13. Waadaa Waaqayyo Israa’elootaa wajjin gale
Waaqayyo Israa’eloota karaa galaana diimaa erga gaggeessee booddee karaa lafa onaa gara tulluu siinaa jedhamee wamamutti isaan in geesse. Kunis iddoo tulluu Museen miciree gubatu itti argee dha. Sabichi tulluu sana jalatti dunkaana isaanii dhaabbatani.
Waaqayyo “Yoo naaf abboomamtanii fi waadaa koo yoo eeggattan qabeenya ulfina-qabeessa, luboota mootichaa, akkasumas saba qulqullaa’aa naaf taatu.” jedheetu Musee fi saba Israa’elitti in dubbate.
Sabichi karaa adeemsa hafuuraatiin erga of qopheesanii guyyaa sadii booddee Waaqayyo kakawweedhaan, bakakkaadhaan, aaraan, akkasumas sagalee imbiltaa ol-ka’aa ta’een tulluu siinaa irratti gadi bu’e. Gara tullichaatti akka ol-ba’uuf kan eeyyamameef Musee qofaaf ture.
Achumaan Waaqayyo waadaa isaaniif gale akkana jedhee, “Ani garbummaa biyya Gibxii jalaa isin kanan baase Waaqa keessan Yaahiwwee dha. Waaqota biroo akka hin waaqeffanne.”
“Waaqota biraa hin tolfatinaa, hin waaqeffatinaas, sababiin isaas ani Yaahiwween Waaqa inaafaa dha. Maqaa koo waan bu’aa hin qabneef hin waamin, guyyaa Sanbata qulqulleesuuf isa yaadadhu. Jechunis hojii kee guyyaa ja’a keessatti hojjetadhu, sababiin isaas guyyaan torbaffaan guyyaa itti boqottuu fi guyyaa ana itti yaadattuu dha.
“Abbaa kee fi haadha kee kabaji. Hin ajjeesin. Hin ejjiin. Hin hatin. Hin sobiin. Haadha manaa hiriyaa keetii, mana isaa, yookin kan isaa waan ta’e maaluma iyyuu fudhachuuf hin haawwiin.”
Achumaan Waaqayyo abboommiwwan isaan kana kurnan dhagaa diriiraa lama irratti barreessee Museetti in kenne. Dabalees Waaqayyo kan isaan eeggatan seerota baay’ee kan biroo fi sirnoota ittiin gaggeeffaman in kenneef. Sabichi yoo seerota kana raawwatan Waaqayyo akka isaan eebbisuu fi akka isaan eegu abdii isaaniif in kenne. Seerota kana yoo raawwachuu dhiisan garuu Waaqayyo isaan in adaba (qixaaxa).
Waaqayyo waa’ee dunkaana isa Israa’elootni akka hojjetaniif barbaaduu ibsa isaaniif in kenne. Inni dunkaana walga’ii jedhamee in waamama ture, golga guddadhaan kutaa lamatti hiramee ture. Waaqayyo waan achi jiraacha tureef golgicha duubatti darbuuf kan eeyyamameef hangaficha lubaaf qofa ture.
Namni seera Waaqayyoo hin raawwanne kam iyyuu dunkaana walga’ii fuuldura iddoo aarsaa jirutti Waaqayyoof kan ta’u horii aarsaa fiduudhaaf in danda’a ture. Lubichis horicha qaleetu iddoo aarsichaa irratti in guba ture. Dhiigni horii qalamees cubbuu namichichaa dhokseeti namicha sana Waaqyyoon duratti in qulqulleessa ture. Waaqayyo luboota isaa akka ta’aniif Aaron obboleessa Musee, akkasumas sanyiiwwan Aaron in filate.
Sabichi hundumtuu abboommii Waaqayyo isaaniif kenne raawwachuuf, Waaqayyoon qofa waaqeffachuuf, saba isaaf adda ba’e ta’uuf walii in galani. Haa ta’uu malee Waaqayyoof abboomamuuf waadaa erga galaniin booddee yeroo muraasa keessatti cubbuu hamaa in godhani.
Museen guyyoota baay’eedhaaf fiixee tulluu Siinaa irra taa’ee Waaqayyo wajjin in dubbata ture. Sabichis amma inni deebi’utti isa eeguudhaaf in nuffani. Kanaafuu Aaronitti warqee fidanii waaqa tolfamaa nuuf tolchi jedhanii isa gaafatani!
Aaron boca jabbiitiin waaqa tolfama warqee irraa in tolche. Sabichi haala to’annaan ala ta’etti waaqa tolfamaa waaqeffachuu in jalqabani, aarsaas in dhiyeessaniif. Sababa cubbuu isaantiif Waaqayyo baay’ee isaanitti in dheekkame, isaan balleessuudhaafis in kaayyeffate. Museen garuu isaaniif in kadhate, Waaqayyos kadhaa isaa waan dhaga’eef isaan hin balleessine.
Museen tuullicha irraa gadi bu’ee waaqa tolfamaa sana yeroo arge, baay’ee dheekkamuudhaan dhakaawwan Waaqayyo abboommii kurnan irratti barreesse in caccabse.
Achumaan Museen waaqicha tolfamaa in daake, bishaan irrattis in facaase, sabichas in obaase. Waaqayyos sabichatti balaa ergeeti baay’een isaanii in du’aani.
Museen lammaffaa gara tullichaatti ol-ba’ee Waaqayyo cubbuu isaanii akka dhiisuufiif sabichaaf in kadhate. Waaqayyo kadhata Musee dhaga’ee dhiifama isaaniif in godhe. Dhakaa Museen cabse bakka buusuudhaaf dhakaa haaraa kan biraa irratti abboommii kurnan in barreesse.
Achuman Waaqyyo Israa’eloota tulluu Siinaatii gara biyya abdiitti isaan in gaggeesse.
Seenaa Macaafa Qulqulluu: - Seera Ba’uu 19-34
Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).