waaqa tolfamaa waaqeffachuu in jalqabanii, kanaafuu Waaqayyo diinotaa dhiyoo isaanitti argaman Midiyaamota isaanitti in kakaase, isaan in mo’atanis.
Midiyaamotni midhaan Israa’eloota hundumaa waggaa torbaaf in fudhatani. Israa’elootiin baay’ee sodaatanii turani. Sululaa fi holqawwan keessa waan dhokataniif Miidiyaamotni isaan argachuudhaaf hin dandeenye. Dhuma irrattis akka isaan oolchuuf gara Waaqayyootti in iyyatani.
Gaafa tokko namni israa’el Geede’oon kan jedhamu akka Midiyaamotni midhaan isaa hin fudhanneef dhokatee midhaan in dha’a ture. Ergamaan Waaqayyoo gara Geede’oonitti dhufee akkana jedheen “Ati yaa nama loltuu cimaa nana Waaqayyo si wajjini. Dhaqiitii Israa’eloota Midiyaamota jalaa oolchi.”
Abbaan Geede’oon iddoo aarsaa waaqa tolfamaa waaqeffachuuf qophaa’e qaba ture. Waaqayyo iddoo aarsaa sana akka Geede’oon diigu isatti in hime. Geede’oon garuu sabicha waan sodaateef hanga dhiyutti in eege. Achumaan iddoo aarsichaa in diigee hanga inni hunkutaa’uttis in caccabse. Isa qaraqaratti Waaqayyoof iddoo aarsaa haaraa in tolche. Waaqayyoofis isa irratti aarsaa in dhiyeesse.
Ganama bariidhaan ka’anii iddoo aarsaa isaanii namni tokko akka diige arganii baay’ee in aarani. Geede’ooniin ajjeesuuf gara mana Geede’oon in deemani. Abbaan Geede’oon garuu “Maaliif waaqa keessan gargaaruuf yaaltu?” Inni yoo waaqa ta’e ofirraa haa dhoowwatu” isaaniin jedhe. Waan inni kana jedheef Geede’ooniin hin ajjeefne.
Midiyaamotiin Israa’eloota saamuudhaaf lammaffaa in dhufani. Lakkofsi isaanii baay’ee waan ta’eef eenyu illee isaan lakkaa’uuf hin danda’u ture. Geede’oon Midiyaamota waraanuuf Israa’eloota in waame. Waaqayyo isatti fayyadamee Israa’eloota akka oolchu dhugeeffachuuf Geede’oon mallattoowwan lama Waaqayyoon in gaafate.
Mallattoo inni dura uffata lafa irra kaa’ee fixeensi ganamaa uffaticha qofa irratti akka ta’u lafarratti akka hin taane in gaafate. Waaqayyos akkasuma in godhe. Halkan itti fufutti Waaqayyoon akkana jedhee in gaafate, fixeensi ganamaa lafa hundumaa irratti haa ta’u uffatatichi garuu qooraa haa ta’u in jedhe. Waaqayyos akkanuma in godhe. Mallattoowwan kun lachanuu Waaqayyo isaatti fayyadamee akka Israa’eloota bilisa baasuu barbaadu Geede’ooniif dhugeeffannaa ta’aniif.
Loltootni Israa’elootaa 32,000 gara Geede’oon in dhufani, Waaqayyo garuu lakkoofsi isaanii baay’ee dha jedheen. Kanaafuu Geede’oon loluuf kan sodaatan 22,000 gara mana isaaniitti in deebise. Waaqayyo ammas lakkoofsi loltoota baay’ee dha jedheen. Kanaafuu Geede’oon 300 qofa hambisee isaan kaan gara mana isaaniitti in deebise.
Halkanuma sana Waaqayyo Geede’ooniin “Gara teessoo loltoota Midiyaamotaatti gadi bu’i, waan jedhan yoo dhageesse homaa hin sodaatiin” jedheen. Kana waan ta’eef Geede’ooni halkanuma sana gara teessoo loltoota Midiyaamiitti gadi in bu’e loltuun Midiyaam tokko abjuu isaatiin “Waraanni Geede’oon waraana Midiyaam yommuu mo’u” akka arge hiriyaa isaatti utuu himuu in dhaga’e. Geede’oon yeroo kana dhaga’ee Waaqayyoof in sagade.
Achumaan Geede’oon gara loltota isaatti deebi’ee tokko tokkoo isaaniitiif imbiltaa, okkotee fi ibsaa in kenneef. Utuudhuma loltotni Midiyaam rafanii jiranii iddoo itti boqotanii turanitti iddoo waraanaa isaanii in marsani. Loltootni Geede’oon 300 okkoticha keessatti ibsaa qabataniiti turani, loltootni Midiyaam garuu ibsicha arguuf hin dandeenye.
Achumaan loltootni Geede’oon hundumtuu yeroodhuma tokkotti okkoteewwan isaanii in cabsani. Yerosuma utuu itti hin yaadamiin ifni ibsaa isaanii in ife. Imbiltaa isaanii afuufaa “Loltoota kan Waaqayyoo fi kan Geede’oon” jedhanii in iyyani.
Waaqayyos Midiyaamota waan godhan isaan in wallaalchise, walumatti deebi’anii wal in ajjeesani. Achumaan Israa’elootiin mana mana isaanii jiran wal waamanii Midiyaamota ari’achuuf wal in gargaaran. Baay’ee isaanii in ajjeesani, isaan hafanis lafa Israa’el irraa in ari’atani. Yeroodhuma sana loltootni Midiyaamotaa 120,000 in du’ani. Waaqayyos Israa’eliin in oolche.
Sabnis Geede’oon akka mootii isaanii ta’uuf in barbaadani. Geede’oon garuu akka kana godhaniif hin eeyyamneefi, garuu tokkoo tokkoon isaanii qubeelaa warqee Midiyaamota irraa fudhatan gara isaatti akka fidan isaan in gaafate. Sabnis Geede’ooniif warqee baay’ee baay’atu in kennani.
Geede’oonis warqicha baqsee akka angafti lubootaa uffatutti uffata addaa godhee in tolche. Sabichi garuu uffaticha akka waaqa tolfamaatti waaqeffachuuf in jalqabani. Sanaan kan ka’e Waaqayyo diinota isaaniitiin akka mo’ataman godhee isaan in qixaaxe (adabe). Dhuma irratti ammas sabichi deebi’anii Waaqayyo akka isaan oolchuuf in kadhatani. Waaqayyo kan isaan oolchu kan biraa in ergeef.
Haalli kana fakkaatu yeroo baay’ee deddeebi’ee in ta’e. Israa’elootiin cubbuu in godhu, Waaqayyos isaan adaba, deebi’anii immoo yaada garaasaanii jijjiirratu, Waaqayyos akka isaan oolchaniif kan isaan oolchan in ergaaf. Waaqayyo bara baay’eedhaaf Israa’eloota akka oolchaniif bilisa baaftota baay’ee ergeefiira.
Dhuma irrattis akkuma sabootiin biroo mootii qaban mootii akka isaaniif kennu Waaqayyoon in gaafatani. Waraana irratti kan isaan gaggeessu, mootii dheeraa fi cimaa kan ta’e akka qabaatan in barbaadani. Waaqayyo garuu gaaffii isaanii kana hin jaallanne. Ta’u illee akkuma barbaadanitti mootii isaaniif in kenne.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Abbootii Firdii 1-5, 6-8
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).