14. Lafa onaa keessa deddeebi’ani
Kutaa waadaa Waaqayyo isaan wajjin gale kan ta’an seerotaaf akka abboomamaniif Israa’elootatti erga himee booddee, tulluu Siinaatii in deemani. Waaqayyo sabicha tulluu Siinaatii gara biyya Kana’aan jedhamtee waamamaa turtee gara biyya abdiitti isaan gaggeessuu jalqabe. Utubaan duumessaa fuuldura isaanii gara Kana’aan in deeme, isaanis in hordofani.
Waaqayyo biyyattii abdii sanyiiwwan isaaniitiif akka kennu Abrihaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqobiif abdii kennee ture. Amma garuu biyyattii keessa gosa saboota baay’eetu jiraatu turan. Isaanis warra Kana’aan jedhamanii waamamu turani. Warri Kana’aan Waaqayyoon hin waaqeffatani yookin hin abboomamaniifis. Waaqota sobaa in waaqeffatani, wantoota baay’ees in godhani.
Waaqayyo akkana jedheeti Israa’elootatti hime, “Biyya abdii keessa kan jiran warra Kana’aan hundumaa isaan ballessaa. Isaan wajjin nageenya hin godhatinaa wal hin fuudhinaas. Waaqota tolfamaa isaanii raawwattanii balleessaa. Anaaf yoo abboomamuu dhiiftani bakka koo waaqota tolfamaa kan isaanii waaqeffattu.”
Israa’elootiin gara daangaa Kana’aan yeroo ga’an Museen qomoo lsraa’elotaa tokkoo tokkoo isaanii keessaa nama tokko tokko namoota kudha lama in filate. Dhaqanii biyyittiin maal akka fakkaattu akka basaasaniif qajeelfama isaanitti in kenne. Namootiin kuni ciccimoo yookin dadhaboota ta’uu isaani ilaaluuf warra kana’aan immoo basaasuutu isaanirra ture.
Namootiin kudha lamaan kana’aan keessa guyyaa afurtama adeemaniitu keessa deddeebi’anii ilaalani dhufani. “Biyyattiin sun baay’ee misoomtuu akkasumas midhaan ishees baay’ee irraa hafaa dha!” jedhanii sabichatti himani. Basaastotni kurnan garuu, “Magaalotni isaanii baay’ee jajjaboo dha, namootni isaaniis baay’ee ciccimoo dha! Yoo isaan wajjin wal waraanne dhugumatti nu mo’atu nu ajjeesus!” jedhani.
Yeroodhuma sanatti basaastotni lamaan biroon Kaalebii fi Iyyaasuun “Namootiin Kana’aan dheedheerota akkasumas ciccimoo ta’uun isaanii dhugaa dha, garuu nuti isaan in mo’anna! Waaqayyo nuuf in lola!” jedhani.
Sabichi garuu Kaalebii fi Iyyaasuu hin dhageeyne. Musee fi Aaronitti dheekkamanii “Gara waan baay’ee hamaa ta’e kanatti maaliif nu fiddani? Waraanaan duunee haati manootiinii fi ijoolleen keenyas garboota ta’uu isaaniirra biyya Gibxii utuu jiraannee nuuf in wayya ture!” jedhani. Sabichi gara Gibxiitti deebisee kan isaan geessu gaggessaa adda ta’e filachuuf in barbaadani.
Waaqayyo baay’ee dheekkamee gara dunkaana walga’iitti dhufe. Akkanas in jedhe, “Isin ana irratti waan kaataniif sabichi hundumtuu lafa onaa keessa in deeddeebi’a. Iyyaasuu fi Kaaleb maalee waggaa digdamaa fi sanaa ol kan ta’an hundumtuu achitti in du’u malee gara biyya abdiitti hin galani.”
Sabichi yeroo kana dhaga’ani cubbuu godhuu isaaniitti baay’ee in gaddani. Meeshaa lolaa isaanii qabatanii namoota Kana’aan waraanuuf in dhaqani. Waan Waaqayyo isaan wajjin hin jirreef akka hin dhaqne Museen isaan akeekkachiisee ture, isaan garuu isa hin dhageenye.
Waaqayyo isaan wajjin gara waraanaa hin dhaqne, kanaafuu in mo’atamani, baay’een isaaniis in ajjeefamani. Achumaan Israa’elootiin Kana’aan irraa deebi’anii lafa onaa keessa waggaa afurtamaaf in deddeebi’ani.
Waggoota afurtamaaf sabni Israa’el lafa onaa keessa deddeebi’anitti Waaqayyo nyaata isaaniif in laate. Samii irraa buddeena “Mannaa” jedhamee waamamu isaaniif in kenne. Akka foon nyaataniifis immoo sinbirroota girrisaa ergeef. Yeroo sana hundumaa uffatnii fi kopheen isaanii akka hin dhumne in godhe.
Waaqayyo karaa raajii ta’een bishaan illee dhakaa kattaa keessaa isaaniif in kenne. Kuni hundis ta’ee sabni Israa’el garuu Waaqayyoo fi Musee irratti gaddanii in guungumani. Ta’us Waaqayyo abdi Abrihaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kenneef amma illee amanamaadhuma ture.
Sabichi ennaa bishaan hin qabne yeroo tokko Waaqayyo Museedhaan “Dhakichatti dubbadhu, isa keessaas bishaan in ba’a” jedheen. Museen garuu dhakaa kattichaatti dubbachuu dhiiseetu yeroo lama waan rukuteef saba sana hundumaa fuulduratti Waaqayyoon kabajaa dhowwate. Akka namni hunduu dhuguuf dhakaa kattichaa keessaa bishaan in ba’e, garuu Waaqayyo Museetti dheekkameetu gara biyya abdiitti hin galtu’’ jedheen.
Israa’elootni waggaa afurtamaaf lafa onaa keessa erga deddeebi’anii booddee warri Waaqayyo irratti ka’an hundumtuu in du’ani. Achumaan Waaqayyo deebi’ee sabicha gara daangaa biyya abdiitti in gaggesse. Amma Museen dulloomee ture, kanaafuu sabicha gaggeessuudhaan akka Musee gargaaruuf Waaqayyo Iyyaasuu in filate. Akkasumas Waaqayyo raajicha kan biraa kan akka Musee gaafa tokko akka ergu Museedhaaf abdii in kenne.
Achumaan biyya abdii sana arguuf akka danda’utti gara tulluutti akka ol ba’uuf Waaqayyo Museetti in hime. Museen biyya abdii sanaa in arge, garuu gara isheetti akka galuuf Waaqayyo hin eeyyamneefi. Achumaan Museen in du’e, Israa’elootnis guyyaa soddomaaf in gaddaniif. Iyyaasuun gaggeessaa isaanii isa haaraa in ta’e. Iyyasuun waan Waaqayyoon amanatee fi waan abboomamaa tureef gaggeessaa gaarii dha ture.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Seera Ba’uu 16-17, Lak.10-14, 20, 27, Kess.34
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).