15. Biyyattii Abdii

15. Biyyattii Abdii — illustration 1

Dhuma irratti Israa’elootni gara biyya abdii gara Kana’aanitti yeroon galan in ga’e. Iyyaasuun gara magaalaa warra Kana’aan ishee gimbii cimaadhaan eegamtee turte gara Iyyaarikootti basaastota lama in erge. Magaalattii sana keessatti basaastota kan dhoksite booddees akka miliqan kan gargaarte dubartiin ejjituun Ra’aab jedhamtu achi jiraatti turte. Isheen waan Waaqayyotti amanatteef kana in goote. Basaastotnis Israa’elootiin Iyyaarikoo yommuu balleessan Ra’aabii fi maatii ishee akka baasaniif waadaa in galaniif.

15. Biyyattii Abdii — illustration 2

Israa’elootiin gara biyya abdiitti galuudhaaf laga Yordaanos ce’uun isaanirra ture. “Duraan dursee lubootiin akka ce’an godhi” jedheetu Waaqayyo Iyyaasuutti hime. Yeroo lubootni gara laga Yordaanositti seenuu jalqaban Israa’elootni lafa gogaa irra ce’uuf akka danda’aniif bishaan gara oliitiin jiru yaa’uu dhiiseetu in dhaabate.

15. Biyyattii Abdii — illustration 3

Sabichi laga Yordaanos erga ce’aniin booddee magaalaa Iyyaarikoo cimichaa akkamitti akka waraanu Iyyaasuutti in hime. Sabichi Waaqayyoof in abboomamaniif. Loltootnii fi lubootiin akkuma Waaqayyo isaanitti himetti guyyaatti yeroo tokko guyyaa ja’aaf magaalaa Iyyaarikoo in naanna’ani.

15. Biyyattii Abdii — illustration 4

Achumaan gaafa guyyaa torbaffaa yeroo torbaaf magaalattii in naanna’ani. Yeroo dhumaatiif magaalattii naanna’aa utuu jiranii loltootni in iyyani, lubootiin imbiltoota isaanii in afuufani.

15. Biyyattii Abdii — illustration 5

Achumaan gimbiin magaalaa Iyyaarikoo marsee ture in kufe! Akkuma Waaqayyo isaan abboometti Israa’elootiin magaalattii keessa kan ture waan hundumaa in balleessani. Israa’eloota warra gargaarani Ra’aabii fi maatii ishee qofa in baasani. Sabbootni biraa Kana’aan keessa jiraataa turan Israa’elootiin Iyyaarikoo akka balleessan yeroo dhaga’an Israa’elootni isaanis immoo akka waraanan yaaduudhaan in sodaatani.

15. Biyyattii Abdii — illustration 6

Israa’elootni gosa saba Kana’aan keessa jiran kam iyyuu wajjin waliigaltee akka hin godhannee isaan abboomee ture. Haa ta’u malee gosa saba Kana’aan keessaa tokko kan ta’an warri Gabaa’on Kana’aan irraa fagoo iddoo ta’eetii dhufuu isaanii Iyyaasuutti sobanii in himani. Isaan wajjin waliigaltee nageenyaa akka godhu Iyyaasuu in gaafatani. Iyyaasuu fi Israa’elootiin warri Gabaa’on eessaa akka ta’an Waaqayyoon hin gaafanne. Kanaafuu Iyyaasuun isaan wajjin waliigaltee nageenyaa in godhe.

15. Biyyattii Abdii — illustration 7

Warri Gabaa’on akka isaan gowwoomsan Israa’elootiin yommuu beekan in aarani, garuu kan Waaqayyoon duratti waadaa galan waan tureef, waliigaltee nageenyaa isaan wajjin godhan in eegani. Turanii yeroo biraa Kana’aan keessa kan turan moototiin gosa saba biraa, warri Amoorotaas warri Gabaa’oon Israa’elootaa wajjin waliigaltee nageenyaa akka godhan in dhaga’ani. Kanaafuu loltoota isaanii walitti gurmeessanii warra Gabaa’on in waraanani. Warri Gabaa’on gargaarsa gaafachuuf gara Iyyaasuutti ergaa in ergani.

15. Biyyattii Abdii — illustration 8

Kanaafuu Iyyaasuun loltoota Israa’el walitti qabee gara warra Gabaa’on qaqqabuuf halkan guutuu in adeeme. Barii ganama utuu isaan itti hin yaadin loltoota Amoorotaa in waraanani.

15. Biyyattii Abdii — illustration 9

Guyyaa sana Waaqayyo Israa’elootaaf in lole. Amoorota gara itti goran in wallaalchise, dhakaa cabbii gurguddaa itti ergee Amoorota keessaa namoota baay’ee in ajjeese.

15. Biyyattii Abdii — illustration 10

Israa’elootiin Amoorota raawwatanii mo’uuf akka danda’anitti yeroo ga’aa akka argataniif Waaqayyo Biiftuun samii irra iddoo tokko akka turtu in godhe. Waaqayyo gaafaa sana Israa’elootaaf mo’icha guddaa isaan in argachiise.

15. Biyyattii Abdii — illustration 11

Erga Waaqayyo loltoota isaan sana mo’atee booddee gosti saba Kana’aan baay’een isaanii Israa’el waraanuudhaaf tokkummaadhaan wal in ga’ani. Iyyaasuu fi Israa’elootiin lolanii isaan in mo’atani.

15. Biyyattii Abdii — illustration 12

Waraana kana booddee Waaqayyo qoomoo Israa’el kan ta’ani tokkoo tokkoo isaaniitiif biyya abdii irraa qooda isaan ga’u in kenneef. Achumaan Waaqayyo Israa’eliif daangaawwan ishee hundumaaf nagaa in kenneef.

15. Biyyattii Abdii — illustration 13

Iyyaasuun yommuu dulloome saba Israa’el hundumaa bakka tokkotti waamee Siinaa irratti waadaa Waaqayyo Israa’elootaaf galeef akka abboomamaniif dirqama isaanii sabicha in yaadachiise. Waaqayyoof amanamoo ta’anii jiraachuu fi seeroota isaa eeggachuuf sabichi waadaa in gale.

Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Iyyaasuu 1-24

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).