12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 1

Israa’elootni biyya Gibxiitii ba’uu isaaniitti baay’ee in gammadani. Kana booddee garboota miti; gara biyya abdiittis adeemu turani. Namootni biyya Gibxii Israa’elootaaf warqee fi meetii akkasumas wantoota gati-jabeeyyii kan biraas utuu hin hafiin waan isaan gaafatan kam iyyuu in kennaniif. Biyya Gibxiitti yeroo ba’an namootni qomoo biraa tokko tokkos Waaqayyoon amanatanii Israa’elootaa wajjin in deemani.

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 2

Waaqayyo isaan wajjin yeroo deeme dura isaanii ba’eetu guyyaa utubaa duumessaa dheeraatiin, halkan immoo utubaa ibiddaa dheeraadhaan isaan dura adeemee karaa isaanitti agarisiise. Waaqayyo yeroo hundumaa isaan wajjin ta’ee yommuu karaa deeman isaan gaggesse. Wanti gochuun isaan irraa eegamu yoo jiraate isa duukaa bu’uu qofa ture.

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 3

Yeroo muraassa booddee, Fari’oon fi sabni isaa yaada isaanii jijjiirratanii Israa’elootni deebi’anii akka garboota isaanii ta’an in barbaadani. Waaqayyo qofti waaqa dhugaa ta’uu isaa sabichi akka arganiif, akkasumas inni Yaahiwween, Fari’oonii fi waaqota isaa irraa caalatti akka humna qabeessa ta’e akka hubataniif garaa Fari’oon cimsee in jabeesse

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 4

Kanaafuu Fari’onii fi loltootni isa deebisanii garboota isaan godhaachuuf Israa’eloota in hordofani. Israa’elootni raayyaan warra Gibxii dhufuu yeroo argan raayyaa Fari’onii fi galaana diimaa gidduutti qabamuu isaanii beekani. Baay’ee sodaatani waan turaniif “Maaliif biyya Gibxiitii baane? Du’uu keenya” jedhanii iyyani.

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 5

Museenis Israa’elootaan “Hin sodaatinaa har’a Waaqayyo isiniif in lola inni isin in baasa” jedheetu isaanitti hime. Achumaan Waaqayyo “Gara galaana diimaatti akka deemu sabichatti himi” jedheetu Museetti hime. Achumaan warri Gibxii akka Israa’eloota hin argineef warra Gibxii fi Israa’eloota gidduu isaaniitti utubaa duumessaa in godhe.

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 6

Waaqayyo Museen harkasaa galaanicha irratti akka diriirsuuf bishaanichis gargar akka hiramu isatti hime. Achumaan Waaqayyo galaanicha keessa karaan darban akka jiratuuf qilleensi bishaanicha gara mirgaa fi bitaatti akka hiru in godhe.

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 7

Israa’elootiin bishaanichi akka keenyaniitti mirgaa fi bitaa isaanii dhaabatee utuu jiruu galaanicha keessa lafa gogaa irra in adeemani.

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 8

Achumaan warri Gibxii akka Israa’elootni isaan harkaa ba’an akka arganiifi Waaqayyo duumesicha karaa irraa ol in kaase. Gibxootni isaan duukaa bu’anii hordofuuf in murteeffatani.

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 9

Kanaafuu karaa galaanichaa Israa’eloota in hordofani; Waaqayyo garuu Gibxootni akka dhiphatanii fi konkolaattotni isaaniis akka hidhaman in godhe. “Baqadhaa Waaqayyo Israa’elootaaf lolaafii jiraa!” Jedhanii in iyyani.

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 10

Erga Israa’elootni nagaadhaan galaanicha ce’anii booddee, Museen harka isaa lammaffaa akka galaanicha irratti diriirsuuf Waaqayyo Museetti hime. Innis yeroo abboomame bishaanichi loltoota warra Gibxii irraatti deebi’ee akkuma duraa in ta’e. Raayyaan waraana warra Gibxii hundumtuu bishaan keessatti in liqimfamani.

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 11

Israa’elootni akka warri Gibxii du’an yeroo argan Waaqayyotti in amanani Museenis raajii Waaqayyoo ta’uu isaa in amanani.

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 12

Waaqayyo du’aa fi garbummaa jalaa isaan waan baseef Israa’elootni gammachuu guddaadhaan Waaqayyoon tajaajiluudhaaf amma bilisa in ta’ani. Israa’elootiin inni waraana raayyaa Gibxii jalaa waan isaan baaseef bilisummaa isaanii isa haaraa kabajuuf akkasumas Waaqayyoon galateeffachuuf faarfannaa baay’ee in faarfatani.

12. Biyya Gibxiitii ba’uu Israa’elootaa — illustration 13

Waaqayyo akkamitti warra Gibxii irratti mo’icha akka isaaniif kenneefi garboota akka hin taane akkamitti akka isaan oolche yaadachuuf bara baraan Faasigaa akka kabajan Israa’eloota in abboome. Ilmoo hoola qulqulluu ta’e qalaatii maxinoo raacita hin qabne waajjin nyaachuudhaan gammadani.

Seenaa Maccafa Qulqulluu:- Seera Ba’uu 12:33-15:21

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).