11. Faasigaa

11. Faasigaa — illustration 1

Yoo Israa’eloota gadi dhiisuu baate ilmoo dhiiraa kan namaa fi kan horii hangafa warra ta’an akka ajjeesu Waaqayyo Fari’ooniin in akeekkachiise. Fari’oon kana yeroo dhaga’e ammas amanachuu fi Waaqayyoof abboomamuu in dide.

11. Faasigaa — illustration 2

Kan isatti amanate ilmoo dhiiraa hangafaa kan nama kami iyyuu baraaruudhaaf Waaqayyo karaa in baase. Tokkoo tokkoon maatii ilmoolee hoolaa qulqulluu ta’e filatee in qale.

11. Faasigaa — illustration 3

Waaqayyo Israa’elootni dhiiga hoolichaa balbala mana isaanii irratti akka diban, foon isaa immoo waadanii maxinoo raacita malee tolfameen daddafani akka nyaatan isaanitti in hime. Akkasumas yommuu nyaatan biyya Gibxiitii ba’uuf akka qophaa’an isaanitti in hime.

11. Faasigaa — illustration 4

Israa’elootni akkuma Waaqayyo isaan abboometti waan hundumaa in godhani. Halkan walakkaa Waaqayyo guutummaa biyya Gibxii keessa qaxxaamuree ilmoo dhiiraa hangafaa hundumaa in ajjeese.

11. Faasigaa — illustration 5

Balballi manneen Israa’elootaa hundumtuu dhiigaan dibamanii turan, kanaafuu Waaqayyo isaan irra in darbe, manneen sana keessa kan jiru namni hundumtuu du’a jalaa in hafe. Israa’elootni kan hafaniif sababa dhiigaa hoolichaatiifi.

11. Faasigaa — illustration 6

Gibxootni garuu Waaqayyoon hin amananne turani, abboommii isaas in raawwanne. Kanaafuu Waaqayyo mana isaanii irra hin darbine. Waaqayyo hangafa ilmaan dhiiraa Gibxootaa hundumaa in ajjeese.

11. Faasigaa — illustration 7

Hangafa nama mana hidhaa keessatti hidhame irraa jalqabee hamma hangafa Fari’oonitti dhiirotni hangafaa warra Gibxii tokko tokkoon in du’ani. Cimina gadda isaanii irraan kan ka’e biyya Gibxii keessa kan jiran namootni baay’een in boo’u in iyyus turani.

11. Faasigaa — illustration 8

Halkanuma sana Fari’oon Musee fi Aaron waamee “Israa’eloota fudhadhaati ammuma deemaa!” isaaniin jedhe.

Seenaa Macaafa Qulqlluu: - Seeraa Ba’uu 11:1-12:32

Read in the reader

Free to use, adapt, and share under an open license (CC BY-SA 4.0).